Tarkaanfii kee jalqabaa Abootii Dachee Australia waliin waltti dhufeenya qabaachuu dha- Australia Explained

Australia Explained: Indigenous Connections

No matter where you live in Australia, you are on the lands and waters of Australia’s First Peoples. Credit: Matthew Micah Wright/Getty Images

Abbootii Dachee Australia waliin hariiroo uummachuun namoota biyya kana haaraa dhufaniif rakkisaa tahuu ni mala. Kanaafuu eessa irraa jalqabu? Itti mataa (CEO) Bu’ureessituu Waliif Fayyinaa (Healing Foundation) Shannan Dodson, dubartii Yawuru karaa salphaadhaan, Saboota Jalqabaa naannoo isaanii jiraatan waliin hariiroo ummatan ibsiti.


Key Points
  • Abbootiin Dachee Australia fi Torries Stright Islander aada-dandeessa
  • Qophiileen Abbootii Dacheen qopheeffamanii fi dhaabbatootni daandii saboota jalqabaa waliin hariiroo itti ummatani dha.
  • Haala kabaja qabuun barachuuf of kennaa tahuu keen, dhaggeeffachuu fi qalbii qophaa'e qabaachuuun kee akka Saboota Jalqabaa waliin hariiroo uummattu siif mijeessa.

Itti mataa (CEO) Bu’ureessituu Waliif Fayyinaa (Healing Foundation) Shannan Dodson, dubartii Yawuru hubannoo horachuun “Aadaan Abbootii Dachee” tokko qofa akka hin taane baruu irraa jalqaba jedhti.

“Guutummaa biyyichaa keessa afaanota dhibbootaan lakkaayamantu akka jiran hubachuu barbaachisa"

Bal’ina akkasii baruu danda’uun kee akka an yaadutti dhugumaan barbaachisaa dha.”

Healing Foundation_Canberra-07 (1).jpg
“It's important for anyone living in Australia to understand that Indigenous people have cared for this Country for tens of thousands of years,” Shannan Dodson says. Photo: The Healing Foundation.

Abbootii Qabiiyyee Duraanii naannoo koo jiran akkamiinan bara?

Hawaasa naannoo kee jiran waliin hariiroo qabaachuuf yaaluun kee barbaachisaa dha. Eessa akka jiraataa jirtuu fi Biyya keessa jirtu hubachuun kee gaarii dha. Naannoo keessa jiraataa jirtu keessa Namooti Jalqabaa Dachee of harkaa qabaataa turan eenyu akka tahe beekuun saphlaa dha.

Kara Namoota Jalqaba Dachee of harkaa qabaataa turan (Traditional Owners) ykn ummata Aborijinaalaa beekuun saphlaa dha. Yeroo har’aa Abbootiin Dur Dachee of harkaa qabaataan turan eenyu akka tahan baruun siif saphlaa dha, " jedhti adde Dodson.

" Kara Gumii Dachee Aborijinaa, giddu-galeessa aadaa ykn gartuu Aborijinaa qophii hawaasaa qopheessan keessaan hedduu baruu dandeessa.”

Kaartaa Abbootii Dachee Australia fi odeeffatnoo waa'ee duudhaa warra Abbootii dachee baruuf as tuqi Australian Institute of Aboriginal and Torres Strait Islander Studies.

Abbootii Dachee Australia waliin Akkamiin hariiroo ummadha?

Yoo kan dhimmootaa Abbootii Dachee deggeruu fedhtus tahe hariiroo ummachuu barbaadde naannoo kee keessa ilaali.

“Dhaabbata Abriginal naannoo waliin hariiroo akkaataa itti uummattu soqi."

“Tola-ooltummaanis tahe, deggersa fedhe iyyuu taasisuun ykn odeeffatnoo wal jijjiiruun, hiriyaa ykn maatii waliin qoddachuufis yoo tahe."

Yoo baadiyaa keessa jiraatta tahes, mar-sariitiin (website) kun qophii hawaasaa, wanneen naannoo sana keessaa do’ataman, barmoota kennamu ykn qophii maatii fi namoota simatu tarreessame of keessaa qaba.

Australia Explained: Indigenous Connections
Some Indigenous organisations focus on issues specific to their state and territory while others work on nationwide Indigenous affairs, for example aged care. Credit: davidf/Getty Images

Waa’ee Aboriginal fi Tores Strait Islander Australia ilaalchisee odeeffatnoo qabatamaa eessan argadha?

Iddoo irraa haqaan argattu hedduutu jira.

