Australia keessatti Mirga dachee Aboriginaa hubachuu

WAVE HILL WALK OFF 50TH ANNIVERSARY

Several thousand marchers celebrate the 50th anniversary Wave Hill Walk-off in Kalkarindji on Friday August 19, 2016. On August 22 1966 Vincent Lingiari led several hundred Gurindji people off Wave Hill Station in a protest to gain fair wages, which morphed into the battle for land rights, which took nine years to eventuate. Credit: AAP Image/Neda Vanovac

Lallaba mormii “maal barbaadna? Mirga dachee!” jedhu tarii dhageessee jirta taha – garuu dhugumaan kun maal jechuun dha? Dacheen handhuura eenyummaa, aadaa, fi nagahooma Aboriginal fi Torres Strait Islander ti. “Biyya” kan jedhamu, dachee, galaana, samii, fi umama jiru hunda dabalee ti. Qophii Australia Ibsamuu jedhu kana keessatti, mirgoota lafaa kan Abbootii dachee – maalfaa akka isaan of keessaa qaban, dachee akkamii akka dabalee jiru, eenyu falmachuu danda’aa, fi dhiibbaa inni Hawaasa Saboota Jalqabaa irratti qabu sakatta’uu yaalla.


Tuqaalee Ijoo
  • Mirgi Dachee naannoo murtaa’e Dachee Gonfoo — qabeenya dhuunfaa osoo hin taane — hawaasa Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander faayidaa aadaa, hawaasummaa fi dinagdee argachuuf deebisa.
  • Mirgi dachee, abbaa qabeenyummaa dhalootaa, fi waliigaltee adeemsa seeraa fi siyaasaa adda addaa yoo ta’an, hundi isaanii garuu walitti dhufeenya ummatoonni Saboota Duraa Biyya waliin qaban beekamtii kennuu fi hiree murteeffannaa deeggaruuf kaayyeffatan.
  • Sochiin kun taateewwan akka bara 1966 Wave Hill Walk-Off jedhamuun kan jalqabe yoo ta’u, kunis seerota adda ta’an kan akka Seera Mirga dachee Aboriginal (Northern Territory) 1976tti kan geesse yoo ta’u, har’as guddinni itti fufee jira.

Australia keessatti mirgi dachee Aboriginal maal?

Waggoota hedduuf, hidhata ummatooti Aboriginaa fi Torres Strait Islander dachee isaanii waliin qaban beekamtiin hin kennamneef. Seerri mirgoota dachee kan isaan durumaan dachee isaanii to’ataa turan waan tolche qaba.

Koloneeffatummaa dura, ummatooti Aboriginaa fi Torres Strait Islander waggoota kumoota kudhanootaaf dachee isaaniif kunuunsa taasisaa turan.

Garuu kolonummaan waliif galteen kam illee osoo hin jiraatin, yaada terra nullius – jechuun “dachee abbaa hin qabne” jedhu irratti hundaa’ee irraa fudhate.
Gough Whitlam, Wave Hill Walk Off, Vincent Lingiari
Prime Minister Gough Whitlam symbolically returning land to the Gurindji people on 16 August 1975, an act famously represented by Whitlam pouring sand into Vincent Lingiari's hand. Source: AAP

Sochiin mirga dachee Aboriginal akkamiin eegale?

Sochiin mirgoota dachee bara 1966 keessa Wave Hill Walk-Off jedhuun dhageettii argate. Sana booda, bara 1967 keessa, mootummaan referndemii biyyaalessaa hayyamee, seera ummata Saboota Jalqabaatiif baase.

Bara 1976 keessa Seer-Labsiin Mirgoota Dachee Aborijinaa (Northern Territory) jedhu dabree, dachee durumaa falmatamaa jiruuf beekamtii kenne. Bara 1976 keessa Seer-Labsiin Mirgoota Dachee Aborijinaa (Northern Territory) jedhu dabree, dachee durumaa falmatamaa jiruuf beekamtii kenne. Haalli kunis, Abbootii Dachee fi Torres Strait Islander akka bakka bu’uu fi dachee isaaniif deebisame, akka mijessuufiif gumiin dachee akka dhaabbatuuf taasise.

Kutaaleen biyyaa seera dachee kan ofii isaanii kan qaban yoo tahu, akka Australiatti hanga ammaatti seerri biyyaalessaa tumame hin jiru.

Mirgi dachee Aboriginal maalfaa dabalata?

Mirgi dachee kan lafa mootummaa jedhame – dachee Gonfoo (Crown land), lafa akka dhuunfaatti namni qabatee jiru kan hin tahin – kan hin bitamne ykn hin dhaalamne jechuun dha. Akka galfataatti qabamee kan jiru – ummati Saboota Jalqabaa Biyya isaaniitiif kunuunsa akka taasisanii fi murtii akka irratti kennachuu danda’aniif hayyamaaf.

Mirgi dachee gumii naannoo dachee isaaniif deebi'e Aboriginaa fi Torres Strait Islander akka to'achuu dandaán isaan gargaaruuf dhaabbate, Gumiin kun akka hawaasichi dachee isaa aadaa, walitti dhufeenyaa, dhimma naannoo fi dinagdeef oolchatu irratti tumsa.

