SKIP TO MAIN CONTENT

Australia keessatti yoo poolisiin na dhaabe mirgootni koo maalfaa dha? - AE

Australia Explained - Police Powers
It's common to see police officers patrolling public spaces. Credit: imamember/Getty Images

Poolisootni aangoo hojii seera jalatti fayyadamuu danda'an adda addaa qabu, kanneen akka gaaffii nama gaafachuu, kallattii ykn qajeelfama akka "socho'i" ("move on") jedhu dabarsuu fi nama sakatta'uu dabalatee. Yeroo poolisiin waliin dubbattan keessatti mirgootaa fi dirqamoota isin qabdan beekuun isini irra jiru kunoo ti.


Published

By Zoe Thomaidou

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Skip to podcast episode content

Poolisootni aangoo hojii seera jalatti fayyadamuu danda'an adda addaa qabu, kanneen akka gaaffii nama gaafachuu, kallattii ykn qajeelfama akka "socho'i" ("move on") jedhu dabarsuu fi nama sakatta'uu dabalatee. Yeroo poolisiin waliin dubbattan keessatti mirgootaa fi dirqamoota isin qabdan beekuun isini irra jiru kunoo ti.


Tuqaalee Ijoo

  • Kutaa biyyaa fi daangaa Australia keessatti aangoon poolisii garaa gara tahuu mala.
  • Hafuura kee ilaaluuf afuufi yeroo siin jedhan diduun yakka.
  • Eenyummaa kee ibsuun seeraan dirqama tahuu danda'a garuu gaaffii dabalataa deebisuu dhiisuu dandeessa.
  • Waliin dubbatnaa polisii waliin ilaalchisee yaaddoo yoo qabaatte gorsa seeraa barbaadi.

Australia keessatti yoo poolisiidhaan dhaabbadhu jedhamte mirgoota bu'uuraa kee beektaa?

Akka Samantha Lee, gargaartuu itti-mataa abbotii seeraa kan Redfern Legal Centre jedhtutti , Australia keessatti dhalatanis tahe kan haaraa dhufan baayyeen namaa daangaa aangoo police hin beekan.

Poolisiin yeroo akkam humnaan na dirqisiisuu danda'a?

Yaadni dogoggoraa naannoo aangoo poolisii baay’inaan mul’atu tokko humna fayyadamuu ilaallata.

"Polisii waan tahan qofaaf humnatti dhimma bahuuf mirga akka isaan itti hin qabne ummati beekuun dhugumaan barbaachisaa dha.."

Haalota murtaa'an keessatti humna fayyadamuu danda'u, garuu haalawwan sana keessatti haala madaalawaa ta'een yoo barbaachisaa ta'e qofa.
Samantha Lee

Humna ‘sababaa’ akka furmaata dhumaa ta’etti fayyadamuun walmadaaluu qaba; waan barbaachisu caalaa miti.

Poolisiin yoom humna seeraan fayyadamuu akka danda'u guutuu biyyattiitti seerri walfakkaataan jira.

Haa ta’u malee, aangoo murtii Australia hunduu seera mataa isaa kan aangoo poolisii bulchu qaba.

“Kanaaf, seera kutaa biyyaa fi naannoo kee sakatta’uu qabda.”

Australia Explained - Police Powers
Police can stop drivers of a car or boat, people on the street, at a public transport station or in other public areas. Credit: ozgurcankaya/Getty Images

Yeroon poolisiin dhaabsifamu migootni fi dirqamootni koo maalfaa dha?

Haala tokko tokko keessatti ibsa eenyummaa akka kennitu seeraan kan si irraa eegamu ta’us, Australia keessatti dirqamni waliigalaa waraqaa eenyummaa qaamaa qabachuu hin jiru.

Haa ta’u malee, kutaalee fi naannolee Australia irra caalaan isaanii yeroo konkolaachiftan hunda hayyama konkolaachisummaa seera qabeessa ta’e qabachuu qabda. Naannolee tokko tokko keessatti hayyama konkolaachisummaa kee yeroo gaafataman dhiyeessu yoo dadhabde hanga guyyaa lamaatti buufata poolisiitti akka dhiheessitu hayyamamuu danda’a.

Poolisiin maqaa fi teessoo kee yoo gaafate sababa si dhaabuu fi waraqaa eenyummaa kee barbaadu sitti himuu qaba.

Haasawa poolisii kam iyyuu keessatti, Aadde Lee, qondaalli kun kaameraa isaanii qaama isaanii irratti diratanii jiran akka banan gaafachuun gaariidha jedhti.

“Akkasumas yeroo meeshaan sun banamu maaliif akka dhaabamtan gaafadhaa.”

Kanneen ala ta’an raawwatiinsa ni qabaatu, garuu akka waliigalaatti gaaffii adda baafamuu bira darbee deebii kennuudhaaf dirqama seeraa hin qabdu jechuun Klaire Coles, daayreektarri hojii seeraa Brisbane Caxton Legal Center yeroo ibsitu.

