Tuqaalee Ijoo
- Garaagartummaan gaa'ela mijeeffamuu fi humnaa gidduu jiru hayyamni jiraachuu fi dhiisuu dha
- Gaa'elli humnaan raawwachuun seera fooyya’iinsa seera yakkootaa bara 2013 jalatti akka yakka waliigalaatti ilaalama.
- gaa'elli humnaa nama kami iyyuu irratti dhiibbaa uumuu danda’a—dargaggeessas ta’e maanguddoo, dubartoota ykn dhiirota, aadaa ykn amantii adda addaa irraa.
- Garaagartummaan gaa'ela mijeeffamaa fi humnaa maal?
- Gaa'ela humnaa irratti adabni seeraa Australia keessaa maal?
- Ga'ela humnaa booda sababni jiran maalfaa dha?
- Warra gaa'ela humnaatti saa ilamaniif Australia keessa gargaarsa akkamtu jiraaf?
- Gaa'ela humnaa hambisuuf hawaasni maal gochuu qaba?
- Mallattoolee beekamoon gaa'ela humnaa mul'isan maalfaa dha?
Akeekkachiisa qabiiyyee qophii kanaa: qophiin ykn barreeffamni kun waa'ee gaa'ela humnaa waan dubbatuuf tarii baayyee namaatti dhiphina yaadaa uumuu danda'a.
Namootni baayyeen gaa'elli humnaa biyya biraa keessatti taha se'u garuu as Australia keessattis tahuu danda'a.
Poolisiin Federaalaa Australia bara 2023-24tti gabaasawwan 91 gaa’ela humnaa raawwatamaniif rakkina dhalatan irratti kan argame yeroo tahu, kana keessatti harki afuri dhala namaa daldaluutu keessatti argama.
Garaagartummaan gaa'ela mijeeffamaa fi humnaa gidduu jiru maal?
Aadaa tokko tokko keessatti gaa’elli maatiin mijeeffamuun waanuma baramaa dha, garaagarummaa inni dirqisfamuu waliin qabu ehama keen tahuu isaa ti. Inni maatiin mejiiffamu lameenuu irratti walii galu, yeroo baayyee maatiin taasifama.
Gaa’ela humnaa keessatti, tokko ykn lameenuu fedhii isaaniin bilisa tahanii ehamanii hin jiran- kuniss tarii si’a tokko tokko sodaachisuu, dirqisiisuu, doorsisuu fi ykn umriin gaheessa tahuu dadhabuu irraa, fkf ijoollee wagga 16 gadii yoo tahan murtoo kennuuf bilchina hin qabne tahuu irraa mudata.
Aadde Kudzayi Nhatarikwa Gorsituun Sagantaa Deeggarsa Godaansaa kan Fannoo Diimaa, sadarkaa kamittuu dirqisiisni, doorsisni, ykn gowwoomsaan nama tokko waliin gaa’ela dhaabbachuuf dhiibbaa gochuun, Kanaan booda akka gaa’ela mijeeffannaatti hin ilaalamu jechuun ibsiti.
Gaa’ela humnaanii tahaa jira. Kanaaf, yeroo hedduu namootni waan burjaajawaniif garaagarummaa jiran kana addeessuun babaachisaa dha. Namootni, gaa’ela dirgisiisaa ykn fedhiin alaa keessa dabran illee gaa’ela mijeeffame se’uun amanu, " jedhti aadde Nhatarikwa
Aadde Kudzay itti dabaluun gaa’elli dirqisfamuu tahu nama hunda miidha – maaguddoos thae ijoollee, dubrtiis tahe dhiira ykn duubbee aadaa fi amantii kam irraa iyyuu yoo tahe dirqiin gaa’ela uumuun nama hunda miidha jedhti, dhimmi kunis Australia fi biyyoota addunyaafis yaaddoo fayyaa tahee jira jedhti.
" Australia keessatti, bifa gabrummaa ammayyoomee fi gochaa gabrummaa akka tahetti beekameera. Akkasumas namoota aadaa, amantii, umrii ykn saala, duubbee aadaa ykn Eenyummaa qofa irratti kan daangeffame miti. Garuu nama hunda miidhuu danda’a. Nama kamiyyuu miidhuu danda'a. kanaafuu saba hundaa fi aadaa hunda miidha," jedhti aadde Nhatarikwa.

Sakina Muhammad Jan arrives for sentencing at the County Court of Victoria in Melbourne, Monday, July 29, 2024. Jan is being sentenced for forcing her daughter to marry a man who then murdered her. (AAP Image/Diego Fedele) Source: AAP / DIEGO FEDELE/AAPIMAGE
Australa keessatti gaa'elli humnaa dhimma maatii keessaa qofa miti - yakka.
Panos Massouris, Daarektarri Tajaajila Immigireeshinii fi Sagantaa Gaa’ela humnaa dhaabuu, kan life without Bariers jedhu keessa hojjettu haala kana yeroo ibsitu gaa’elli humnaa Australia keessatti raawwatamu kam iyyuu seera yakka commonwealth jalatti fi Seera yakkaa bara 2013 fooyyawe jalatti yakka yakkaa ti jedhti. Seerri kun gaa’ela Australia keessatti uumamu kan namni tokko biyya alaa geeffamee irratti raawwatamu dabalatas jedhti.
