Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Lakkoofsa Ummataa Australia (Census): Lakkoofsa keessa jiraachuuf maal beekuu qabdu- Australia Explained

Census other dwelling visits_credit ABS.jpg
The Census is compulsory to complete for everyone in Australia. Credit: ABS

Lakkoofsi ummataa(Census) bara 2026 Kibxata(Tuesday) Hagayya (August) 11 yoo ta’u namni halkan kana Australia keessa jiru hundi lakkaa’amuu qaba. Daataan lakkoofsa ummataa bakka jiraatnu, afaanota mana keessatti dubbatnu (Auslan dabalatee), deeggarsa nu barbaachisu fi akkaataa biyyai Australia akka sabaatti jijjiiramaa jirtu hubachuuf kan gargaaru dha. Lakkaa’amuun hawaasni kee, aadaan kee fi amantaan kee bakka bu’ummaa akka qabaatu gargaara. Waa’ee Lakkoofsa Ummataa mana keessaniif xumuruu wanti beekuu qabdan kunooti.


Published

Updated

By Melissa Compagnoni

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Share this with family and friends


Lakkoofsi ummataa(Census) bara 2026 Kibxata(Tuesday) Hagayya (August) 11 yoo ta’u namni halkan kana Australia keessa jiru hundi lakkaa’amuu qaba. Daataan lakkoofsa ummataa bakka jiraatnu, afaanota mana keessatti dubbatnu (Auslan dabalatee), deeggarsa nu barbaachisu fi akkaataa biyyai Australia akka sabaatti jijjiiramaa jirtu hubachuuf kan gargaaru dha. Lakkaa’amuun hawaasni kee, aadaan kee fi amantaan kee bakka bu’ummaa akka qabaatu gargaara. Waa’ee Lakkoofsa Ummataa mana keessaniif xumuruu wanti beekuu qabdan kunooti.


Tuqaalee ijoo

  • Halkan Lakkoofsa Ummataa gaafa Hagayya( August) 11, 2026 lakka'amuun nama hunda Australia keessa jiruuf dirqama.
  • Deebiin kee tajaajila kennitootni waan amma si barbaachisu hubachuuf akkasumas wanneen si barbaachisan kun ammoo gara fuulduraa akkamiin akka jijjiiramuu malan akka hubatan isaan gargaara.
  • Odeeffannoon dhuunfaa ati kennitu kami yyuu nageenyaan kan eegamu yoo ta’u, eenyummaa kee adda baasuuf itti fayyadamuu hin danda'amu.
  • Daataan lakkoofsa ummataa tajaajilaa fi deeggarsa hawaasni keessan argatu murteessuuf hubatnoo uuma.

Lakkoofsi Ummataa kun waa'eedhuma ummata lakkaa'uu tii?

Statstics Bureau Australia(ABS) wagga shan shaniin, nama kamuu fi maatii hunda Australia keessaa lakkaawa. Kun lakkoofsa ummataa fi manaa ti( Census).

Odeeffatnoon funaanamu amma sa’a kanatti namootni maal barbaadu, gara fuulduraatti ammo fedhiin akkamiin jijjiiramuu mala kan jedhu hubachuuf.

Emily Walter, dubbattuun lakkoofsa ummataa biyoolessaa,Lakkoofsi ummataa karaa itti galmee ummataa Australia keessaa funaanamu isa guddaa dha, odeeffatnoo barbaachisaa biyyattii kenna jedhti.

"Odeeffata slaphaatti eenyu akka taanee fi yeroo keessa jijjiiramni akkamii akka jiru nutti hima. Kanaafuu lakkoofsi ummataa kun, waa’ee fayyaa, barmootaa, duubbee eenyummaa, hojii, fi kkf gaafata. Kun ammo mirgisa dinagdee, hawaasummaa fi aadaa Austrlaia qabdu addeessa."

