Tuqaalee Ijoo
- Karaan hojii T&I Australia keessatti baay’ee caaseffamaa dha.
- Namni kam iyyuu ittiin hojjechuuf qormaata NAATI taa'uun dirqama.
- Jijjiiruu fi Hiikuun qormaata adda addaa fudhatamu qaba.
- NAATIn dandeettii Afaan Ingilishiitt sadarkaa IELTS 6 barbaada.
- Afaan hiikkaa fi jijjiirraan- tokkuma mitii?
- Eessaa jalqabama?
- Sadarkaa dandeettii afaanii hagam qabaachuu qabda?
- Leenjii akkamtu jira?
- Qormaatni NAATI maal fakkaata?
- Maaliif irra deebiin ragaa haaromfachuun barbaachise?
Afaanota haaraa Australia yeroo amma kana hanqina hiikkaa afaanii fi jijjiirraa mudataa jira. Keessattuu dameen fayyaa afaan deebiftoota ogummaa qaban barbaadu. Kun kan Auslan (Afaanota Australia Mallattoon dubbataman) fi Afaanota Abbootii dachee dabalata.
Yoo afaan lameenitti Inglishii fi Afaan keetti dandeetti cimaa qabaatta fi afaanichis gaafatamaa jira tahe, ragaa Translating and Interpreting(T &I) irraa argachuu ni mallta. Garuu utuu hojii kana keessa hojjechuu hin jalqabin tarkaanfileen sirnaawaa ati fudhachuu qabdutu jiru.
Afaan hiikkaa fi jijjiirraan - tokkuma mitii?
T&I ogummaawwan adda ta’anii dha. Hiikuun afaan yeroo qabatamaa keessatti dubbatamu kan of keessatti hammate yoo ta’u, jijjiiruun ammoo qabiyyee barreeffamaa irratti kan xiyyeeffatu dha.
“Namni Tee jedhamtu, barsiisuun afaanii fi T and I , karaa adda addaatiin akka baratamu," jechuun dubbatti.
Namoonni alaa yeroo ilaalan waanuma jechoota daddabarsitu se'u. Maaltu dogoggora taʼuu dandaʼa?” Garuu dhugumatti dandeettii guutummaatti adda ta’ee fi tooftaa adda addaa barbaadani dha.Tee, T&I Practitioner
Jijjiirraan dhaabbattee waa’ee mata duree sanii akka ati ilaaltu si taasisa. Akkasumas afaanota adda addaa akka adda addaatti akka ibsuu dandeessus godha, akka hordoftootni addunyaa gara garaa keessa jiran hubannoo tokko barreeffama jijjiirame irraa argatan taasisa. Karaa biraa afaan hiikkaa barachuun hagam hatattamaan barbaadamaa tahuu isaas mul’i'uu isaa amanti.
“Hojii battalatti tahuu fi qorannoo akkasumas qophiin kee hangama akka bal’ate irratti hirkatta.”

Eessaa jalqabama?
Tarkaanfiin jalqabaa barmoota sirnaa hordofuu dha. Carraa TAFE deemtee certificate barachuu irraa haga degree masters hojjettuu filannoo qabda.
Yaadichi oguma afaan hiikkaa fi jijjiirraatti ga’umsa argachuudhaaf dandeettii kee akka jabeeffattu fi qormaata NAATIf akka of qopheessitu dha. NAAT jechuun National Accreditation Authority for Translators and Interpreters jechuu dha. Innis waanuma maqaan isaa jedhu dalaga: Sansakkaa fi Sadarkaa ogeessummaa T and I bakkatti eega.
Tee akka jedhutti wanti ijoo ta'e mirkaneessa NAATI argachuu dha jedhti utuu ejensota waliin hin galmaa'in dura.
"Kanaaf, adeemsi dheeraan kun yeroo qophii kana keessatti ji’a jahaa hanga wagga lamaa fi walakkaafu dhachuu danda’a,"
Sadarkaa dandeettii afaanii hagam qabaachuu qabda?
Barmoota seerawaa kan T and I seenuuf, Afaan lameenitti jechuun afaan Inglishii fi afaan keetti dandeetti cimaa qabaachuu agarsiisuu qabda.
Haaluma wal fakkaatuun utuu waraqaa ragaa hin kennin dura afaan sanitti namuu cimaa tahuu dursee rageeffata NAATiin.
Marina Morgan barsiistuu ol’aantuu kan TAFE SA , kan barmoota NAATiin raggaasifame kennnuu dha. NAATiin namni afaan Inglishiitti kan sadarkaa IELTS 6 fiduu qabu jedha, jedhti.
"Namootni mata duree kami iyyuu haa tahu oduu haala yeroo irratti dabru, jechootaa fi hiikkaa isaa kan silaan namni kamuu beeku beekuu akka qaban irraa eegama."