"Akka yakka seera commonwealth’tti poolisiin Federaalaa Australia to’annoo gaa’ela humnaa qorachaa turetti, yakki gaa’ela humnaa raawwachuu kun, gaa’ela ummata gidduu(civil marriages), kan aadaa(cultural) kan amantaa(religious ceremonies) fi hariiroo galmeeffaman(registered relationships) kana hunda ilaallata , " jechuun ibsa obbo Massour
Sababootni gaa'ela humnaa duubaan jiru maalfaa dha?
Gaa’elli humna ykn dirqii, yeroo baayyee dargaggeettii fi ijoollee dubaraa, keessattuu ijoollota mana barumsaa jiran ganna 14-18 gidduu tahan miidha. Aadde Nhatarikwa haalota namoota dhuunfaa irratti hundooftee sababoota gaa’ela humna kana booda jiran ibsiti.
"Gaa’elli humnaa kan uumamuu danda’u aadaa gahee hojii saala irratti hirkate bakkatti eeguuf, waan maatii fi hawaassni irraa eegu guuchisuuf. Ykn yeroo sanitti maatii ykn Hawaasa cimsuuf ykn ammo duudhaa durii itti fufiinsa qabaachisuuf. Wanti nuti agarres, maatiin ykn warri gaa’ela humnaa kana mijeessan, hagam haalichi hamaa tahu illee, waan dansa dhala isaaniif waan godhaa jiran se’anii amanu. Waan gaarii dha jedhan filuufiin gahee hojii isaanii tahuutti amanu," jedhti aadde Nhatarikwa.
Hana Assafiri qabsooftuu hawaasummaa fi dubartummaa kan magaalaa Melbourne keessa jiraattu dha.
Bara 2017tti jijjiirama hawaasummaa fi dubartoota aangessuuf gumaacha goodhteen, galmee kabajaa dubartootaa Victoria keessatti beekamtii argatteetti. Akkasumas bara 2019tti Meedaaliyaa Order of Australia (OAM) jedhamuun badhaafamteetti.
Bara 2024 keessa, kitaaba ishee jalqabaa mata duree Hana: the audacity to be Free, jedhu yaadannoo ijoollummaa ishee yeroo lola Libanon fi jireenya ishee Australia keessaa calaqqisiisu, maxxansite.
"Anaaf , Australia yeroon dhufe xiqqoon ture, gaa’elli koo gaa’ela humnaa tahuu baatus akka waan filannoo naaf jiru qofa taheetti natti dhaga’ame. Kanaafuu, gaa’ilcha keessa hagami humni jira? Sana keessa hagamtu bu’aa haallan sanii ti? Suni umurii koo waggaa 15tti gaa’elli humnaan seene filannoo bilisummaatti na ceesise, kan kabajaa, fi miidhaa irraa of baasu akka tahe akkan yaadu na taasise. Kanaafuu, gaa’elli mijaafamu haallan tokko tokkotu turan.," jedhti aadde Assafiri,
Warra gaa'elli humnaa isaan mudatuuf gargaarsa akkamtu Australia keessa jira?
Namni kamuu gaa'ela humnaatti saaxilamuun mudatuuf gargaarsi gara garaatu jiran.
Ega bara 2014 kaasee namootasababa gaa'ela humnaan miidhamaniif gargaarsa gochaa ture.
“ Yoo waa’ee saahiba kee ykn hiryaa, maatii, hiryaa lafa hojii kee ykn namni kamuu ati beektu balaa miidhaa gaa’ela keessaa qabaachuu yaaddoftee fi gorsa iccitiin eegameen akkamitti akka gargaaramuu danda’an argachuu barbaadde Waldaa Fannoo Diimaa bilbila 1-800-113-015 bibiliif ykn emailii isaanii national_stpp@redcross.org.au.”)) jedhu irratti barreessiif, " jedhti aadde Nhatarikwa itti dabaltee.
Amajjii 2025 irraa eegalee Awustiraaliyaan Sagantaa Deeggarsa Ogeessa Gaa’ela humnaa(Forced Marriage Specialist Support Program (FMSSP) jedhu, haaraa kan deeggarsa ittisaa fi dafanii gidduu seenuu kennu jalqabde. Namoonni dhuunfaa sagantaa haaraa sana ofumaan ilaaluu ni danda’u, akkasumas Saganticha lak 1804 032 13 qunnamuun ykn marsariitii isaanii daawwachuu dubbisuu danda’u.
Namootni kan yoo balaa kana jala jiraatanii fi gargaarsa hatattamaa barbaadan 000 bilbiluun polisa akka yaaman gadi jabeessitee ibsiti aadde Nhatarikwa.

The Australian Federal Police responded to 91 reports of forced marriages in 2023-24, making up nearly a quarter of all human trafficking cases that year. Source: iStockphoto / dragana991/Getty Images/iStockphoto
Namoota poolisatti gabaasuuf itti hin tolleef ammoo gargaarsii gara garaa karaa Salvation Army ni jira.
