Yeroo Labooba ho'aa Australia keessaa akkamiin dandamattu - Australia Explained

Young woman having hot flash and sweating in a warm summer day

It's important to stay in the shade and hydrated during hot summer days. Source: iStockphoto / eternalcreative/Getty Images

Bonni Australiaa keessatti hedduu ho’aa ta’uu kan danda’u yoo ta’u, qilleensi keenya ho’uu itti fufee waan jiruuf, laboobi ho'aa baayyee fi cimaa ta’a jedhamee eegama. Qophii Australia ibsuu jedhu kana keessatti, laboobi ho’aa maal akka ta’e, maaliif fayyaa namaa irratti balaa guddaa akka geessisan, eenyutu balaa guddaa kanaaf saaxilamuu akka malu, akkasumas akkamitti akka gaariitti labooba ho’aa kana irraa dandamachuuf qophaa’uu akka danda’amu ilaalla.


Tuqaalee Ijoo
  • Laboobi ho’aa jechuun yeroo ho’i halkanii fi guyyaa bakka tokkotti guyyoota sadii fi isaa ol ho’aa ta’ee turuu dha.
  • Madaalliin Balaa Haala Qilleensaa Biyyaalessaa jalqabaa Australia keessatti gadi hiifamuun isaa, addunyaa ho’aa jiru keessatti, laboobi ho’aa baayyee fi cimaa ta’aa akka jiru ibsa.
  • Australiaa keessatti, laboobi ho'aa balaa uumamaa kam iyyuu caalaa lubbuu namaa galaafata, akkasumas maanguddoota, warra haala fayyaa bu’uuraatiin rakkatan, daa’imman xixiqqoo fi dubartoota ulfaa irratti balaa addaa fida.

“ Woggoota 20n dabran kana kan nuti agarru lakkoofsi laboobi ho’aa jijjiiramaa deemuu isaa ti. Hagam akka inni turuu fi hagamis gar malee hamaa akka tahe argine," jedha University sydney keessatti Daarektarri Akaadaamii Giddugala Qorannoo Ho'aa fi Fayyaa Prof. Ollie Jay jijjiiramni kun duraanuu ifa ta'uu dubbata.Australia keessatti ho’i heddummaachaa waan dhufeef, balaa inni fiduu fi akkamitti akka dandamatanis beekuun barbaachisaa dha.

Laboobi ho'aa maaliif hamaa tahe?

Laboobni ho’aa baayyee hamaa dha, sababni isaa dhiimmaa wantoota naannoo irraa tokko tokkoo waliin rakkina uumu. Dhiibbaan kanaa ammo fayyaa keenya irratt kanneen akka qaamni keenya of qabbaneessuuf wal’aansoo taasisu irraa kan ka’e dhibee dhufan uumuu danda’a.

"Dhiphinni ho'aa waan naannoon uumu dha - kan gaaddisa keessatti safaramu, jiidhinni isa waliin jiru, kallattiin raadiyaashiniin aduu keessa jiraachuu fi dhiisuu kee, akkasumas hammam qilleensi akkasuma. Dhiphinni ho'aa dhiibbaa qaamna kee mudachaa jiruu dha," jedha Piroofeesar Jay.

Yeroo qaamni namaa ho’a ofitti harkisu, ho’I qaamaa ol ka’a, balaa fayyaa heat stroke jedhan fida, akkasumas dhibee qaamni of irraa ittisuu dadhabu fidee lubbuu namaa gaaga’uu danda’a.

Professor Jay akka jedhtutti " heat stroke kan jedhamu kun balaa labooba ho’aa irraa nama miidhuutti kan beekaman keessaa isa guddaa miti garuu wanti nuti agarru, rakkoolee onnee namaa irra gahani dha."
Namootni dhibee onnee qaban, yeroo baayyee labooba ho’aa irraa kan ka’e dukkuba onneetiin ykn onneen sirnaan hojjechuu dhaabuuf saxilamuuf caraa badaa qabu, kanaaf qaamni kee dhiigi hundi gara gogaa irra deemee qabana akka sii fidu taasisuuf carraaqa. Kun ammo onnee kee irratti hojii heddummeessa.
Professor Ollie Jay
Kanuma waliin qaama qabbaneessuuf baayyee dafqina. Sababa Kanaan balaa bishaan gahaa qaama keessaa dhabuu  nu mudachuu danda’a, Professor Jay.

"Kanaaf bishaan gahaa qaama keessaa dhabuuun ammoo balaa hamaa onnee irraan gaha.  Akkasumas namoota dhibee onneee siluma qaban, ujummoo dhiigaa onnee irratti balaa fida. “

Namootni gurguddaa  balaa cimaaf saaxilamuu malu sababni isaa baayyee hin dafqan waan taheef.

 Australia keessattis namootmi hedduum dhibee uumamaa caalaa labooba ho’aan lubbuun dabra.

“Laboobi ho’aa ajjeesaa Sagalee hin qabne, jedhama sababni isaa qaama keenya irratti dhiibbaa uuma akkasumas dhibee durma qaama keessa jiru dadammaqsu- namootni hedduun siluma tarii dhibee fayyaa kan biraa waan qabaniif," jedhti ogeettiin fayyaa Dr Michelle Hamrosi.