Garaagarummaan mirga lafa Aboriginal.abbaa qabeenummaa dhalootaa fi waliigaltee gidduu jiru maal?

Jechootni kun yeroo baakkee akkuma tokkotti yoo dubbatame iyyuu hiikkaa adda addaa qabu;
  • Mirgi dachee: Seerri mootummaan tolfamee – dachee Gonfoo (Crown land), gara ummata Aboriginal fi Torres Strait Islander deebsamee, akkuma beekamu gumii dancheen gaggeeffama.
  • Kan dhalootaa: Beekamtii seeraa kan umattootni Sabooti Jalqabaa tokko tokko seera aadaa fi duudhaa isaanii jalatti mirga dachee fi bishaan isaaniitti qaban.
  • Waliigaltee: Waliigaltee seerawaa mootummaa fi ummattoota Saboota Jalqabaa gidduu jiru. Kun biyyooti kanneen akka New Zealand fi Canada qabanii dha. Australia ammatti
    waliigaltee biyyaalessaa hin qabdu.
Walumaan, adeemsi akkasii kun ummattaato jalqabaaf qabaa qajeelaa, beekamtii fi hiree murteeffatnaatti geessa.
wave hill sign.png
The Wave Hill walk-off, led by Vincent Lingiari, was a pivotal moment in Australian Aboriginal land rights history. In 1966, Gurindji stockmen, domestic workers, and their families walked off Wave Hill Station in protest against poor working conditions and a lack of land rights. Credit: National Museum Australia

Har'a himma mirga dachee Aborigina dubbachuu maaliif barbaachise?

Dachee abbaaf deebisuun akka hawaasi afaan, aadaa, fi biyya isaanii waliin deebisanii wal hidhatan gargaara – akkasumas wanneen akka mana jireenyaa, fayyaa fi dinagdeedhaan of danda’uu argamsiisa.

Dr Virginia Marshall, dubartiin Wiradjuri Nyemba irraa taatee fi ogeettiin dhimma mirga bishaanii, garaagarummaa ilaalchaa jiru ibsiti:

“Bishaan nutti dubbata ykn muki keenya nutti dubbata, garuu ilaalchaa fi atakaaroo waa’ee umama naannoo kan warroota Dhihaa fudhachuu nu hin barbaachisu..... Seerri keenya fi seenaan uumaa keenya hubatnoo keenyaaf qajeelfama. "

Mirgi dachee waaée mana nama tokkoo ykn ooruu isaa irraa fudhachuu jechuu miti. Iddoo beekamaa naannoo Gonfo dachii (Crown land) san irratti xiyyeeffata bakka seenaa fi aadaan hidhatni jiru sana.

Fakkeenya naannoo: Gumii Dachee Darkinjung

Darkinjung Gumiin Dhimma Dachee Aborijinaa Naannoo, Seer-Labsii Mirgoota Dachee NSW jalatti, fakkeenya gaarii mirgoota dachee humna qabeessa, waa hedduu kan milkeeffate tahee jira.

Uncle Barry Duncan, namni Gomeroi irraa tahe, namoota Darkinjung uuman keessa isa tokko yoo tahu, kunis bara 1983 keessa boroo manaa warra isaa keessatti kan hundeeffamee dha;

“Kuni anaaf hawaasa walitti fiduu jechuu dha. Kunis anaaf karaa itti dachee deebisanii abbummaa Aborijinaatti deebisuuf yaalan jechuu dha.”

Bara jireenya isaa keessattis, Uncle Barry, akka itti dacheen dinagdee hawaasaa fi hiree murteeffannaa hawaasaa dandeessisu irratti gargaare dubbata.

Uncle Barry waan yaadatu irraa yeroo calaqqisiisu: Amma namootni beeku.... nuti nama bal'isee yaadu fi qaroo dha waa'ee lafa keenya qabaachuu."
MA25133794-Vincent-Lingiari-1200w.jpg
Vincent Lingiari beside a plaque marking the handing over of the lease in Wattie Creek, 1975. Credit: National Museum Australia

Mirga dachee ilaalchisee qormaatni Aborigina dura jiru maal?

Adeemsi mirga dachee suutaa fi walxaxaa tahuu danda'a. Dachee murtoofte qofatu jiras deebsachuuf, akkasumas, gaaffiin garii ija seeraan kan ilaalamuu ykn dhiibbaan siyaasaa kan mudatu tahuu danda'a.

Haalli kun wal xaxaa tahu iyyuu, mirgi dachee qajeelummaa seeraa, araara, fi walabummaa Saboota Jalqabaatiif Beekamtii kennuu waliin kan wal qabatu taha.

Mirgi dachee Abbootii dachee maaliif Australia hundaaf dhimma tahe?

Namoota Australia tiif haaraan tahan, mirgi dachee maal akka tahe beekuun seenaa biyyattiin gadi fageenyaan qabdu beekuuf gargaara. Kun waa'ee dachee dhabuu mit - waa'ee hariiroo jireenya yeroo dheeraaf ummataa fi lafa gidduu tureef dhimma beekamtii kennuu ti.

Hariiroon kun wogoota kuma jaatama (60,000) caalaaf jiraate- itti fufas.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service