Tuqaalee Ijoo
- Austraaliyaan biyya bineesota adda addaa hedduu qabaachuu fi biyya qopha galeettii waan taateef lubbu qabeeyyii lafa kana irraa bakkoota biraa hin jirre hedduu qabna.
- Austraaliyaan addunyaa bineeyyii gosoota ilmoo hoositstoota dhabamsiisuutti addunyaa irraa galmee hamaa keessa jirti.Bineeyyii ilmo hoosistota , shimbirroo,fi kanneen lo''an tokko tokko gara 2,000 ol balaa dhabamuu jala jiru.
- Namni kam iyyuu bineensota gati-qabeessa bosonaa fi qe'e keessaa tiksuuf, karaa dhaabbilee kunuunsaa fi gareewwan seenaa uumamaa tumsuun gargaaruu danda'a.
- Bineensi bosonaa Australia fi naannoon maaliif akkas gati qabeessa tahe?
- Beneensa bosonaa fi biqiltuu Australia kununsuun maaliif barbaachise?
- Rakkoon bineensa dhabamsiisuu Australia keessaa maal?
- Balaan bineensota bosonaa fi biqiltoota Australia irratti dhiibbaa geessisan maal?
- Bineensa bosonaa fi biqiltoota Australia kununsuu akkamiinan gargaara
Bineensi bosonaa Australia fi naannoon maaliif akkas gati qabeessa tahe.
Austraaliyaan biqiltootaa fi bineensota ardiilee addunyaa kam iyyuu caalaa adda ta’an qabdi jedha dura taa’aan Gumii Naannoo kan Lubbu qabeeyyii fi Itti aanaan Pirezidaantii BirdLife Australia Prof. Hugh Possingham.
“Austraaliyaan waggoota miliyoona 50 oliin dura ardiilee biroo irraa adda kan baate yoo ta’u, wagga dheeraaf qopha galeettummaan jiraatte.”
“Bineensotni keenya baay’een kanneen akka koalas, kangaroos, wombats fi gliders, fi gosootni akka hoosistoota hanqaaquu keenya kaa’an, platypus fi echidna, addunyaa kana irratti bakka biraatti hin argaman.”
Dubartiin Yilka/Ngaanyatjarra/Narrunga Jade Bromilow, Indigenous Desert Alliance irraa, namoota Australia’s First Nations’f biyyi lafa qofa osoo hin taane-maatii fi qaama eenyummaa isaanii akka ta’e ibsiti.
Biyyi seenaa, abjuu, akaakilee keenta, of keessatti qabatee jira, itti gaafatamummaan kun itti fufuun dhugumatti barbaachisaa dha. Karaa sirrii taéen biqiltootaa fi bineensota kununsuuf dirqama qabna.Jade Bromilow
"Isaan qaama sirna nyaataa keenyaa, totems keenyaa, seenaa tjukurrpam abjuu keenyaa fi barsiisa keenya kan sana booda dhaloota itti aanutti barsiifnu dha," jedhti aadde Bromilow.
"Waggoota kumaatamaan lakkaa'amaniif gosoota kana cinaa jiraachaa turre, yeroo socho'an, yeroo wal hormaatan, yeroo dagaagan fi yeroo wanti tokko sirrii hin taane akkaataa isaanii ni hubanna. Kanaafuu waa'ee bineensonni bosonaa fi biqiltoonni adda ta'uu isaanii yeroo dubbannu adda waan ta'eef qofa osoo hin taane, qaama eenyummaa keenya keessaa tokko dha."
Bineensa bosonaa fi biqiltoota Australia kununsuun maaliif barbaachise?
Lubbu qabeeyyii addaa Awustiraaliyaa kunuunsuun bineensota bosonaa fi biqiltoota nuti gidduu jiraannu qofaaf osoo hin taane, fayyaa fi badhaadhina lammiilee Awustiraaliyaa hundaaf barbaachisaa dha.
"Sirni ikoo fayya qabeessa-bosona, haroowwan, lafti margaa-kun wantoota dhala namaaf tajaajila kennan. Qilleensa qulqulluu kan kennan, jijjiirama qilleensaa irratti kan salphisan, akkasumas indaastiriiwwan keenya gurguddoo kanneen akka turizimii fi qonnaa tokko tokkoof bu'uura kan ta'andha," jechuun ibsu Prof Possingham.