Galmeen lakkoofsa ummataa kun tajaajilli sirrii fi ijaarsi barbaachisaa tahe yeroo fi bakka barbaachisaa tahetti namoota dhuunfaa, maatii fi hawaasaaf kennamuu wabeessa. Kun tajaajila afaanii, mana barmootaa, tajaajila kununsa fayyaa, sagataalee hawaasaa, geejjiba ummataa fi deggersa qubsumaa dabalata.

Census form delivery_credit ABS.jpg
Census Field Officers will help ensure everyone is counted by following up with households that haven’t completed their Census. Credit: ABS

Unkaa Lakkoofsa Ummataa eenyutu guutuu qaba?

Tokkoon tokkoon namaa gaafa Lakkoofsa Ummataa Hagayya (August) 11 halkan Australia keessa jiru lakkaa'amuu qaba.

Lakkoofsi ummataa dirqama, kana jechuun guyyaa lakkoofsa ummataa sana galgla namni Australia keessa jiraatu hunduu unkaa lakkoofsa kanaa keessatti hammatamuu qaba.

"Sun barattoota idil-addunyaa(international students), dawwattoota, kanneen viizaan jiran fi daa'imman dabalata. Namootni tokko tokko daa’ima lakkoofsa kana irratti guutuu dagatu, jedhti aadde Walter.”

Mana keessaniif yeroo unkaa Lakkoofsa Ummataa guuttan namoota gaafa Lakkoofsa Ummataa(Census) halkan isin bira jiran hunda guuttu.

Gaafa Lakkoofsa Ummataa halkan sana yoo ani mana hin jiru tahe hoo night?

Yoo kan Hagayya (August) 11 2026, biyya biraa jirta tahe unkaa Lakkoofsa Ummataa guutuu hin qabdu.

Garuu yoo guyyaa sana Australia keessa iddoo biraa kanneen akka hiryaa bira ykn bakka bashannanaa(camping) deemtee jirta tahe bakkuma jirtutti lakkoofsa ummataa ykn census kana guutuu qabda.(complete the Census wherever you are). Gaaffichi dhaabbataatti eessa jiraatta kan jedhus of keessaa qaba waan taheef.

Galgaluma guyyaa sanii irratti guutuu hin qabdu garuu, deebiin kee gaafa Hagayya 11 eessa jiraachuu malta isa jedhu addeessuu qabda. Yoo guyyaa sana bakka jiraachuu maltu beekte akkuma qajeelfama akkaataa itti lakkoofsa ummataa guuttu argatteen guutuu dandeessa.

Gaaffiiakkamiin gaafatama?

Akkuma guyyaan lakkoofsa ummataa dhihaachaa dhufeen, namootni hedduun akkaataa itti marsariitii irraan guutan kan ibsu xalyaan isaan dhaqqaba. Namootni kaan ammo uunkaatu ergamaaf.

Completing a paper Census form_credit ABS.jpg
You can complete the Census online, on paper, or with help from Census staff. Credit: ABS

Aadde Walter akka jedhtutti gaaffileen Lakkoofsa Ummataa kun waa'ee fayyaa, barmootaa, hojii fi kanneen biroo kana fakkaataan bal'inaan waa'ee maatii fi hawaasaa addeessu of keessaa qaba.

"kan yoo namni sun Aboriginal fi Torres Strait Islander tahee, Afaan Inglishii ala manatti maal akka dubbattan, eessatti dhalattan, maatiin kee eessatti dhalatan, ancestry, amanatii fi yoom Australia qubattan kan jedhan mata duree adda addaa."

Waa'ee odeeffatnoo dhuunfaa koo itti fayyadamuu irraa yaaddoo qabaadhe hoo?

Nageenya galmee kan iccitii fi Nageenya odeeffatnoo kee tiksu eegums bakka jira.

Lakkoofsi ummataa kun waaée nama dhuunfaa miti, garuu, odeeffatnoo walii galaa ummata bal’aa ti.

