Sirna uffatnaa yeroo yaamichaa

Confident young designer showcasing clothing collection in her stylish workspace, highlighting textiles, fashion, and creativity

Dress codes help us meet the expectations of the host and set the tone of an event. Source: iStockphoto / Deagreez/Getty Images

Waamicha waamamtanii dress code ykn gosti uffatnaa: Coktail attire”jedha. Kodiin ykn gosti kun maal? Irra caalaatti iyyuu ammo maal uffachuu qabdan? Uffatnaan aadaa keenya akka jirutti tahee, mee seera uffannaa hedduu beekamoo tahan ibsuu yaalla, qophicha irratti of qopheessitanii akka deemtaniif.


Tuqaalee Ijoo
  • Sirni uffatnaa qophii bareecha.
  • Yoo yaamicha irratti maaltu akka uffatamu hin beekne warra isin yaame gaafadhaa.
  • "Uffatnaa gurraachi" uffatnaa yeroo hedduu uffatamuu fi Australia keessattis argatnu dha.
  • Uffata "lagoo" ilaalchisee bakka itti fudhatama qabu ni jira.

Gosti uffatnaa maaliif barbaachise?

Yeroo baayyee gost ykn seerri uffannaa(dress code) waraqaa yaamichaa irratti ibsamee mul’ata. Tarii “uffatnaa gurraacha ”ykn uffata “naamus-qabeessa” jechuu mala.

Seerri uffannaa waan warra afeerraa taasiseen nama irraa eegamu fi akkasumas qophicha bareechu dha. Waan naa uffadhuu kottu jedhan yeroo uffattu jechuu dha.

Sirna uffannaa namatti himuun qajeelcha gaarii dha sababni isaa, humnaa ol uffatanii argamuun, kaan biratti ammoo akka Sadarkaa isaanii gad buusuutti ilaalama.

Yoo kan sirni uffannaa hin himaminii- qorannoo xiqqoo taasisuun dansa- nama qophii sana qopheessuun maaltu uffatama jedhanii gaafachuuf qaana’uu hin qabdan jedhti dirikteerri faashina Mastanii Kudrat Makkar.

"Ani dhugumatti sirni uffatnaa maal akka tahe nan gaafadha"

Waan dabre irraa baradheera. Duubbee India irraa tahuun, keessattuu cidhaaf afeeramtee gaafa deemtu, humnaa ol uffannee akka argamnu ijoollummaa koon nan yaadadha, garuu sababni isaa hundumtu humnaa ol uffateera. Kanaaf waan of agarsiifne nutti hin fakkaatu. Akka ani yaadutti bartameetuma Australia keessatti namni hundi akka kanatti hin uffatu.”
Kudrat Makkar
Kanaaf kan sirni uffatnaa kaa’ameef.

Qorsa xiqqoo

Garuu seera uffatnaa hedduu beekamoo tokko tokkoon utuu hin ilaalin dura, namni Melbourne hodhaa uffataan beekamu Joshua Ton akka jedhutti " yeruma nuti sirna uffatnaa yaadaa hin qabne illee seera waliigalaa hordofamtu jira," jedha.

Sirni uffatnaa beekamoon kam?

Kanneen tarreessineerra.
Black bow tie on white background
Also known as ‘black tie optional’, a ‘formal’ dress code is popular for weddings, formal dinners and corporate events. Source: Getty / Kamal Iklil/Getty Images

Karabaataa gurraacha

Lisa Stockman Melbourne kan jiraattuu fi namoota qophii qaban kan tottolchitu dha. Namoota faasiona fi akkaataa uccuu sanduqatti qixeeffatan gorsiti- akkasumas waaée sirna uffatnaa beekti.

Uffatnaan sirnaawaa Australia keessatti beekamu “uffatnaa gurraacha”, jedhti. Kun uffata miidhagaa yeroo cidhaa, yeroo qophii badhaasa fi gargaarsaa aadda addaa irratti uffatamu dha jedhti.

