Seerri naannoo maallaqa walitti qabuu fi dhaabbilee tola ooltummaa maali? Akkamitti akka hin gowwoomfamne mirkaneessuu dandeessa? Yoo ni arjoomta tahe, ofii keetii maallaqa walitti qabdus tahe ykn karaa sarara interneetaan birmatnaa ummataa kan gaafattus yoo tahe wanti beekuu qabdu kunoo ti.
Key Points
- Seerotni akkaataa maallaqa walitti qabuun itti gaggeeffamu aangoo murtii Australia hunda keessatti garaagarummaa qaba.
- Gowwoomsaa maallaqa walitti qabuu irraa of eeguuf, yeroo fudhadhaatii ragaa dhaabbata tola ooltummaa tokkoo ilaalaa, yoo shakkii qabaattan arjooma gochuu irraa of qusadhaa.
- Seerotni maallaqa walitti qabuu fi ulaagaaleen hayyamaa maallaqa walitti qabuu xixiqqaa fi iyyannoo toora interneetii irrattis ni raawwatu, kanaaf sababa kee irratti hundooftee ilaaluu qabda.
- Dhaabbatni kun sirnaawaa tahuu maalin beekama?
- Arjooma koo irraa gibirri ni hir'ifamaa?
- Maallaqa walitti qabuu ilaalchisee eenytu to'ata?
- Gowwomsaa tahuu maliin beekuun danda'ama?
- Sababa gahaaf maallaqa walittin qaba yoo tahe maal beekuun qaba?
- Arjooma sarara interneetaan funaanamuuf seera akkamtu jira?
Dameen tola ooltummaa Australia dhaabbilee tola ooltummaa guddinaan garee hawaasa biyya keessaa irraa kaasee hanga dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaatti kan ijaarame dha.
Dhaabbileen tola ooltummaa xixiqqoo hundinuu qaama tola ooltummaa biyyaalessaa, Komishinii Tola ooltummaa fi Bu’aa maleessummaa Australia (ACNC) biratti hin galmaa’an.
Dhaabbatni kun sirnaawaa tahuu maaliin beekama?
Dhaabbatni kun sirna qabeessa tahuu galmee ACNC Charity register kana irra jiraachuu ilaaluun salphaa dha.
Galmee ACNC irra jiraachuu jechuun dhaabbatni kun ulaagaa, kanneen akka dhaabbata bu'a maleessaan hojjetuu fi sadarkaa bulchiinsaatti guutamuu qabu guutee jira jechuu dha.
Utuu qarshii ofii hin buusin dura dhaabbatni kun galmee irra jraachuu dursanii ilaaluun dansa jedhe komishinni ACNC Sue woodward.
''Eenyu akka dhaabbata tola ooltummaa kana geggeessu, gosa hojii akkamii akka hojjetu, maallaqa isaa eessaa akka argatu odeeffannoo siif kennuu waan danda'uuf.
“Akkasumas dhaabbata tola ooltummaa galmaa’e dhugaa ta’uu isaa fi waa’ee bulchiinsa gaarii seera murtaa’e hordofuuf dirqama akka qabanis ofitti amanamummaa sitti dhaga’amuu danda’a.”
kennaan koo gibira ni hir'isaa?
Arjoomni kan gibirri itti hir’ifamuu danda’u, yoo arjoomni sun dhaabbata kan Waajjirri Gibira Australia(ATO) akka dhaabbata kennaa fudhatutti ykn DGR qabuutti gibira hir’suuf, duraan raggaasiseefii jiraate qofa. Akkaataan sana adda baafachuu dandeessanis, sarara interneetaa irra deemuun waan ABR ykn ABN jedhu ilaaluudhaan Deductible Gift Recipient status.

Qarshii walitti qabuu kana eenyutu to'ata
EACNC kan yooo qarshii walitti qabuu ilaalchisee rakkinootni kanneen akka dhaabbatni sun gaafatama ofii daddaaqe, ACNC dhimmicha keessa seenuu danda’a.
Mufiin ACNC tti dhihaatu hunduu ni qoratama, yoodhuma illee iyyatnoon kee nu gaheera kan jedhu qofti sii deebi’e, jechuun dubbatti sue ammas.
Akkasumas, namoonni maallaqa walitti qaban hayyama mootummaa naannoo fi seerota biroo, kan akka Seera Fayyadamtootaa Australia fi seera dhoksaa-dhuunfaa jala ooluu danda’u Australian Consumer Law and Privacy laws.
Yoo kan amala dhaabbata tola ooltummaa sanaaf yaaddoo qabaattan, warren to’atan kutaa biyyaa keessan keessa jiran qunnamuu dandeessu
seerota kana ilaalchisee akka naannootti kan armaa gadii ilaali
- Australian Capital Territory
- New South Wales
- Northern Territory
- Queensland
- South Australia
- Tasmania
- Victoria
- Western Australia
Yoo dhaabbileen gargaarsaa galma'an amanamummaa dhaban jedhtee yaadde ACNC. Gabaasuu dandeessa.
“Yoo barbaadan eenyummaa ofii utuu hin ibsin gabaasuu danda'u jedhte aadde Woodward.

