Watch FIFA World Cup 2026™ LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Akkaataa aartii fi hojii harkaa Abbootii Dachee Australia keessatti naamusaan bitannu- Australia Explained

Australia Explained - Indigenous Art

According to Productivity Commission estimates, three quarters of Indigenous-style souvenirs in the Australian market are made overseas. Credit: Richard I'Anson/Getty Images

Aartii Aboriginal fi Torres Strait Islander bitachuun hiika of danda'e qabaataa, garuu dhugaa fi naamusa qabeessa tahuu akkamitti beekta? Aartiin fakkeeffamee hojjetamu amma illee Australia keessatti rakkina tahee jira, akkasumas tiki barbaachisu amma illee irratti hojjetamaa jira. Qajeelfamni kun maal akka barbaaddu, gaaffii akkam akka gaafattuu fi eessaa akka nagahoomaan bitattu hubachuuf si gargaara. Of eeggannoodhaan filachuudhaan, artistoota Saboota Duraa fi hawaasa isaanii tumsuun ni danda’ama.


Tuqaalee Ijoo
  • Qabeenya fi Aadaa Abbootii Dachee Australia keessatti tiksuuf tattaaffiin seeraa taasifamu itti fufee jira.
  • Namoota aartii fi hojii harkaa Aboriginal ykn Torres Strait Islander gurguran gaaffii sirrii gaafachuun furtuu dha.
  • Hojii aartii Saboota Duraa isadhugaa bitachuun faayidaa waloo artistootaaf, hawaasaa fi mammiltootaaf qaba.

Hojiiwwan aartii Saboota Duraa dhugaa ta’an akka waliigalaatti gatii aadaa fi aartii guddaa akka qabanitti ilaalamu.

Sababni isaa Aartii qaama beekumsa aadaa waggoota 60,000ta l tahan dhalootatti dabranii waan tahaniif.

Aartii fi hojiin harkaa Abbootii Dachee Asutralia keessa tikfamaa dhaa?

Indigenous Cultural and Intellectual Property (ICIP) akka ibsutti mirgi ummattoota Abbootii Dachee- aartistii, duudhaa fi deemsa aadaa isaanii irratti abbaa tahuu dabalata.

Asxaa fi diziniin baayyeen isaa tokko tokko ICIP ibsu.

Australia Explained - Indigenous Art
A carved wooden fish from the Torres Strait Dauan Island community. Credit: Oliver Strewe/Getty Images

“Garuu ICIP waan lafatti ijaan agarru caala ,” jedhti Stephanie Parkin, haati seeraa Quandamooka yeroo ibsitu.

"ICIP waan hunda ati ijaan hin agarre, seenaa aartii sana booda jiru, haalota aartistota sana akka isaan aartii kana uuman taasise fi seenaa isaanii karaa aartii kana himame hunda Dabala. “

Akkaataan itti hojjetamuu fi hiikaan isaa hawasaa hawaasatti adda adda, kanaaf naannoo waan jiru hubachuun barbaachisaa dha.

Mootummaan Australia seerota beekumsa Saboota Duraa fi ibsannaa aadaa isaanii, miidhaa aartiin fakkeeffamee hojjetamu qabu hubachuu, daldala fi yaadannowwan aartii sobaan wal qabatan irratti seera adda tahe baasuun tika gochuufiif of kennee hojjechuutti jira.

Stephanie Parkin akkasumas Dura teessuu koodii aartii Abbootii Dachee ti, dhaabbata biyyoolessaa bara 2007 qorannoo Seenetii biyyaan booda hundeeffame, artistoota fi aartii isaanii, karaa seera naamusa industirii tola ooltummaa daldalaa fi daldaltoota aartiitiin eeguuf hundeeffames.

Dhimmi aarttii fakkeeffamaa kun woggoota kurnaniif ture. Aartistii sana dinagdeen miidhuu qofa osoo hin taane, aadaa miidha akkasumas hawaasa irraan dhiibbaa geessisa.
Stephanie Parkin

Aartii Aboriginal ykn Torres Strait Islander akkamitti gafatamummaan bitadha?

Saretta Fielding artistii, dizaayinara fi daldaltuu Saba Wonaruah iraa yoo taatu, Boordii Daayirektaroota Seera Aartii Abbootii Dachee keessatti tajaajilti.