“Egaa kunneen yeroo itti warri dhiiraa uffata irraa jalaan gurraacha, shamiza adii, karaabaataa ishii dalga hidhamtu fi kobee gurraacha hidhaa qabu kaayyatan. Dubartootni wandaboo dheeraa lafa gahu, uffatu. Dubatootni baayyeenis galgala qophichaa kophee dheeraa kaayyatu. “

Uffatnaa sirnaawaa fi , akkasumas uffannaa gurraacha kan jedhamu filatnootu jira. Filatnoon jiru sirnawinsa irra xiqqoo gad buáa kan haga uccuu gurraachaa hin geenye jiru.

Warreen dhiiraaf uffatni guutuu irraa fi jalaan akkasumas shaamizi kullettaa qabu uffata sirrii dha.

" Warri dhiiraa hedduun isaanii qophiilee sirnaawoo irratti karabaataa dalga galtuu ykn dheeraa hidhatu. Australia keessatti dhiirotni baayyeen karabaataa hidhachuu dhiisuun xiqqo kan nama raaju tahu iyyuu garuu kiisa kootii isaanii keessaa mallatto qabaatu. Dubartootni, dheeraa lafa irra harkifamu tahuu baatu iyyuu garuu wandaboo dheeraa uffatu ykn yeroo tokko tokkos fiddoo bal’aa uccuu bareedaa irraa hojjetame uffatu, jedhti aadde Stockman.
Teenagers and young adults in formalwear at party
A semi-formal dress code is considered more reserved and classic, while a cocktail dress code can be more festive. Source: Getty / kali9/Getty Images

Cocktail fi semi-formal

Uffatnaan ‘Cocktail’ ykn sirnooma gar-tokke(semi-formal)cidhaa, party cocktailii, sirna kaadhimannaa, qophii dhimma hojii fi Guyyaa dhalootaa gurguddaa irratti uffatama.

Sirni uffatnaa semi-formal jedhamu kun gara caalu isa sirnaawaatti siqa inni cocktail jedhu ammo gara caalu kabajatnaanaaf taha.

“Sirni uffatnaa inni kun isa “sirnaawaa” fi “ lagoo”(casual) gidduu jira. Dhiirotni baayyeen uffata irraa fi jalaan guutuu uffachuu danda’u, garuu gurraacha tahuu hin qabu, akkasumas Australia keessatti baayyeen isaanii karabaataa hidhachuu hin fedhan sirna uffatnaa akkasiitti. Dubartootni, egaa uffatnaan akka adda addaatti hiikama, dheeraa uffachuus danda’u, akkasumas fiddoo bal’aa ykn uffata guutuu irraa fi jalaan wal qabatee jiru(jumpsuit) uffachuus danda’u."

Yoo kan saanduqni keessan uffata gahaa hin qabu tahe ykn waan filattan isin dhibe, uccuun qabdan tokko qophiilee sirnaawoo tahan hedduuf isin gargaaruu danda’a jechuun amana Joshua Ton.

"Egaa uffatnaan- dhalaa fi dhiira ykn nama kamu uccuu gosa adda addaa ykn bifa adda addaa fayyadamuu danda’uu dha, yoo kan sirna uffatnaa gaafatame  hin beekne tahe.
 Kanaaf uffatnaa bifa addaa ykn gosa uffataa addaa tarii sirna uffannaa saniin wal gita jedhtan uffachuu dha."

Kanneen waliin deeman kan akka waan gurraa fi mormatti kaayyatan, karabaataa ykn kiisa kooti irra waan buusan kun hundi uffatnaa kee caalaatti bareechu.

