Tuqaalee Ijoo
- Dooniin Jalqabaa Amajjii 26 osoo hin taane Amajjii 18, 1788 Botany Bay gahe
- Biyyi Australia kan sirnaan hundeeffame Guraandhal 7 bara 1788 malee Amajjii 26 miti.
- Amajjii 26 yeroo dheeraaf bakka mormii fi ummattoota Saboota Jalqabaaf ammoo kan dhuguu itti ifa baasan.
Barreeffamni kun video NITV kan John-Paul Janke, Gulaalaa Dhimma Abbootii Dachee Biyyaalessaa SBS fi qopheessaa The Point kan irra argame irratti hundaawe. Amajjii 26 akkamitti guyyaa Australia akka ta’ee fi maaliif namoota guutuu biyyattii jiraniif hiika baay’ee adda addaa qabaachuu akka itti fufe hordofa ykn qorata.
- Australia keessatti Amajjii 26 maaltu tahe?
- Dooniin jalqabaa Amajjii 26 qubattee?
- Biyyi Australia sirnaan yoom hundeeffame?
- How did the landing impact First Nations
- Qubannaan Saboota Jalqabaa irratti miidhaa akkam fide?
- Maaliif Amajjii 26 guyyaa Australia tahe?
- Guyyaan Australia Federasiona ibsaa?
- Maqaan Guyyaa Australia jedhu yoom hojii irra oole?
- Maaliif Amajjii 26 ummattoota Saboota Jalqabaaf guyyaa gaddaa tahe?
- Guyyaan Australia yoom guyyaa ayyaan ummataa tahe?
- Har'a illee Amajjii 26 maaliif dhimma fardii tahe?
Australia keessatti Amajjii 26 maaltu tahe?
Amajjii 26 guyyaa1788 Captain Arthur Philliip Alaabaa British Sydney Cove irratti ol kaase mul'isa. Haga galgala saniitti, dooniin jalqabaa keessaa kudha tokkoon isaanii Port jackson bakka jedhamutti cancalaman, kun ega biyya Inglzii irraa bahanii ji'a saddeet booda.
Yeroon kun yeroo reefuu jalqaba sabaa waan tureef, guyyaan kun eegala qubatnaa British ykn ammoo guyyaa koloniin biyyattii irra gadi dhaabbachuus miti.

Dooniin jalqabaa Amajjii 26 qubattee?
Lakki. Dooniin jalqabaa Botany Baygahuu kan eegale gaafa Amajjii 18 bara 1788. Ega naanoo isaa qorateen booda Phillip iddichi sababa biyyee gaarii hin qabneef akkasumas bishaanni murooftuu waan taateef qubatnaaf akka hin mijoofne murteesse.
Doonniwaan kuns Doonniwan Faransaayii ajaja Captain Jean-Francois de La Perouse, jalatti Amajjii 25 kan imaltu turte. Haalli qileensichaas tokko irraa kan hafe dooniwwan hunda irratti dhiibbaa taasisee ture. Dooniin milkaa'e kunis kan dhiyeessii ture. Gaafa 26 ganama barii ammo Kabajatnaatu ture.
Biyyi Australia sirnaan yoom hundeeffame?
Koloniin New South Wales sirnaan kan labsame Guraandhal 7 bara 1788, kunis yeroo bulchiinsi Arthur Philip sirnaan labsame ture.
Koloniin kun guutummaa Austalia gara bahaatti Meridianii degree 135 baha irraan kan hammate ture. Kunis lafa guddittii Australia walakkaa ol kan hammate yoo tahu, yoo dhuma illee lafti siluma iyyuu kan ummatoota Saboota Jalqabaa tahe illee ilaalcha keessa hin galchine.

