Key Points
- Yoo daa'imni kee gargaarsa hatattamaa kan barbaadan tahe duwwaa sadii bilbili.
- Triage bakki jedhamu yeroo achi geesu kan jalqaba itti ilaalamtu dha. pital's emergency department.
- Warri ijoollee xumuratanii yeroo kutaa balaa hatattamaa irraa bahan, gara manaa utuu hin deemin dhibeen daa'ima sanii fi maaltu akka argame beekuu qabu.
Yeroo kam warri ijoollee gara mana yaalaa kutaa hatattamaa(Emergnecy department) geessuu qabu, akkasumas yeroo akkam Ogeessa fayyaa (General Practitioner (GP) ykn klinika gargaarsa dursaa(priority care clinics) arguu qabu?
Bethany Girling, jiraattuun Sydney akkuma mallattoo irratti agarteen intala ishee gara mana yaalaa Kutaa balaa hatattamaa(ED) kan ijoolleetti ariitiin geessuu akka ishee irra jiru hubatte.
"Hagayya dabre, intalli koo fayyaa hin qabdu ture. Qaamni ishee gar-malee ho’a ture. Gara guyyaa afuriif irra ture. Ogeessa fayyaa keenya bira geessinee turre, antibiotic kennaniifii, homaa irraa fooyya’uu hin dandeenye."
Adde Girling intalli ishii akka waa dhugaa hin jirre hubatte. Waa hin dhugudu, yeroon gara laphee ishee ilaalu dhugumatti ni arganti. Cinaachi ishee keessa bu’ee ol deebi’a.Hafuura baafachuuf hagama akka ishiin wal’aansoo qabaa jirtun arge. Ariitiin fudhattee mana yaalaa hatattamaa kan ijoolleetti fiigde.

Paediatric Emergency Doctor Matthew O'Meara
Mana yaala hattattama yoom deemuu qabda
Ogeessi balaa hatattamaa kan daa’immanii Doctor Mathew O’Meara mana yaalaa ijoollee Sydney(Sydney Children's Hospital, Randwick ) irraa , warri ijoollee miira ofiii ykn waan qalbiin isaanii isaanitti himutti amanuu qabu jechuun gorsa.
"Mirri sun wanneen hedduu irraa dhufa. Si’a tokko tokko daa’imni isaanii akka yeroo kaanii dammaqina akka hin qabne hubatan taha, fiigee hin taphatu/ttu ykn sochiin yeroo kaanii hin mul’atuu argan taha. Rakkoo hafuura baafachuu qabaachuu irraa tahuu danda’a. bifni isaanii jijjiiramuus mala, kan yeroo kaan irra bifi isaanii geeddaramee mul’achuu mala," jedha Dr O'Meara.
Itti dabalees Bishaan baayyee hin dhugan, dhuguu dhabuu irraa ammo fincaanis hin jiru taha, kana hunda ilaalanii warri garaan isaanii akka waan akka daa’imni kun rakkatee jiru ni argu. Kanaaf ani warri ijoollee, miira keessan kana amanaa jedheen jajjabeessa jedha.
Yoo waa’ee ijoollee kee waan yaaddoftu qabaatte Dr Mathew , tajaajiloota fayyaa jiran akka itti aanutti ibsa, duwwaa sadii bilbiluun Ambulaansii yaami jechuunis eegala.
"Sirna fayyaa keessa karri muraasni jiru. Karri baayyee ariifachiisaa tahe, ambulaansii duwwaa sadii(00) bilbiluu dhaan. Yoo baayyee waa’ee daa’ima kee yaaddoftee kallattin gargaarsa barbaadde, hafuura baafachuu dadhabaa jiru tahe, bifni isaanii sitti jijjiiramaa deeme, yoo ammo hafuura baafachuu iyyuu dhaaban sitti fakkaate ykn of wal’aalaan ykn mallattoo gaggabdoo agarsiisan, duwwaa sadii bilbiluu qabda. "
Yoo kan ariitiidhaan gargaarsa barbaadan tahe iddoon sirriin dhaqamuu qabu Kutaa balaa hatattamaa ykn ED dha.