Leenjii akkamtu jira?
Barmootni NAATI irraa kennamu karoora kee waliin walgituu malu ni jira, kanneen university fi TAFE-sadarkaa diplomaa fi waraqaa ragaa kennuu dabalatee.
Aadde Morgan ulaagaa xiqqaan barbaachisu beekumsa “ Seensa Hiikkaa afaanii” ykn “Seensa Jijjiirraa afaanii” tahuu dubbatti. Kun barmoota torban 12aa, kan namoota qormaata NAATIiif qopheessuuf qophaawee dha
Barmootichi kollejjii Australia hedduun kan kennamuu fi seensa naamusa ogummaa, teekinikaa fi qorannoo dabalata.
"Beekumsi sun dhugumatti namoota durumaanuu afaan isaaniitti dandeettii gahaa qaban, tarsiimoo afaan hiikkaa cimaa qabanii fi akkaataa waliin dubbatnaa kkf hunda irratti dandeettii gaha qaban, isaan kun dhugmatti qormaata NAATiif qophaawoo dha,"jedhti. . Kaan ammoo seensa barmootaa kana kan yoo tarii ogummaan kun naaf taha moo hin tahu jedhanii ilaalu fedhanis jiru.”
Barmoota gadi fageenya qabuuf, diploomaa afaan hiikkaatti waggaa tokko, manneen barmootaa xixiqqaa fi universitinis part-timii ni kennu. TAFE SA ammoo Diplomaa maarsariitii irraan ni kenna.
Beekumsi barmooticha keessatti kennamu afaan tokko qofatti kan hidhamu. Garuu daree sana namoota afaan gara garaa dubbatan waliin qooddatta, barsiisi fi qomaatni afaan Inglishiin taha.
Diplomaan karaa biraa afaan ofii sanitti hidhata, kanaaf barattootn nama NAATi irraa ogummaa afaan hiikkaan ragaa qabuun barsiifamuu danda’u.
Ogummaa kanaan NAATI irraa xumurachuun hagam naamusa barbaachisuu fi sansakka kabaja aadaa guutuu keessan agarsiisa. Ogummaan kunneen yeroo lafa hojiitti naamusa ilaalchisee mudaan jiraatuuf nama barbaachisa.
Qomaatni NAATI maal fakkaata?
Beekumsa kamuu qabaadhu garuun namni hundi qormaata NAATI fudhachuu qaba.
Waraqaan ragaa kun mata duree waliigalaa irraa aasee hanga ogeeyyii sadarkaa ol’aanaatti kan jiru dha. Kanaaf ragaa kan konferensii, fayyaa fi seera dabalatee qabna. Qormaatni nuti kenninu naannoo afaanota 70n,Paula Aparicio gaggeessituu gartuu NAATI kan ragaa qoruu fi ogeessota akka jedhtutti.
"Qormaata afaanota nuti hin qabne kamiifuu,ragaa kan Recognised Practising Credential jedhu qabna. Kun qormaata sirnaawaa hin barbaadu, garuu namni tokko leenjii fudhachuu isaa kan agarsiisuu fi muuxannoo qabaatee haalduree tokko tokko guutuu mirkaneessa.”
Mirkaneessi sadarkaa jalqabaa afaan hiiktota yeroo mirkanaawe, ykn Certified Provisional Interpreter jedhamu. Sadarkaan itti aanu Certified Interpreter jedhama. Sadarkaa oliitti barachuunis ni jira.

Qormaatichi iyyuu akkuma dhugaa hojii irra jiramuun wal fakkaata jedhti, aadde Aparicio.
“Egaa yeroo waa’ee afaan hiikkaa dubbatnu, Haasawa namoota lameen gidduu yeroo sanitti hiikta jechuu dha, ykn tari yeroo sanitti waan galmee irra jiru/barreeffamee jirus hiikuu malta. Ariitiin waan barreeffamicha afaan biraan jedhu ilaaltee hiikaa isaa itti hmita. Afaan jijjiirtotaaf ammo akasuma waan walfakkaatu tahe garuu, waan barreeffamee jiru jijjiirta.”
Qormaati isaa cimaa dha. Dabruun sadarkaa ogummaa akka biyyaatti beekamtii qabu akka guutte agarsiisa.
Sababn isaa jijjiirraa fi hiikkaan ogummaa adda addaa gaafata, lachuufuu qormaata adda addaa fudhatta.
“Kanatti dabalee, jijjiirraa ilaalchisee qormaatni fi ragaan akka qajeelfamichaatti adda , jechuun ibsiti aadde Aparicio.
Afaan Inglishii iraa gara afaan keetti jijjiiruuf qormaata fudhachuu yoo barbaadde, amma fakkeenyaaf kan kiyya afaan Spanish ti. Yooakka biraatti afaan kee irraa gara afaan Inglishee jijjiiruu fedhte, qormaata biraa fudhachuu qabda, sun ammoo akka waraqaa ragaa kan biraatti ilaalama.Paula Aparicio, NAATI
Maaliif haaromfachuu qabda?
Waraqaan ragaa waggaa sadi sadiin haaromfamuu qaba.
Kana jechuun ogeessotni afaan hiikkaa fi jijjiirraa akka hojii ittiin hojjechaa jiranii fi beekumsa isaanii guddifachuuf leenjii kennamu fudhachuu isaanii NAATI agarsiisuu qabdu.
“Afaan hiiktootnii fi jijjiirtootni ga’umsa NAATI irraa qabaachuun hawaasichi jarreen afaan hiikan fi jijjiiran kun ogummaa, safuu qabaachuu fi sirna ogummaa isaaniin hojjechuu isaanii irratti amantaa qabaatu ”. Wanti nun hawaasichaaf mirkaneessinu kana- qormaaticha dabranii jedhnaan itti fufanii yeroo yerootti haarmosa beekumsaa fi leenjii yero yerootti fudachuu isaan barbaachisu fi kennamu fudhachuu qabu," jedhti aadde Aparicio.
Odeeffatnoo irra caaluuf kan armaa gadii ilaalaa
NAATI website Maarsariitiin NAATI waan isin baruu qabdan, daandii fi haal duree beekuu qabdan fi qormaata ilaalchisee odeeffatnoo guutuu qabatee jira.
Afaaan hiiktotni yeroo baayyee eejesii waliin waliigalteedhaan hojjetu. Tarkaanfii keessan itti aanuuf ejesiilee adda addaa qunnamuun karoora keessan mijeeffachuu dandeessu.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au