Unkaan Lakkoofsa Ummataa maqaa fi teessoo gaafata, ayinaa galmeessii deggeruuf akkasumas galmee adda addaa irraa odeeffatnoo sirrii argachuuf. Maqaan namaa odeeffatnoo kaan irraa adeemsa keessa dursee haqama.

Seeraan galmee Lakkoofsa Ummataa nama kamiifuu, dhaabbata mootummaa kamiifuu ykn karaa biraatiin, haala nama kam iyyuu adda baasuu dandaúun qooduufiin nuuf hin hayyamamu.
Emily Walter

Kana jechuun odeeffatnoo ati kennite, iccitiin eegama, iddoo nageenyaas kaa'ama, eenyummaa namaa ifa baasuu hin danda'u. Dhaabbilee, damee mootummaa dabalatee Australia Beauro Statstics) ABS irraa kan hafe eenyu iyyuu unkaa lakkoofsa ummataa ati guutti namni itti bu'u hin jiru.

Galmee Lakkoofsa Ummataa funaaname kan eenuymmaan nama tokkoo iyyyuu hin beekamin kanneen gartuu hawaasaa, dhaabbata tola-ooltummaa, daldalaa fi mootummaan dhimma itti bahu.

Welcoming Australia dhaabbat galmee kanatti dhimma bahani dha. Mootummaa naannoo , kilaba naannoo, University fi bakkoolee hojii biyyattii keessaa waliin hojjetu.

Hoji gaggeessaan Welcoming Australia Aleem Ali, namni hundi qulqullummaadhaan gaaffii lakkoofsa ummataa kana deebisuun maaliif akka barbaachisu dubbate.

"Yooo afaan mana keessatti dubbattan, amantii , aadaa fi Eenyummaa keessan galmeessuu baattan, dhaabbilee sochiilee hawaasaa fi gartuu adda addaaf qarshii hadhaadhiyan(fund) kennan biratti akka hin jirretti ilaalamtu jechuu dha. “

Census follow-up visits_credit ABS.jpg
Census Field Officers can follow up with households that haven’t completed the Census. Credit: ABS

Lakkoofsa Ummataa irratti deebii sirrii kennuun maaliif barbaachise?

Lakkoofsa ummataa kana irratti gaaffii qajeelaan deebisuun kan inni gargaaru, sagaleen kee fi kan Hawaasa kee dabalamuun yeroo karoorri mana barmootaa, galmee hawaasaa, deggersa afaanii fi tajaajiloota barbaachisoo karoorfatamu keessa jiraachuu kee mirkaneessa.

Obbo Aleem, namootni hundumtuu gaafficha qulqullinaa fi amanamummaan akka deebisa gad jabeessee gaafata.

Hirmaachuun keessan dhuguma waa’ee kabaja fi mul’achuu ti, akkasumas arjummaa qabeenyaa hawaasa keessaniif maluu ti.
Aleem Ali

Peter Doukas Dura taa’aa Federeeshinii hawaasa duubbee gara garaa kan gumii Australia ti.

Dhaabbileen hawaasaa kanneen akka Gumii Hawaasa Aada-danuu, biyyattii keessa jiran, odeeffatnoo lakkoofsa ummataa afaanota adda addaan kennuuf Biiroo Statistics Australia waliin walii galaniiru, akkasumas adeemsi kun waan nama yaaddessu akka hin taane hawaasichaaf mirkaneessuuf, jedha.

"Galmee dhugaa fi sirrii argachuu fi kunis waan barbaachisaa tahuu ummaticha akka hubatu gargaaruun qaama barbaachisaa jireenya qaroomaa Australia keessaaf bu'uura, " jedha.

Aleem Ali akka jedhutti, galmeen Lakkoofsa Ummataa Welcoming Australia hedduu gargaara " .... sababni isaa dhaabbilee wajjin hojjetnu akka deggerru nu gargaara, kunis irra caalaa simatoo fi hirmaachisoo tahanii caalaatti .... hawaasota duubbee aadaa gara garaa waliin akka hojjetan taasisuu irratti hedduu gargaara," jedha.

