Allergy nyaataa ilaalchisee waan gochuu qabdan- Australia Explained

GettyImages-2202444629.jpg

It's important that you tell the restaurant staff that you have a food allergy

Austraaliyaan biyyatti gudditti Adduynaa irratti alarjiin beekamtu dha. Haguma ummanni biyyattii duubbee aadaa danuu irraa tahe namooti amantaa, naamusa jireenyaa, fedha fayyaa isaanii fi filatnoo dhuunfaa karaa nyaata isaanii mul’isu. Namootni waan nyaata irratti barreeffame ykn maxxanfame dubbisanii akka hubataniif ogeessitootni qajeelchaa qaban akka qoodan taasisneerra.


Daangaa nyaataa amantii kabajuu irraa kaasee hanga filannoo nyaataa naamusaa fi fayyaa irratti hundaa’etti, nuti ykn namni nuti beeknu nyaata hin nyaatne hinuma qabaanna.

Mee allergy nyaataa irraa haa eegalu, kun yoo ilaalchi itti hin kennamin lubbuu namaa galaafata. Daa'imman Awustiralia 10 keessaa tokko allergy nyaataa qabaachuun kan beekame yoo tahu, allargey baayyee beekamaan killee ykn hanqaaquu dha.

Qabiiyyee nyaataa sirriitti itti barreessuun akkaan barbaachisaa dha.

Wanti nyaatni irraa hojjetame qodicha irratti yeroo mara ni tarreeffamaa?

Dhaabbatni Food Standards Australia fi New Zealand Afaan inglsihii ifaa taheen allergy nyaataa qodaa nyaatni keessa jiru irratti barreeffamee maammiltootni akka sirriitti hubatan taasiseera.

'Ibsa qabiiyyee nyaataa'

Ammaa qabee qodaan nyaata baatu kamuu(kanneen nyaati itti naqame cufame) "statement of igredients" kan jedhu kan qabiiyyee nyaata sanii ibsu irratti tarreessamee jiraachuu qaba. Barreeffamni kunis maxxansa qodicha irra jiru irratti iddoo beekamaatti afaan Inglishii ifaa fi salphaa taheen ibsa wanneen allergy namatti tahan ibsee qullqullinaan barreeffamuu qaba.

Ingrid Roche ogeettii allargey nyaataa irratti baratte kan Gumii Allergey Biyyaalessaa (National Allergy Council) “Maxxansi afaan Inglishii qulqulluun guddatee qodaa nyaata irratti barreessamuu qaba," jedhti.

"Fkf haa jedhnu, cheese bakka jedhu cinatti haannan kan jedhu guddatee barreeffamuu qaba. Ykn kan yoo peanuts wanta irraa hojjetame tahe, peanut kan jedhu guddatee barreeffamuu qaba, kanaafuu tarree keessatti kanneen nyaatichi irraa hojjetame irra caalee guddatee mul’achuu qaba, akka salphaatti akka namni arguuf.”

GettyImages-2161809042.jpg
Cereals that contain gluten—so wheat, rye, barley and oats—must also be listed on the label to advise those with Coeliac disease and gluten intolerance.

Kanneen akka ocholoonii(Peanuts), fi ocholoonii mukaa kan almond, cashew, hazelnut fi macadamia jedhaman qophaatti barreeffamanii jiru, sababa namootni tokkotti malee tokkotti allergey qabaachuu dhiisuu waan malaniif.

Haaluma wal fakkaatuun, tarii kan yoo namni prawns fi mussle allergy qabaateef addatti tarreeffameera.

Cereals kanneen callaa nyaataman gluten of keessaa qabu- qamadii, rye, gabruu fi oats kun kun hundi maxxansa qodicha irratti maxxanfamu irratti barreeffamuu qabu, kun warreen dhibee "coeliac" qabanii fi akkasumas qaamni isaanii glutenitti rifatuu hubachiisuuf.

Yoo nyaatich gluten hin qabu tahe, qodicha irratti barreeffamuu dhiisuu mala. Wanti nyaatichi irraa hojjetame tarrifamee jiru kan yoo gluten qabaa fi hin qabuu ni ibsa.

Ibsa waan nyaatni "of keessaa qabu"

Wanat nyaatni "of keessaa qabu" ifaa tahee barreeffamuu qaba.

Tarreessii wanta nyaatni irraa hojjetame cinatti ykn gara gadiitti qabiiyyee kan jedhu ykn ‘contains’ kan jedhu barreeffamee argama. Kun walitti qaba allergy beekamoo nyaata sana keessatti argaman ibsuuf.
Ingrid Roche

Utuu allergy irraa hin miidhamin akkamiin alaa nyaachuu dandeenya?

Grocery irraa bitachuun waan biraa ti, garuu namoota daangessa nyaataa qaban alaa nyaachuu bahaniif yaaddoo adda adda itti uuma.

Yoo kan allergy nyaataa qabaatan, namoota isin keessummeessanitti himuun barbaachisaa dha, kana irratti Ingrid Rochee gorsa dansa laatti.

“ Allargy fi anaphylaxis Australia kaardii nyaati allergy uumu itti tarifamu qabu.  Kaardiin sun xiqqoo kan akka kaardii bankkii fakkaattu tahe, nyaata allegy ati qabdu irratti tarfifamee kan jiru dha. Egaa yeroo gara mana nyaataa deemtan, kaardii san baaftanii itti agarsiisuu qabdu, hojjettootaatti akka allergy qabdan himuu qabdu- kaardii kana nama nyaata hojjetutti naa kennuu dandeessaa jedhtanii illee gaafachuu dandeessu."