Adde Dodson kanneen sadii armaa gadii sadarkaa biyyaalessatti argaman eerti"

Yaadannoo ykn qophii Abbootii Dachee Australia tokko tokko maalfaa dha?

Taatewwan gartuudhaan hojjetaman keessatti hirmaachuu irraas ni gammadda. Kun filmaata jiran keessaa isa guddaa dha.

"Kutaa biyyaa adda addaa keessatti carraan kun ni jiras jedhti," aadde Dodson.

Fakkeenyaaf National NAIDOC Week yeroo qophii torban jalqaba Adoolessaa wagga waggaan taasifamuu. .

Torban NAIDOC kan uumame aadaa gaarii Aboriginal and Torres Strait Islander karaa qajeelaa itti kabajamuuf. Hawaasa kana qofaaf utuu hin taane hawaasa Australia hundaaf bana, akkasumas daandii odeeffatnoo ittiin waliif qoodan tahee kabajama.
Shannan Dodson, CEO of the Healing Foundation

Torban Araarsaa Biyyaalessaa National Reconciliation Week, Caamsaa 27 haga Waxabajjii 3 referendumii bara 1967 calaqqisiisuu fi ayyaana murtii Mana Murtii ol'aanaa Maboo High Court Mabo decision mul'isa.

Waggaatti kan kabajamu guyyaa Araaraas ni qabna Apology to Australia’s Indigenous Peoples kunis Guraandhal 3 February kabajabma Guyyaa dhiifamni itti godhamees ni qabna National Sorry Day, kunis waggaa waggaan Caamsaa 26 kabajama.

Lachuu seenaa dhaloota hatamanii ‘Stolen Generations’ kan Aboriginal and Torres Strait Islander, kan ijoolleen humnaan irraa fudhataman, kan bara walakkeessa 1800taa fi1980ta calaqqisiisa.

"Akka biyyaatti walitti dhufnee ummattoota sirna kanaan miidhamaniiff kabaja laatnu dha.

"Akkasumas, miidhama qor-qalbii itti fufee jiru kan hawaasni kun amma illee ittiin miidhamaa jiru hubannu dha."

Australia Explained: Indigenous Connections
It’s easy to make mistakes if you come across a myth or stereotype around Aboriginal and Torres Strait Islander people and culture. Credit: WANDER WOMEN COLLECTIVE/Getty Images

Ummattoota Saboota Jalqabaa Australia waliin akkamiinan firooma?

Ummattoota Abbootii Dachee Australia waliin hariiroo ummachuu haga fedhnutti, kabaja waliin tahuu akka qabu beektuu qabna.

"Kabaja qabeessummaan itti firoomuu ykn caalaatti barachuuf fedhii qabaachuu, kan jechuun dhaggeeffachuu, qalbii qophaawe qabaachuu, dura bu'ee si gaggeessa caalaa si cinan deemaatti of fudhachuu, wanna isaan barbaadan tumsuu, sagalee Abbootii Dachee karaa isaan fedhanii fi to'annoo itti qaban irratti tumsuu."

Kanas eessaa akka eegaltan gorsiti aadde Dodson.

“Lapheey kn onnee fi sammuu banaan itti dhihaachuudhaan jedhti"

"Our communities are very welcoming, and we are wanting to share about who we are, our histories, our culture."

If you can show up, that's the first step to building those better relationships.
Shannan Dodson, CEO of the Healing Foundation
Survivors group shot.jpg
Group shot from the February 2025 anniversary of the National Apology to the Stolen Generations. It includes survivors, descendants, THF staff, Minister for Indigenous Australians Malarndirri McCarthy and other community members. Photo: The Healing Foundation

Yeroon nama Abbootii Dachee Australia tokko waliin dubbdhu yoon dogoggore maaltu taha?

Waa'ee aadaa addunyaa irratti turaa fi itti fufiinsa qabuu baruu fi seenaa duubbee isaa hubachuun yeroo fi tattaaffii gaafata.

Namootni duubbee Abbootii Dachee irraa hin tahiin si'a tokko tokko "nan dogoggora" tahinna kan jedhu sodaa tarii qabaachuu malu. ykn waan sirrii hin taane jechuun mala jedhanii sodaatu," jedhti aadde Dodson.

"Garuu yaaddoon kun walitti dhufeenya isaan dhorkuu hin qabu jedheen yaada."

"Sababni isaa dubbiin ijoon laphee banaa qabaachuu dha, gaafachuu, akkasumas namootni baayyeen kara kabaja qabuun kan gochuu ni beektu."

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now