AU21-P00001379-07_Census_IngerGen_Family_HowTo_RGB.jpg
Credit: ABS/CHRIS BUDGEON PHOTO

Lakkoofsi Ummataa akkaamiin hawaasa aada-danuu gargaaratie?

Lakkoofsi Ummataa kun dhiibbaa gaarii ummataaf qaba.

Odeeffatnoon ati kennitu, gartuu hawaasaa, daldalaa fi mootummootaa akka isaan gosa gargaarsa fi deggersa hawaasichaaf taasisan irratti murtii hubatnoo qabu akka fudhatan isaan gargaara jedha.

Obbo Aleem akka jedhutti galmeen lakkoofsa ummataa kun akka sabaatti eenyu akka taane akka nu agarsiistutti kan ilaalamu dha.

“Fakkeenyaaf, yoo galmeen kun namootni hedduun naannawaa tokko jiraatan, dandeettiin afaan inglishii isaanii Sadarkaa gad-aanaa tahe, ragaa kana irratti hundaa’un naannawa kanatti kununsa fayyaa ilaalchisee afaan keessaniin , akkasumas tajaajilli afaan hiikkaa akka jiraatu taasisuu irratti bu’uura. Dabalees ammo hawaasota hin mul’atin ykn dagatamanii jiran, gargaarsa isaan barbaachisu adda baafachuuf gargaara. "

Bal’istee gaafa ilaaltu, Australia aada dandeeneettii keessa aadaa hedduun akka jiran dha, kanaaf galmee kanaa qabaachuun akkaan barbaachisaa dha.

“Fakkeenyaaf… namootni duraan qubatanii of ijaaranii jiran fedhiin isaanii adda tahuu mala kanneen deggersa jaaroleefaa, haaraa reef kan qubatani ammoo deggersa afaanii ykn bu'uura irraa qubatnaaf waan isaan barbaachisu ykn dhimma mana barmootaaf barbaaduu malu," jedha obbo Peter.

Census engagement staff 2_credit ABS (1).jpg
You can receive in-person help at Census pop-up hubs.

Deggersi ni jiraa?

Guyyaan Lakkoofsa Ummataa yeroo dhihaatutti, ABSn dhaabbilee, dhaabbilee daldalaa fi gareewwan hawaasaa guutuu Australia waliin ta’uun namoonni Lakkoofsa Ummataa bakka kamitti iyyuu akka xumuran hojjechaa jira. Kunis magaalaa, baadiyyaa fi naannoo fagoo kan hammate yoo ta’u, namoonni mana irraa fagaatan, fakkeenyaaf hoteelota, mana yaalaa, buufata kaampii fi paarkii karavaanii keessattis akka deeggaraman taasisa.

Obbo Aleem, ABS odeeffatnoo barreeffamaan (flyers) sagaleedhaan, fi akkasumas karaa video afaan adda addaan ni dhiheessa jedha.

"Bakka waajjira Lakkoofsa Ummataa beekamaa qaamaan deemtee gargaarsa gaafachuu dandeessa.

Bilbilas Census Contact Centre bilbiluun deggersa gaafachuu dandeessu.  Yoo afaan deebisa barbaaddan, TIS tajaajila Biyyaalessaa fayyadamuu dandeessu.”

Kanaafuu, yaadadhaa, Lakkoofsi Ummataa Kibxata (Tuesday) Hagayya (August) 11 halkan tahuu isaa. Yoo halkan sana Australia keessa jiraatte lakkoofsa kanatti eda’amuu qabda.

Unkicha guutuuf yeroo gabaabduu qofa fudahta, garuu odeeffatnoon sun waggoota dhufaniif tajaajilaa fi deggersa Hawaasa keessaniif bocuuf gargaaruu danda’a.

For more information about the Census, visit the Census website. For in-language information or support, visit the Language support page.

This content was produced in partnership with the Australian Bureau of Statistics.


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now