Dr O'Meara, akki jedhu yoo daa'imti kee hafuura baafachuu dadhabaa jira/ti tahe- yoo illee hamaa tahuu baates- yoo ammoo kan duri irra bifi sitti geeddaramaa dhufe- bishaan amma kanattuu hin dhugu yoo tahe, haga duri hin taphattu yoo tahe, ariitiin mana yaalaa hatattamaa akka dhaqqaban taasisuun barbaachisaa dha.
Yoo haalli daa'ima kanaa gaarii sitti hin fakkaannee fi yoo gara boodaa ykn boru mana yaalaa geessuun qaba jedhtee kan yaaddu yoo tahe ogeessa fayyaa kee ykn klinika hatattamaa geessuun filmaata dansa.

If you are worried about your child and need help immediately call Triple Zero for an ambulance. Credit: kali9/Getty Images
Yeroo mana yaala hatattamaa geessu hoo
Egaa, yoo mana yaala hatattamaa geessee of agarte itti aanee maaltu taha>
Triage kan jedhu mana yaalaa balaa hatattamaa kam keessattuu kan ati jalqaba itti ilaalamtu dha.Kun sirna dhukubsattootni akka akka ariifachiisummaa dhibee isaanii irratti dursa itti argatani mijeessuuf tolfame dha.
Pamela Bold Kutaa Balaa hatattamaa mana yaalaa Daa’immanii Westmead(Children's Hospital's Emergency Department at Westmea ) Sydney keessatti, Itti-mataa Damee Nursii ti.
"Namni Triage irra hojjetu nurse dha, ariitiin haala daa’imni kee irra jiran ilaalanii, haala isaanii fi ariifachiisummaa dhibee isaanii qorachuu danda’u, akka dafanii ilaalamanis taasisu jechuun ibsiti.
"Sanaan booda ariifannaa barbaachisu sani irratti hundaa’uun gosi triage(category) isaaniif kennama. Egaa, dhukkubsattootni akkaan dhibamaa jiran dursanii ilaalamu. Saniin booda badaa ariitii kan hin taane sa’a dhuma malu keessatti ilaalamu," jedhti aadde Bold.
Adde Pamela akka jedhtutti Triage kun hagam arrifachiisa akka tahe fi haala gaaga’ama lubbuu geessisu tahuu irratti hundaawa. Dhibeen akkaan hamaa tahe dursatu kennamaaf.
Kafaluun qabaa?
Australia keessatti, warreen Medicare qabaniif tajaajilli mana yaala ummataa kutaan balaa hatattamaa bilisa.
Haa tahu malee, yoo kan mana yaalaa hatattamaa kan dhuunfaa fayyadamte, kaffaltii qaba.
Tajaajilli ambulaansii kutaa biyyaa hedduu keessatti kaffaltii qaba, bakka ati jirtu sani irratti hundaawees kaffaltiin wal adda. Tarii namootni tokko tokko, kaardii gati gadi hir'isiisu(concession) ykn ammoo insuraansii fayyaa dhuunfaa qaban kaffaltii kana irraa bilisa.

Your child's health details can include allergies, medications, and pre-existing conditions. Credit: ozgurcankaya/Getty Images
Gorsa warra ijoolleef akkasumas hordofannaa
Utuu gara mana yaala hatattamaa hin deemin dura waan of harkaa qabaachuu qabdan gorsiti aadde Bold.
Yeroo gara mana yaalaa Kutaa balaa hatattamaa dhuftan, warri ijoollee kanneen akka Medicare isaanii fi Odeeffannoo fayyaa duraan mudate qaban akkasumas teessoo fi lakkoofsa bilbila isaanii qabatanii yoo dhufan yeroo isaan barbaadnutti akka isaan qunnamnuuf gargaara," jedhti adde Bold.
Odeeffannoo daa’imman keessanii kanneen akka allergy, qorsa fudhataa jiranii fi dhibee fayyaa duraan qabaachaa turan dabalata.
Akkasumas, yeroo dhibeen amma ittiin fiddan kun jalqabe mallattoo akkam agarsiisan, maaltus itti hammeessee agartan, tajaajilli gochuufii yaaltan kanneen akka qorsaa ykn waan mallattoo kana fooyyessu kennitaniif yoo jiraate nutti himtu.
Dr matthew, yoo daa’imni kee dabaree itti aanutti ilaalamuuf karoorfamee eegaa jiraate itti aanee maaltu akka tahu ibsa.