"Yoo sanyii dhabne, kan nama dhibu hojiin sirna ikoo naannoo sanaa gadi bu'uu jalqaba. Kanaafuu faayidaa fi tajaajilli isaan akka namaatti nuuf kennan illee gadi bu'a."
Gosoota bineensota bosonaa Awustiraaliyaa balaadhaaf saaxilaman keessaa tokko Great Desert Skink yoo ta’u, kunis namoota Indigenous ta’aniif hiika aadaa qaba.
"Great Desert Skink ykn Tjakura (Xaddee kan fakkaatuxiqqaa ta'ee fi sirna boolla maatii keessa lafa jala jiraatu dha. Wanti Tjakura bareedu dhaloota hedduu waliin jiraachuu isaaniiti, boolla tokko qooddatanii wal ilaaluu isaaniiti. Akkasumas gosti kun hawaasa Indigenous keessa jirru akkamitti maatii keenyaaf, hawaasa keenyaa fi biyyaaf kunuunsuuf iddoo guddaa akka kenninu calaqqisiisa," jechuun aadde Bromilow ibsiti.

Rakkoon bineensa dhabamsiisuu Australia keessaa maal?
Austraaliyaan rakkoo lubbu qabeeyyii hamaa keessa jirti, kunis dhiibbaa bineensota weerartootaa kanneen akka saree fi saree bosonaa, balleessuu bakka jireenyaa fi jijjiirama qilleensaatiin kan hoogganamu dha.
Kan nama dhibu, Austiraaliyaanis addunyaa irratti bineensota ilmo hoosistoota baay’ee dhabamsiisuudhaan sadarkaa olaanaa qabdi.
"Austiraaliyaan gosoota adda addaa walakkaa miliyoonaa ol qabaachuu hin oollu, baay'een isaanii hanga ammaatti hin ibsamne. Garuu gosoota nuti sirriitti beeknu keessaa 2,000 balaa baduuf saaxilamaniiru," jedha Prof Possingham.
"Akkasumas kan nama gaddisiisu, waggoota 250 darban keessatti erga industirii ta'ee as Austiraaliyaan gosoota bineensotaa dachaa 100 ol kan akka idileetti ilaalamu dhabaa jirti. Dhugumatti, yoo dhabamsiifamuu hin dhaabne, waggoota 200 ykn 300 dhufan keessatti gosoota keenya walakkaa jechuun ni danda'ama dhabuu dandeenya."
Keith Bradby itti gaafatamaa dhaabbata naannoo Western Australia kan Gondwana Link Ltd jedhamu yoo ta’u, bakka jireenyaa 1,000km ol kibba-lixa kutaa biyyattii keessatti argamu deebisee walitti hidhuuf hojjechaa jira.
“Ijoolleen koo akka warra dullooman ani haasofsiise sanaa buufata godhachuu dhabuun isaanii, akkasumas baay’ina bineensota bosonaa yeroo tokko qabnu irraa kan ka’e naannoo ibidda kaampii isaaniitti ijaa qabaachuu dhabuun isaanii waan nama gaddisiisudha,” jedhu obbo Bradby.
“Bineensota ilmo hoosistootaa dhabamsiisuun dhimma guddaa akka ta’e ni beekna, garuu biqiltoota hedduu haxaa’amanii fi nuti illee arginee hin beekneef rakkoon dhabamsiisuu hangam akka guddaa ta’e hubachuu jalqabneerra.”

Balaan bineensota bosonaa fi biqiltoota Australia irratti dhiibbaa geessisan maal?
Balaan ijoo sadii heddummina lubbu qabeeyyii Australia irratti dhiibbaa geessisan jiru.
Inni jalqabaa misoomaa fi qonnaaf bakka kennuudhaaf bakka jireenyaa balleessuu dha.
Inni lammaffaan gosoota weerartootaa yoo ta’u, Waangoo, adala, fi gosoota bineensota weerartuu fi dhukkuboonni tokko tokko kan seenan ta’uu ibsameera.
Jijjiiramni qilleensaa balaa biraa heddummina lubbu qabeeyyii Australiaa irratti mul’achaa jiru dha.