Gowwomsaa ykn scam tahuu maaliin beekama?
Peter Hills-Jones itti gaafatamaa Public Fundraising Regulatory Association, kan dhaabbata tola ooltummaa bakka bu’u fi qarshii fuulaa fuulaan Australia keessatti funaanuu jedhu gaggeessuu dha.
Gowwomsitoota(scam) qarshii fuulaa fuulaan funaanan ilaalchisee waan ifaa tokko dubbata.
Kanneen fuulaa fuulaan si gaafatan yoo gowwomsaa ykn scam tahan waa sadiin barta jedha Hills-Jones.
- Uccuu hojii uffatanii yoo hin jiran tahe
- Waraqaa eenyummaa hin qaban yoo tahe
- Yoo qarshii harkatti ykn si''a tokko kan kafaltu si gaafatan

Namoonni fuula fuulatti maallaqa walitti qaban ogummaa fi kabajaan akka amala qabaatan dirqama, fakkeenyaaf miseensota ummataa gufachiisuu dhiisuu ykn bakka taa’anii itti dhiyaachuu dhiisuu.
“Namoonni maallaqa walitti qaban gahee dhaabbata tola ooltummaa kanaa, maaliif akka maallaqa gaafatan baay’ee ifatti ibsuu qabu.
“Akkasumas namni dhuunfaa daandii irratti ykn balbala balbala irratti yoo akkas godhen't feel that they want to donate, their wishes should be respected.”
Yoo gowwomsaa ykn scam shakkitan arjoomuu dhiisaa, akkasumas asitti gabaasaa national Scamwatch service.
Yoon sababa quufsaaf qarshii walitti qaba tahe maal beekuun qaba?
Namoonni dhuunfaa maallaqa walitti qaban wanti akka maallaqa walitti qabuu qajeelfama qabuutti lakkaa’amu kutaalee biyyattii fi naannoolee keessatti garaagarummaa akka qabu yaada keessa galchuu qabu.
Ogeessi seeraa Amy Williams, tajaajila Seeraa bu’aa hin arganne Justice Connect’s irraa, yeroo hunda seera akkamii hordofuu akka qabdan ilaaluuf nama to’atu maallaqa walitti qabuu keessan akka ilaaltan gorsa.
Maallaqa argachuuf iyyannoo dhuunfaa yoo gootan malee.
“Wantoonni akka hiriyyoota ykn maatii keessan maallaqa gaafachuun hojii tola ooltummaa biyya alaa deeggaruuf ykn hojiitti maallaqa walitti qabuu yoo hojjetaa baasii yaalaa kaffalamuu qabu qabaattan, kunniin akkaataa idileetti seera maallaqa walitti qabuun hin to’ataman,” jechuun Aadde Wiiliyams ibsiti.What are the rules for online appeals?
Yoo iummata bal''a irraa maallaqa walitti qabuu toora interneetii irratti jalqabde, fakkeenyaaf karaa waltajjii maallaqa walitti qabuu, Aadde Wiilliams seera maallaqa walitti qabuu naannolee hedduu keessatti kabajuun si barbaachisuu guddaadha jetti.
Yoo ummata bal''aa irraa kan qarshii fuudhtuu, kutaa biyyaa fi naannoo hundatti ehama si barbaada taha.Amy Williams
“Bakki itti ummata irraa fuudhamu tokko tokko qajeelfama siif kennu, yeroo tokko tokko dhuguma waa’ee kanaa ifa hin taane waan ta’eef gorsa seeraa mataa keetii barbaaduu qabda.”
Dhumarratti, arjoomtoota akka hin dogoggorreef, maallaqa walitti qabameef sababa yaadame ifatti ibsuu qabu jetti.
“Arjoomtootnis gaaffii gaafachuun dansa. Kaayyoon dhaabbata kanaa maali?’ jedhu gaafachuu qabu. Akka maallaqni garamitti akka deemu hubachuu dandeessu.”
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au