Qubatnaan Saboota irraan dhiibbaa akkam geessese?
The First Fleet arrived on Country belonging to at least 29 First Nations clan groups across the Sydney Basin. The land was not vacant.
”Dooniin jalqabaa lafa gosootni 29 guutummaa Sydney keessa faca’anii keessa jiraatan irra qubatee ture.Lafti duwwaa hin turre.
Ummattoota Saboota Duraaf, Amajjiin 26 jalqaba waa hunda dhabuu, gaja'umsaa fi diddaa ti. Kun har'a illee akka itti dhagametti jira.
Maaliif Amajjii 26 Guyyaa Australia tahe?
Amajjiin 26 yeroo jalqabaaf akka ayyaana ummataa Kolonii New South wales ta’utti Bulchaa Lachlan Macquarie tiin bara 1818tti yeroo guyyaa qubachuu jalqabaa ykn guyyaa hundeeffama jedhamee odeeffatame.
Haga bara 1888tti Amajjii 26 sirna kolonii irra guddaa keessatti Guyyaa hundeeffamaa ykn bu’uureffamaa jedhamee kabajama ture.
Dhuma jaarraa 19ffaa keessa gareen Waldaa Dhalattoota Australia jedhamu gaaffii federeeshina fi Amajjii 26 ayyaana biyyaalessaa tahe akka kabajamu kanneen lallisan tahanii dhaabbatan. Dhaabbatichi federesional lallise garuu ammoo miseensummaa ummata adii qofatti daangeese, dhalattoota-Australia,
In the late nineteenth century, the Australian Natives Association became a strong advocate for a national holiday on January 26. The organisation promoted federation but restricted membership to white, Australian-born men.
Guyyaan Australia federeesiona ibsaa?
Lakki. Commonwealth Australia waggaa haaraa tahuu kan jalqabe bara 1901. Teessumni paaralaamaa federesionall jalqaba kan taaé Caamsaa 1901.
Amajjii 26 ayyaana kamuu hin ibsu. Iddoosaa qubatnaa Sydney Cove irraa kan bara 1788 nama yaadachiisa.
Maqaan Guyyaa Australia yoom hojii irra oole?
Waraana Addunyaa Jalqabaa ture kan yaad-rimeen Guyyaa Australia biyyoolessaa kan uumame .Waggaa dheeraaf qophiilee Amajjii osoo hin taane Adoolessa keessa gaggeeffamu turan.
Haga 1918, dhaabbileen tokko tokko Amajjii 26 Guyyaa Australia jechuun yaamu. bara 1930 keessa ammoo Waldaan Dhaloota Australia sirnaan maqaa kana fudhate, 1935 ammoo kutaan biyyaa hedduun isaanii Amajjii 26 Guyyaa Autralia tahuu beekamtii kennaniif, Garuu New South Wales amma iyyuu Guyyaa bu’uureffamaa jechuu filataniiru.
Amajjii 26 ummattoota Saboota Jalqabaaf maaliif guyyaa gaddaa tahe?
waggaa 150ffaa bu’uureffama kanaa irratti, hoggantoonni Saboota Duraa Guyyaa Gaddaa qopheessan. Kun mormii mirga lammiilee Aboriginal biyyoolessaa jalqabaa keessaa isa tokko ture.
Amajjii 26 guyyaa cimaa mormiin itti ka'u waan taheef, hawaasa Saboota Jalqabaaf guyyaa yaadannoo fi guyyaa lubbuun hafanii jiraachuu ti.
Amajjii 26 yoom guyyaa ayyaana biyyoolessaa ummataa tahe?
Guyyaan ayyaana ummataa biyyattii walii gala keessatti walfakkaataa miti waggoota kurnan dabraniif. Kana Amajjiidhuma 26 kabaju, kaan ammoo Ayyaana Wiixatatti dhihaatee dhufu tahuutti hubatu.
Bara 1988, waggaa dhibba lama kutaaleen biyyaa hundi isaanii Guyyaa Australia jechuun Amajjii 26 kabajuun wal simataa dhufe. Dhuma irratti, bara 1994tti iddoo hunmuatti Ayyaanni kun walfakkaataa tahe.

Har'a illee Amajjii 26 maaliif dhimma fardii tahe?
Amajjii 26 namoota tokko tokkoof guyyaa ayyaana ti, ummatoota Saboota Jalqabaa hedduudhaaf garuu guyyaa gaddaa, mormii fi lubbuun jiraachuu isaanii bakka bu’a.
Haasaan guutuu biyyattii keessatti haga itti fufee jirutti, seenaa guyyaa kana duuba jiru hubachuun qaama sochii gara dhugaa dubbachuutti ol guddataa jira.
Qophiin Australia ibsuu jedhu kun NITV waliin ta'uun kan hojjetame dha. Sagaleen John-Paul Janke irraa karaa videoon NITV hojjete irraa fudhatame.