“Jijjiiramni qilleensaa ardii Australia digrii tokkoo fi walakkaan ho’isee jira,” jedha Prof Possingham. Bakki jireenyaa addaan ciccituun dhiibbaa adeemsa balaafamaa biroo wajjin walqabatee bineensota bosonaa fi biqiltoota Australia hedduu balaadhaaf saaxilaa jira.
"Waa'ee balaa bineensota bosonaa fi biqiltoota keenya irra gahu dubbachuu itti fufna. Garuu wanti dhuguma yeroo ammaa kana nu mudachaa jirru haleellaa battalaa jijjiirama hedduu irraa dhufu dha. Sirna ikoo guddaa walitti hidhame kana fudhannee xixiqqoo xixiqqoo boboccoquun kuusaa jennee waamnu keessa galchine walumaa galatti bulchiinsa barbaachisu raawwachaa hin jiru ,"jedha obbo Bradby.
"Haleellaan bu'uuraa dandeettii bineensonni bosonaa fi qe''e irra caalaan isaanii walitti dhufeenya uumuu hanqifneerra. Sunis yeroo addunyaan fi qilleensi jijjiiramaa jirutti jijjiiramaaf dandamachuu dandeettii isaan qaban ni laaffata. Garuu bu'uuraan, sirnicha xiqqootti caccabsinee jirra, xiqqoo akka hojjechuuf kan yaadame miti."

Bineensotaaa fi biqiltoota Australia kununsuu akkamiin gargaarra?
Hundi keenya bineensota bosonaa fi biqiltoota Australia kununsuu dandeenya.
"Tarkaanfiin jalqabaa ofuuf baruu dha " jedheen yaada booda , garee kunuunsaa ykn garee seenaa uumamaa naannoo keessanitti makamuuf murteessuu dandeessu. Ooruu keessanitti bakka iddoo duwwaan jiru ilaaltanii biqiltuu biyyaa fi biqiltowwan babbareedoo dhaabuu dandeessu, " jedha prof Possingham.
“Akkasumas, dhabamsiifamuun kun hundi aadaa fi fayyaa lammiilee Australia irratti dhiibbaa gaddisiisaa akkamii akka ta’u erga of beeksiftee booda, aanga'oota siyaasaa naannoo sanaa wajjin haasa’iitii yaaddoo biqiltootaa fi bineensota Australia dhabuu ilaalchisee qabdu qilleensa irra oolchi.”
Garee hawaasa naannootiinis ta’e dhaabbilee bu''a maleeyyii naannootiin yoo ta’e, hojii kunuunsaa keessatti hirmaachuuf carraan baay’ee dha.
"Sagantaan keenya bu'uuraan fayyaa ikoloojii irratti fooyya'iinsa guddaa sadarkaa baay'ee guddaa ta'een galmaan ga'uu dha. Garuu jijjiiramni guddaan akkasii jijjiirama xixiqqoo baay'ee walitti hidhamiinsa madaalawaa ta'een ta'an qofa irraa kan ijaarame dha. Jijjiirama xixiqqoo sana keessaa tokkoon tokkoon isaanii namoota dhuunfaa ykn garee namoota dhuunfaatiin kan oofan ta'uu qabu," jedha Prof Possingham.
"Nama lafa bal'áa qabu kan bineensota bosonaa gara qabeenya isaaniitti deebi'anii simachuu danda'u haa ta'u, ykn garee invastaroota maallaqa kennuu danda'anii jijjiirama guddaa fiduuf is haa tahuu, tokkoon tokkoon keenya waan jijjiirama fidu argachuu dandeenya."

Waan salphaa irraa jalqabuu danda'a kan akka biyya eenyuu irra akka jirtu barachuu fi dhaggeeffachuu akkasumas beekumsa ummata naannoo kabajuu dha," jedhti aadde Bromilow.
Kununsa Abbootii Dacheen-gaggeeffamu fi sagantaa bosoneessuu isaan qaban tumsuu dandeenya.
"Akkasumas yeroo hawaasni walitti dhufanii dhaggeeffachaa, barachaa fi itti gaafatamummaa fudhachaa jiranitti, bakka hundi keenya adda ta'ee nutti dhaga'amu eegaa jirra. Akkasumas Abbootii Dachee qofaaf osoo hin taane, nama Australia hundaaf yoo Biyya kununsine akka biyyis nu kununsu beekuun barbaachisaa dha."
Links to additional information:
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au










