Tuqaalee Ijoo
- Austiraaliyaan dargaggoota Australia umuriin isaanii waggaa 16 gadi ta’eef Mudde 10 bara 2025 irraa eegalee uggura miidiyaa hawaasaa kaa’aa jirti.
- Warri osoo hin taane- Waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa-mirkaneeffatni umurii hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa qabu.
- Maatii fi ijoolleen waliin qulqulinaan dubbachuun miira ijoollee tiksa.
- Maatiin ijoollee jijjiirama jiruuf qopheessuu daandii wal qunnamtii biraa karoorsuufiin ijoollee gargaaruu danda'u.
Seerri haaraan maal eessaan odeessakanas argadha?
Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa ijoollee umriin isaanii ganna kudha jahaa gadi tahan, midiyaa hawaasaa akka hin bananne ykn itti hinfayyadamn tarkaanfii madaalawaa fudhchuun barbaachisaa dha. Midiyaalee hawaasaa kanneen akka TikTok, Instagram, Snapchat, Facebook, Kick, Reddit, Threads, Twitch, X fi YouTube duraanuu uggura kana keessatti kan hammatama yeroo tahu, kaanis itti dabalamuu ni malu.
Komishionarri eSafety, kan dhimmi uggurrii kana ilaallatu jijjiiramni kun ijoollee umriin isaanii 16 gadii dhiibbaa fi balaa isaan karaa midiyaa hawaasaa itti saaxilaman irraa tiksuuf jechuun dubbatu.
Companies are expected to use age-assurance technology to estimate a user’s age. Young people will still be able to watch publicly available content on some platforms, such as YouTube and TikTok. Source: iStockphoto / Suzi Media Production/Getty Images
Dhaabbileen midiyaa hawaasaa kun techinology fayyadamuun daangessa umurii tilmaamuun mirkaneeffachuu qabu, Ijoolleen dardarri kun waa tokko tokko amma iyyuu utuu akkaawuntii midiyaa hawaasaa hin qabaatin you tube fi TikTok irraa ilaaluu danda’u
Itti gaafatamummaan warruma midiyaa hawaasaa irra jira. Yoo ijoolleen umrii 16 gadii ugguri jalqabamee booda iyyuu midiyaa hawaasaa banatan argaman Maatii fi ijoolleen adabbii hin qaban.
Waa'ee jijjiiramichaa ijoollee koo waliin akkamiin dubbadha?
Uggurri kun akka hojii irra oolu kan to’atu Komishinarri Nageenya Elektirooniksii, akkaawuntiiwwan ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gadii hundi Muddee 10 baduu hin oolu, akkasumas suuta suutaan hojiitti hiikamaa deema jedha/jedhti. Ogeessotni maatiin dursanii ijoollee waliin akka dubbatan gorsu.
University Sydney irraa barisiistuu oláantuun midiyaa fi komunikationa Dr Catherine Page Jeffery barbaachisummaa midiyaa hawaasaa dargaggootaaf jireenya isaanii keessatti qabu gad jabeessitee dubbatti. ijoollee baayyeef midiyaan hawaasaa waan guyya guyyaa hiriyaa waliin wal argan, waliin yaada qooddatan, eenyummaa isaanii itti ibsatan. kana hunda hubachuufiin dhaggeeffatamuu qaban.
The responsibility falls on the platforms themselves. There are no penalties for parents or children if an under-sixteen still has an account after the start date. Source: iStockphoto / Dragon Claws/Getty Images
Maatiin gaaffilee armaa gadii gaafachuun haasawa jalqabuu danda'u- Waa'ee jijjiirama dhufaa jiruu maaltu sitti dhagahaama?
- Maaltu irra si yaaddessa?
- Maaltu natti cima jedhtee yaadda ?
Kun akka isaan iftoominaan si waliin dubbatan isaan jajjabeessa.
Dardarri kiyya akkamiin hariiroo qaban hambifatu?
Sababa qunnamtiin hawaasummaa "nageenya"dardarootaaf giddu galeessa taheef, maatiin karaa biraa isaan hiryaan wal qunnaman mijeessuufii danda'u.
Filatnoon dabalataa tarii tan armaa gadii tahuu mala"
- Dhaamsa walii erguun hin ugguramne.
- dabranii dabranii fuulaan wal arguu
- Gartuun tarii akkawontii midiyaa hawaasaa alaan wal argan.