Aadde Nhatarikwa gahummaan namaootaa karaa sagantaa jiruun ni qoratama jedhti.
Gargaarsa gaafachuuf kallattiin Salvation Army bibila 1800 000 277 bilbili ykn marsariitii (website. )isaanii daawwadhu.
My Blue Sky, kan jedhus itti dabalttee addeessiti, inni kan tajaajila biyyaalessaa Australia kan odeeffannoo waa’ee gaa’ela humna akkasumas seeraa fi godaantummaa ilaalchisee namoota balaaf saaxilamuu malaniif kan gorsa kennu dha.
My Blue Sky lakkoofsa bilbilaa 02 9514 8115, bilbiluun ykn ergaa karaa 0481 070 844, erguun ykn emailii gara: help@mybluesky.org.au erguun qunnamuu danda'ama.
"My blue Sky- tajaajila Farra Gabrummaa Australia (Anti-Slavery Australia) irraa kennama. Tajaajila bilisaa, iccitiin eegamu dha. Kanaaf namootni dhuunfaa ykn miseensi hawaasaa ykn namni yaaddooqabu kam iyyuu maarsariitii isaanii irra deemee ilaaluu danda’a. Bilbilaan ykn emailiin qunaamuu danda’u," jedhti aadde Nhatarikwa.
Gaa'ela humnaa hambisuuf hawaasni maal gochuu qaba?
Mallattoo gaa’ela humnaa hubachuun balaa oolchuuf furtuu dha, yeroon furmaata barbaaduu fi gargaarsa argachuun dansa.
Akka qaama tattaaff daldala dhala namaa ittisuuf taasifamuutti, Australian Centre to Counter Child Exploitation (ACCCE), kan Poolisii Federaalaa Australia (AFP)n durfamu, manneen barnootaa mallattoo daa’imman humnaan gaa’elatti dhiibamuu argarsiisu of eeggannoon akka hordofan gaafateera, sababni isaas Australia keessatti , gaa’elli humnaa yakka daldala dhala namaa bal’inaan gabaafame waan taheef.
Ibsa miidiyaaf kenniteen, Komanderri human Exploitation kan AFP, Helen Schneider, mallattoolee beekamoo miidhaa gaa’ela humnaaf namoota saaxilamuu malan adda baafachuuf gargaaru ibsiteetti.

In some cultures, arranged marriages are common, but the key difference from forced marriages is consent. (Photo by Lynsey Addario/Getty Images Reportage) Credit: Lynsey Addario/Getty Images
What are the common signs of forced marriage?
- Mallattootlee beekamoon miidhaa gaa’ela humnaa kanneen akka maatii keessaa ijoollotni hangafni barmoota dhiisan mana taahuu, yeroo malee gaa’elatti seenuu ykn yaaddoo yeroo malee gaa’elaa afeeramaa jiraachuu qabaachuu isaanii irraa,
- maatiin ykn hawaasn humnaa oli ijoollee alattis tahe mana keessatti to’acuu, ykn hasawa ijoollee to’achuu fi daangaa itti gochuu, yeroo hunda duukaa deemuu, qarshii dhorkachuu ykn daangessuu; Murtii jireenyaa isaanii irratti to'annoo guddisuu, barmoota ykn filannoo hojii irratti.
- Qunnamtiin isaanii to'atamuu fi daangeffamuu
- ijoolleen waa’ee yeroo boqonnaa maatii waliin deemuuf jedhanii fi gara biyya isaanii imaluuf qophaawan irraa yaaddoo qabaachuu
- Gaa’ela walii galametti ykn nika/qubeelaa walii galametti seenuu diduun ijoollee dhiibbaa inni itti fiduu malu, karaa miidhaa qaamaa ykn qor-qalbii tahuu danda’a kana kana irraa sodaa isaan mul’isan fi
- waan maatii fi hawaasni irraa eegu gochuu dadhabuutti tarii miidhaa qaamaa fi qalbii irra gahuu malu himachuu.
Hana Assafiri, akkuma kana namni tokko illee sodaachifamee ykn doorsifamee gaa’elatti seenuu hin qabu jedhti. Dubarri dardarri kan kun isaan mudatu yoo tahe dafanii gargaarsa barbaaduu fi tajaajila Australia keessa jirutti dhimma bahuu qabanis jedhti.
"Tasuma, sirrii dhaa? Tasuma sirrii dhaa? aadaa ,amantaa ykn jireenya hawaasaa kam keessattuu nama tokko sodaachisanii gaa'elatti oofuun. Irra kan namatti tolu yoo lameenuu walii galteen fi wal hubannoon waa tokko irra gahan, bilisaan murteeffatan akkasumas walitti himanii murtii godhani dha, jedhti ," aadde Assafiri.
Yoo ati ykn namni ati beektu miidhaan gaja'umsa mana keessaa fi kan maatii irra gahe 1800RESPECT ykn 1800 737 732 bilbili akkasumas lakkoofsa bilbilaa 0458 737 732 kanatti dhaamsa ergi ykn ammoo maarsariirii 1800RESPECT.org.au. Irra deemii emergency, call 000.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.