“Namoonni yeroo hunda hamma danda’ametti tumsa gochuu qabu [...] safuu qabaachuu fi waan gaafatameef bitamuu danda’u, garuu poolisiin hojii isaanii raawwachuuf maal akka barbaachisu caalaa odeeffannoo dabalataa kennuu hin qaban.

“Calisuuf mirga qabu, akka waan yakka yakkaatiin isaan himatamu hin dubbanne,” jedhti Aadde Coles.

Australia Explained - Police Powers
Police can legally search your car with a warrant, if you give consent, or if they have reasonable suspicion about an offence. Credit: imamember/Getty Images

Ajajjni socho'i (move-on) jedhu maal dha?

Poolisiin ajaja seeraa yeruma-sanitti dabarsuu danda'u, bakkicha akka gad dhiiftee deemtu, ykn yeroo murtaa'eef, haga sa'a 24 tahu gaafatuu malu.

Seerri Kutaa Biyyaa fi Daangaa polisiin naannoo tokko irraa nama deemsisuu fi dhorku(aangoo move-on)) maaliif akka qaban Sababa isaa waliin ni ibsan.

Sababooti kunis yoo polisiin karaa danqaa jirta tahe, nama kan biroo doorsiste tahe ykn nageenyaaf ni sodaachista jedhee yoo itti amane. Kunis daangaa ati mirga itti maaliif akka socho'i siin jedhan gaafattu keessatti.

"Polisiin maaliif humna kanatti akka dhimma bahe sababi bakka sana irraa akka fagaattee deemtu gaafatamteef maal akka tahe gaafachuuf mirga ni qabda." jedhti aadde Klaire.

Poolisiin yeroo akkam waraqaa eenyummaa na gaafata?

Haallan seera kutaa biyyaa fi daangaa biyyaa keessatti ibsaman rratti hundaa'ee poolisiiin waraqaa eenyummaa si gaafachuu danda'a.

Marlene Dixon, Dirkteera hojii seeraa kan Melbourne Community Legal, Wantoota dhimma kana ibsan ijoo tahan akkas jedhtee ibsiti.

  • Yoo poolisiin namni kun yakka dalage yokin yakka dalaguuf jedhee amana tahe dha.
  • Namni karaa irra konkolaataa oofaa jira tahe ykn bidiruu ykn kan biraa oofa yoo tahe.
  • Geejjibsiisaa ummataa irra jiru yoo tahe
  • Bakka dhugaatiin alcohol itti daldalamu
  • Yeroo itti yakka raawatameen wal qabsiisee qorannaa taasisamaa jirutti odeeffannoo argachuuf waraqaa eenyummaa nama gaafachuu danda’u.
Australia Explained - Police Powers
If police ask you for ID, stay calm and politely inquire the reason. Credit: Joel Carillet/Getty Images

Guutummaa Australia keessatti, konkolaachiftoonni seeraan yoo poolisiin sagalee dhageessisuu(siren) jalqabe ykn qorannoon hafuura ilaaluu akka tasaa daandii cinaa yoo jiraate dhaabbatanii ajajamuu qabu.

''Poolisiin konkolaachiftoota daandii irraa gorsiisuu fi qorannoo hafuuraa akka raawwatan gaafachuuf aangoo bal'aa qaba.

Qorannaa hafuuraaf ajajamuu qabda, yoo didde yakkaan himatamtee adabamta.
Marlene Dixon

Poolisii waraabuu nan danda'aa?

Waliin dubbatnaa poolisii waliin bakka uummanni itti heddummatutti waraabuun guutuu Australia keessatti ni hayyamama, namni waraabu sun haga hojii poloisootaa hin danqinetti.

“Namootni polisii waraabuu danda'u garuu fageenya irraa, kabajaa fi afaan tolummaan tahuu qaba, akka hojii poolisii hin danqinettis, " jedhti aadde Dixon.

Polisiin seeraan, sababuma waraabaman qofaaf meeshaa waraabbii nama irraa fuudhuu hin danda'an.

“Yoo akkas gochuu barbaadan karaa tooftaa seerawaa taheen argachuu danda'u."

Waa'ee poolisii sanii yoon yaaddoo qabaadhe maalan godha?

Poolisiin seeraa fi hojimaata hordofuuf aangoo qaba.

“Poolisiin seeraan ala, gara jabina qofaan ykn arrabsoo sanyii raawwateera jetdhtanii yoo yaaddan, hatattamaan ykn yeroo mana geessan waan ta’e barreessuu qabdu,” jedhtii Aadde Lee Redfern Legal Centre irraa.

Wanti gochuu qabdu:

  • Wanta tahe yoo suuraa ykn waraabbiin qabaatte kaayyadhu
  • Get a doctor’s report and photos if you suffered any injuries Ogeessa fayyaa kee biraa gabaasa waan si irra gahee fudhu, akkasumas suuraa yoo qabaattes.
  • Gorsa seeraa itti gaafadhu.

* Odeeffannoon kun uumamaan waliigalaa yoo ta’u, haalawwan ta’uu danda’an hundaafi seerota adda addaa aangoo murtii hunda keessatti hin hammatu. Odeeffannoo haala kee irratti adda ta’eef gorsa seeraa barbaaduu qabda."

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now