Gumiin Allergy Biyyaalessaa gorsa tokko tokko eera:

  • Yeroo gabaan itti hin baayyanne mana nyaataa yoo deemtan hojjettoota waliin dubbachuuf carraa qabdu.
  • Mana nyaataa deemuu qabdan filadhaa, akkasumas nyaata salphaa wanti baayyeen itti naqamuu hin barbaachifne filadhaa
  • Nyaata jumlaan dhihaatu irraa of eeggadhaa, sababni isaa nyaata allergy itti taataniin walitti bubu’uu malaa
  •  Qorsa ykn qoricha allergy keessan yeroo hunda baadhaa deemaa.
Young People Eating Together
Halal dining can be more challenging than shopping for halal products, and businesses are sometimes reluctant to display the Halal logo on their premises. Credit: FreshSplash/Getty Images

Nyaata kosher ilaallattaa?

Shosh Landau  gaggeessituun Gabaa fi Loojistikii Kosher Australia, dhaabbilee kosher gurguddoo lama Australia keessa galmeeffamanii jiran ta’uu yeroo dubbattu asxaa isaanii ilaaluun hubachuun akka danda’mus ibsiti.

“Asxaan keenya alaabaa Australia tahe qube”K” walakeessa irraa qaba, qubichis geengoon itti maramee jira.

Garuu wantin jechuu barbaadu nyaata hedduu miti kan asxaa sana of irraa qabu Dibbantaatti haga xiqqaa dha kanaaf nyaatich kosher tahuu app Kosher Australia irra ilaalaa.

 Appiin Kosher Australia, yeroo dhihoo asitti waan irraa taabaruu dandeessu ykn barcode scan gochuu dandeessu baasee jira. Kun maammiltootaaf bakka murtoofte qofaa bitachuu caalaa iddoo gabaa gurguddaa irraa bitachuu isaan dandeessisa jedhti aadde Landau.

"Yoo yeroo taabartan ykn scan goodhtan mul’achuu dide, app irraa barreessitanii barbaaduu dandeessu. Tarii barcode isa duraa irraa hin haaromin yoo jiraate odeeffatnoo haaraa fiduu dhiisuu waan maluuf , barbaaddanii argachuu yaaluu dandeessu. Barcode kun addunyaa mara irrattis hojjeta.  Facebook illee waan qabnuuf Gaaffilee ummataa achi irratti ni deebifna."

Nyaata halal ilaallattaa?

Lammiileen Australia dhibbantaatti harki sadii nyaata halaalaa filata, naannwan sun guddachaas dhufeera.

Dr Muhammad Khan hoji gaggeessaa olaanaa dhaabbata Halal Australia, qaama galmeessii Halaal kan Damee Qonnaatiin beekamtii argate dha.

Maammiltooni daandii daldalaa keessa jiran maxxansi nyaata irra jiru dhugaa tahuu aanga’oota halaal amanamoo ta’an irraa mirkaneeffadhaa jechuun gorsa.

“Yoo kan asxaa qabu tahe, nyaatich halaala moo mitii dhugummaan isaa haga tokko ni amansiisa. Xiqqoo rakkinni jira sababa balaaleffannaan faallaa halaal Australia keessa jiru irraa kan ka’e."

Some companies actually chose not to put the halal logo. So that makes things very difficult for the consumers.
Dr Muhammad Khan

Marsariitiin The Halal Australia eessaa nyaata akka bitatanii fi omiisha gara garaa dhaabbatni isaanii mirkaneessu irratti gorsa kenna.

Yoo dhuma illee Halal Australia irraa bifa sirnaaween hin mirkaneeffamin iyyuu, Appiin Halal kan akka Halal Advisor jedhuu maammiltoota hedduu gargaaraa jira.

Nyaata kosher alaa nyaachuuf ni salphataa?

Yeroo nyaata kosher alaa nyaachuuf soqxan, calluma jedhtanii mana nyaataa tokko deemtani nyaata kosher ajejachuu hin dandeessan. Manni nyaatichaa akkuma jirutti nyata kosher dhiheessuutti kan galmeeffame tahuu qaba, appiin Kosher Australia manneen nyaataa akkanaa tarrisee qaba.

Allergenic foods in bowls
Allergenic foods in bowls, still life. Credit: SCIENCE PHOTO LIBRARY/Getty Images/Science Photo Libra

Nyaata halal alaa nyaachuuf ni salphataa?

Nyaata halaal alaa nyaachuun bittaa gabaa caalaa cimaa dha, yeroo tokko tokko daldaltootni asxaa mirkana halaal tahuu maxxansuu hin fedhan.

“Appiin filatnoo jiru dha, ani garewwan mammiltoota gargaaruuf Yaalan kana nan galateeffadha.  Fkf. Halal Food Sydney, Halal Food Melboune, " jedha Dr Khan. Bakka namni odeeffatnoo irraa argatu mijeessaniiru. Maammiltoota kumaatamaan lakkayamantu waa ifa akka tahuuf barbaada, akkasumas illee nuti iyyuu warumma galmeessaman keessattuu waan wal hin-simatne baayyee argineerra."

Maayyii irratt, want nagooma qaba jedhu qorannoo ofii keetii taasisuu dha.

Useful resources

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 


Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service