Australia keessatti meeshaalee aartii ummata Abbootii Dachee irraa bitachuun adeemsa naamusaa fi aadaa ti," jedhti.

Aadde Fielding tarkaanfii furtuu sadii maammiltootaaf eerti:

  • Dhugummaa hojii sana madaalu beekuu
  • Daandii daldalaa waliin hariiroo tolfachuu
  • Gaaffii sirrii gaafachuu
Saretta Fielding_at work 2_image Raymond Kelly.jpg
Saretta Fielding says asking the right questions is key. Credit: Saretta Fielding 2021/Raymond Kelly

Aartii Abbootii Dachee dhugaa tahee fi sirna namusa qabuun gurguramu eessaan bitadha?

Dhuga qabeessii fi daldalli Abbootii dacheen uumame, artistoota Abbootii Dacheen hariiroo biyyaan hojjetaman, ykn ammoo ehama artistii saniin irra deebi'amanii hojjetaman.

Karaa naamusa qabeessaan aarticha bituun faayidaan dinagdee warreen aarticha uumanii fi hawaasa isaaniif oola.

Karaan hojii harkaa Abbootii Dachee ittiin bitatan adda addaatu jiru, kallattiin artistii sana irraa bitachuu, art fairs kan jedhu kan Abbootii Dachee irraa karaa giddu gala aartii Abbootii Dachee 100 ol guutummaa biyyaa keessa jiran irraa bitachuu danda’ama, jedhti aadde Parikin.

Daldalaaf, agarsiisaaf ykn daldala aartii maarsariitii ofii ykn balbala daldala ofii irra koodii Aartii Abbootii Dachee bif gurraachaa fi diimaa logo isaa kaayyachuu ilaalcha keessa galchuu dandeessu. Kun of kenninsaan sirna fi naamusa daldalaa eeguu fi ehama artistootaa tahuu maammiltootaaf mirkaneessa.

Aboriginal Art Co 02[36] copy.jpg
Any piece of Aboriginal and Torres Strait Islander art over $250 should come with a Certificate of Authenticity. Credit: Aboriginal Art Co.

Namoota aartii fi hojii harkaa Abbootii Dachee gurguran maalan gaafachuu qaba?

Hojii jalqabaa aartii bitatta ykn ehamaan kan irra deebi’amee hojjetame bitattas yoo tahe, eenyu akka hojjete beekuu fi haala kamiin akka daldalamu beekuun barbaachisaa dha.

“Odeeffatnoo sana qabaachuu fi gaaffii sirrii gaafachuuf of qopheessuun, dhugumatti tarkaanfii jalqabaa ti, " jedhti aartistii Saretta Fielding.

Gorsa Maarsariitii Koodii Aartii Abbootii Dachee irra jiru hordofuun dansa tahuu eerti.

Gaaffii kanaan eegaluu dandeessa:

  • Aartistiin sun eenyu?
  • Artistiin sun eessa irraa ti?
  • Artistiin sun akkamitti kafalamaaf?
Australia Explained - Indigenous Art
Dot painting is one of the many forms of Aboriginal art, and varies from region to region. Credit: Marianna Massey/Getty Images

Aartiin Aboriginal fi Torres Strait Islander hundi tokkumaa?

Dhuga qabeessummaa fi naamusaat aarii Abbootii Dachee bitachuun, aartistootnii fi hawaasni duudhaa gadi fagoo fi gara garaa hedduu qaban bal’inaan qooddachuu akka itti fufan isaan gargaara.

Yeroo baayyee, yeroo artistii irraa bitattu, sun dhugaa dubbachuuf waan hawaasa isaanii fayyadu dhas.
Saretta Fielding

Aartiin Saboota Duraa Australia keessatti waggoota kumaatama kan ture yeroo tahu, itti fufiinsaanis guddachaa jira.

Akkaataa aadda addaa fi haallan adda addaa irraa dhufa-— akkuma gartuu afaanota fi bakka bu'ummaa aadaa dhibbootaan lakkayamanii.

Wa''ee hubannoo garmalee “Aartistiin Aboriginal hundi tokko jedhu irraa " dammaqi jechuun xumurti aadde Fielding.

Nuti hawaasa garagaraa, guutummaa baadiyaa fi fageenya irra akkasumas, magaalaa keessas jiraatna, aartii Abbootii Dachee gara gabaatti fiduuf hojjetna.”

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now