- Hawaasa keessatt akka qooda fudhatan jajjabeessuu, qophiilee aadaa ykn hojii mana barmootaa keessatti gaggeeffaman irraa qooda fudhachuu
Balaan kophaatti of baasuu dargaggoota Hawaasa moggeffamanii addatti yaaddessaa dha, kanneen aadaa fi afaan adda addaa irraa tahan, dargaggoota qaama-hirína waliin jiraatan, dargaggoota baadiyyaa ykn naannoo jiraatan fi dargaggoota saalummaa fedhan himatan, kkf hunda dabalatee nama yaadchisa.
Social media companies will be required to take reasonable steps to stop people under 16 from having accounts on their platforms. Source: iStockphoto / Ekkasit Jokthong/Getty Images
Yoo kophummaan itti dhagahame akkamin ijoollee koo gargaara?
Dardarri tokko tokko tarii aaruu malu, rifatuu ykn hiriyaa irraa cituu malu. Maatiin waan gochuu qaban:
- Miira isaanii hin haalinii dhuoomsiif" naa gala gaddi kee dhugaa qabda" jedhiin.
- Hiryaa isaaniin akka wal hin dhabne mirkaneessiif- garuu haala addaan wal arguutti jijjiiramaa jiraachuu itti himi.
- Yeroo hedduu hiryaa kam waliin wal qunnamuu akka barbaadan adda baafachuu gargaari.
- Haala nagahooma qabu uumiif, tarii haala to'atamaa taheen marsariitii irratti wal arguu sunis kanneen ogeessaan gorfaman kan akka Kids Helpline’s My Circle or Beyond Blue forums.
Geggeessaan tajaajila gargaarsa ijoollee (kids helpline) Leo Hede(HEE-d), namootni maarsariitii irraan gargaaran kun ijoollota hawaasota moggeffamaniif irra caalaa barbaachisu, sababni isaa addunyaa isaanii dhugaa keessatti nagoomaa fi hariiroo gaarii wal fakkaatu hin qaban taha jedha.
Midiyaan hawaasaa isaanii utuu hin cufamne tarkaanfiin qabatamaan fudhu maal?
Of qopheessuuf maatiif ijoolleen waliin hojjechuu danda'u:
- Suuraa, video maarsariitii miidiyaa hawaasaa irraa qaban gad buufachuu.
- hiryoota hariiroon waliin itti fufuu qaban maqaa isaanii akkasumas akkamiin akka wal qunnaman qabachuu
- Apps garagaraa nagooma qaban filannoo keessa galchuu.
- itti fayyadama midiyaatti daangaa tolchuu , akka karaa nageenya qabuun hariiroo mijeessu.
Yoodhuma illee midiyaan hawaasaa kee hin cufamne tahe dursitee of qopheessuun yaaddoo kee xiqqeessa.
Once the ban comes into effect, parents should continue talking with their children about online life. Credit: Johner Images/Getty Images/Johner RF
Ega uggurriin eegalee booda maal gochuun qaba?
Once the ban comes into effect, parents should continue talking with their children about online life. Risks exist across the internet, not just on social media, so supporting digital wellbeing remains essential.
“Eguma illee uggurriin hojii irra ooleen booda, maatiin ijoollee waliin amma iyyuu haasa’’uu itti fufuu qabu, sunis waa’ee Nageenya maarsariitii irraa, balaa inni qabu fi kkf. Sababni isaa balaan hedduun maarsariitii irra deemu baayyeen isaa miidiyaa hawaasaa irraan qofa miti waan taheef.
Dr Catherine Page Jeffery, senior lecturer in media and communications at the University of Sydney.
Again, remaining engaged and ensuring ongoing trust between you and your child is crucial. You can do that by letting them know that they can always come to you and share their feelings and concerns. This is one of the most powerful forms of support during and after the transition.
Ammas, walitti dhufeenyaa jabeessuu, wal amantaa wal irraa hin citine sii fi ijoollee kee gidduu jiraachuun ijoo dubbii ti. Kana gochuu kan dandeessu yeroo hunda gara kee dhufuu fi miiraa fi yaaddoo isaanii akka sitti himatan hubachiisuudhaan. yaaddoo isaanii qalbiin dhaggeeffachuun. Yeroo cehumsaa fi ega tasgabbahaniin boodas tahu akkas gochuun kee humna cimaa dha.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au