Line up of Fashionable Gen Z adults
Smart casual is a popular choice for work events and birthday parties. Credit: We Are/Getty Images

Lagoo qulqulluu

Uffatnaan sirnaawaa irraa gadii ammas “smarti casual “ jedhama. Sirni uffatnaa kun ifaa miti garuu uccuu guyya Guyyaa uffatamu irraa adda- uffata akka oolmaa ummataa yeroo deemtufaa uffattu- uffata, irra sirnaawaa tahe jechuu dha jedhti aadde Lisa.

“ Akkaataa idileetti dhiirotni Australia keessa jiran fiddoodhuma tahe ykn akka jeansiifaa kan citaa of irraa hin qabne uffatu, shaamiza , jaaketa spoortii fi kophe giddu galeessuma kaayyatus turan.  Dubartootni ammoo uffata qindoomina qabu wal fakkaatu uffatu, fkf irraa jalaan uccuu wal fakkaatu uffatu. Jeans fi kophee gurraachatti gaalchu, wadaboo bareedaa, uccuu gabaabaa fi kophee jilba gahu kaayyatus turan. Kophee koomee dheeraa keyachuu dhiisuu danda’u."
Theater audience standing in formal attire, applauding
Black tie is an elegant dress code popular at weddings, award ceremonies, and charity galas. Source: Getty / Mike Powell/Getty Images

Lagoo

Haalli qophichaa murteessaa dha.

Guyyaa lafoo, hojii moo BBQ?

Uffatni daalchis yeroo itti fudhatamu jira jedhti aadde Stockman.

"Qophiilee lagoo tahan, qophii akkasii irratti uffata gaggabaabaa ykn naamusi dhablee ykn kophee mana keessaa akka uffatan isin hin gorsu, garuu uffata keessa keessan gammachiisu simboo isinitti horu uffadhaa. “

Obbo Joshua seera gabaabdu uffatnaa lagoo irratti jiru hordofuu fedha, yknis waan ofii jaallatu kan akka xiqqo uffatnaa sirnaawaatti siqu jaallata.Haguma qophichi bifa sirnaawaa irra gad bu’aa tahe, uffatnaan isaaf tahu argama jedha.
Uffatnaa “adda tahe” uffachuu dandeessa, kanneen akka jaaketa sportii, fiddoo, kan gosa uffata kaaniin wal hin agarre. Kanaafuu yeroo hunda kan wal faallessu uffachuu dandeessa.
Joshua Ton
"Yoo irra keessaan gurraacha tahe , gaditti ifaa ykn bifa biraa uffadhu sun bareedina addaa kennuufii danda’a, uffatnaa sirnaawaatti gaalchas. Akkasumas jaaketa spoortii fi fiddoo yoo uffatte karabaataa si hin barbaachisu."
Close-up of wedding invitation on plate
Bridging the gap between formal and casual, ‘cocktail’ and ‘semi-formal’ are popular dress codes for weddings, cocktail and engagement parties and milestone birthdays. Source: Getty / Vstock LLC/Getty Images/VStock RF

Karaa uffatnaa aadaa ofii ibsachuu

Aadaa kee ibsachuuf waan aadaa kee fakkaatu harkatti ykn mormatti kaayyachuu dandeessa jedhti aadde Kudrat Makkar .

"Kan akka waan bareedaa mormatti kaayyatan aadaa koon hidhata qabu. Waan buburree of irra buusan qophicha irratti fudhatama qabu. Kootii ykn wandaboo salphaa isaa tahuu mala. Garuu waan aadaa hodhaa adda tahe qabu ykn harkaan hojjetame fakkeenyaaf. “

Yoo sirna uffatnaa guutuu baatte hoo?

Dhuma biyya lafaa miti.

"Kanaaf dhugumatti yoo haalicha hubachuu baattan illee waan dandeessan uffadhaa, waan gaarii dha jedhtanii yaaddan uffadhaa sababni isaa  kabaja qophii fi nama isin yaameef jecha qophicha irratti argamuu qabdu. Akka ani yaadutti kana gochuun keessan baayyee barbaachisaa dha, " jedha obbo Ton.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 

Share

Recommended for you

Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service