"Narsootaa , doktoroota fi ogeeyyii narsoota(nurse practitioners.)birootiin ni ilaalamu. Warri kun, bal’inaan qoratu, seenaa fayyaa dhukkubsattotaa gadi fageenyaan qoratu, qoraniis bakka silaa ilaalamuun isaan barbaachisutti ergu, kanneen akka dhiigaa fuudhuu, Raajii kaasuu( x-ray) hunda taasisuun wal’aansi kennameef gargaaruu isaa madaaluu danda’u," jechuun ibsa.
Dr Matthew itti dabalee, utuu murtoon tajaajilaa hin kennamne dura daa’imman yeroo muraasaaf ija irra kaa’atamee ilaalamuu qabu jedha. Ijoolleen tokko tokko guyyuma sana Kutaa balaa hatattamaa irraa bahanii manatti galu, garuu tokko tokko tarii kununsa yeroo dheeraaf mana yaalaa turafmuu barbaachisu.
Yoo dhibeen daa’ima keetii warreen bakka mana yaalaa balaa hatattamaa jiran kaan irra ariifachiisaa miti tahe, yeroo dheeraa dabaree eeguuf dirqamta.
Xumura oolmaa Kutaa balaa hatattamaa daa’immaniin booda, waa’ee haala fayyaa daa’ima keessanii wantoota barbaachisoo hedduu barattanttu

If your child's case is less urgent than others in the emergency department, you might face a longer wait time. Source: iStockphoto / chameleonseye/Getty Images
Dhibamni daa’ima keessanii kana jedhnee yaadnee fi qorannoo isaanii maal akka agarsiisa beekuu qabdu. Mana ega galtanii maal hordofuu akka qabdan isinitti himuu qabna.
Wanneen agartan isin yaaddessanii fi yeroo akkam daa’ima keessan mana yaalaa geessuu akka qabdan isinitti himuu qabna. Wanneen xixiqqaa manatti to’achuu dandeessan akka dhukkubbii, ho’ina qaamaa fi barbaachisummaa bishaan dhuguu kana kana kana isinitti himnee isin galchina.
Itti dabalees, ogeeyyiin fayyaa Kutaa balaa hatattamaa keessa jiran waa’ee qorsaa fi tajaajila kennamee, bu’aa fi miidhaa qorsi geessisuu maluu akkasumas mallattoo ilaaluu qabdan isinitti himuu qabu jedha Dr O'Meara.
Ega daa’imni kee Kutaa balaa hatattamaa irraa bahee mana galeen booda tajaajila kan barbaadu yoo tahe eessa akka deemuu qabdus si akeekuu qabu.
“Dhugaadhumatti, Odeeffannoo kana afaan qofaan sitti hin himnu. Odeeffannoo barreeffamaa afaan keetiin kununsa kennamee fi hordoffii barbaachisu kan ibsu siif kennina. Odeeffannoo fayyaa daa’ima kee kana ogeessa fayyaa kee yeroo kaan agartu waliin ni qooddanna. Kanaaf, waraqaa tajaajila kanaa ilaalchise walitti qaboo isaa ogeessa fayyaa keef ni ergina ykn akka ati itti geessituuf sitti laatna." jedha itti dabalee Dr O'Meara.
Yoo maatiin kee afaan barbaadaniin tajaajiloota fayyaa waliin dubbachuu barbaadan, karaa afaan dubbannaa fi hiikka tolaa fayyadamuuf lakkoofsa 13 14 50 bilbiluu dandeessu.
Amma yoo mana yaalaa kutaa balaa hatattamaa deemuun si irra jiraate tartiiba jiru barteetta, garuu jechoota afaan inglishii haalewwan kana keessatti si mudachuu malanis baruu dandeessa. SBS Learn English Kutaa 85 (Learn English episode 85) itti dabalees qophii SBS Afaan Oromoo irraa dhggeeffachuun afaan inglishii keessan fooyyeffachuu dandeessu. Akkasumas afaan fooyyeffachuu irraa kan ka’e hojjettoota mana yaalaa waliin dubbachuuf of irratti amanamummaa horattu.
Odeeffatnoo dabalataaf, Health Direct kan jedhu ykn marsariitii mana yaalaa naannoo keessanii ilaaluuf healthdirect.gov.au kana tuqaa.
Thanks to the Sydney Children's Hospitals Network for suggesting this topic. Factsheets (in several languages) and further information is available on the SCHN website.
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au