"Akkasumas dhibeen sammuu labooba ho’aan hammaachuu ni beekna. Yeroo ho’aatti namootni dhibee sammuu qaban, mana yaalaa deeman lakkoofsi hedduu Dabala, qaja’umsa maatii fi kanneen lubbuu ofii galaafatu Yaalan dabalatee.”
Professor Ollie Jay - University of Sydney.jpeg
Professor Ollie Jay, Academic Director of the Heat and Health Research Centre at the University of Sydney – image University of Sydney. Credit: Joseph Byford Photography

Laboobi ho'aa caalaatti dubartoota ulfaaf maaliif hamaa tahe?

Laboobi ho’aa dubartoota daa’ima garaa qabaniifis balaa dha jedhti Dr Michelle.

““yoo garmalee sitti ho’e, daa’ima garaa keessaa miidhuu danda’a. bishaannis garmalee qaama keessaa si dhumuu mala, akkasumas dhiibbaa dhiigaa fi yeroo malee miixuu sitti fiduus danda’a."

Rebecca DeMarco yeroo ijoollee ishee sadanuu ulfa turte yeroo sandanittuu labooba ho’aan dhiibbaan irra Gahuu dubbatti. Of qopheessuun barbaachisaa tahus himti.

"Kanneen akka ho’a keessa nama dafqisiisuu ilaalchise ho’atti gadi bahuu xiqqeessuu, karaa biraa ammo ho’a mana keessaa hir’isuu, waan qilleensa qabbaneessu qabaachuu, ykn waan akka afarsituu fi kkf niin mana qabbaneessuu yaaluu dha. Walumaa galatti akka qilleensi akkasii dhufu beekanii utuun to’annoo ala hin tahin dursanii ittisuun barbaachisaa dha, jechuun ibsiti Rebecca. "

"Akkasumas daa'ima reef dhalatan, waanti akkasii yoo isaan mudate, rifaatuun isinitti dhagahamuu danda'a"

Rebecca akka jedhtutti waan dhufaa jiru beekuuf dursanii karoorfachuun dansa.
Dr Michelle Hamrosi - image supplied.jpg
General Practitioner Dr Michelle Hamrosi. Credit: Dr Michelle Hamrosi.

Labooba ho'aaf akkamitti of qopheessita?

Labooba dhufuuf of qopheessuuf, karoora qabaachuu dha.

“ Mana keessan keessaa iddoo qabanaawaan eessa? Bakka qababbanawaa tokko uummachuu dandeessuu? Tarii kan akka Kutaa tokko addatti kan qabbaneessituu qabu tahe. Yoo illee mana kee keessaa waan mana qabbaneessu hin qabne bakka deemuu dandeessu yaadi. Mana hiryaa, maatii, library ykn bakka gabaa tahuu danda’a," jechuun ibsiti Dr Hamrosi.

" Kanaaf akkasumas illee yoo kan ifaan baduuf of qopheessuun gaarii dha. Bishaan xaarmushiitti naqanii friijii kaa’uufaa, waan itti bishaan qabbaneessanii ofitti ittiin facaasan, akkasumas nyaataa fi qorsa ykn qoricha keessani illee friijii kaa’uu hin dagatina yeroo ho’aa."

Yeroo qilleensi akka qilleensa’uu tahu foddaa banuun fi yeroo ho’I ol ka’u ammo cufuu hin dagatinaa.
bath-2192.jpg
Cold showers can be an effective way to keep cool during a heatwave – image PublicDomainPictures / Pixabay.

Yeroo labooba ho'aatti maal gochuu qabda dandamachuuf?

Yeroo laboobi ho'aa jalqabu tartiiba itti mana qabbaneeffattan hordofaa.

“Ani mana koo keessatti jalqaba bariidhaan uwwisaa foddaa hundan naannessee gad cufa, afarsituun nin qabsiisa- salphaatti mana qabbaneessa waan taheef. Keessattuu yeroo afarsituu qilleensaa jala teessu bishaaniin xiqqoo yoo of haxoofte wal gargaaree si qabbaneessa, " jedhti Dr Hamrosi.

" Kan mana qabbaneessu air conditioner yoo irra keesse ammo degree 26 irra keessee humna isaa qusachuuf si gargaara, wanti dhugaan tokko yeroo bonaa kana bishaan hedduu guyyaatti dhuguu qabda."

Afarsituun bantii manaa irra jirus faaydaa ni kenna garuu badaa miti jedht prof. Jay yeroo ibsu.

“Afarsituun bantii manaa irra jiru yeroo baayyee ho’a hammeessuu agarre,, kanaafuu yeroo ho’I degree 40 ol caalaatti hammeessa. Kanaaf namootni rakkina akkasii akka inni fiduu malu yaadaa qabaachuun dansa.  Afarsituu akkasiitti yeroo ho’I degree 40 gadi jiru itti fayyadamuutu wayya , garuu ho’ichi 40 taanaan tasuma itti fayyadamuu dhiisuu wayya,” jedha professor Jay.
ceiling-fan-1333756.jpg
Ceiling fans are useful during a heatwave, but only until the temperature reaches 40oC. Credit: Image eak_kkk / Pixabay.
Filatnoowwan akka namatti qabbanaa’uuf yaaluu danda’amu kan akka bishaan qabbanaawaan qama dhiqachuu, fooxaa ciidhaa fayyadamuu fi uccuu bal’aa uffachuu akkasumas yeroo ho’aatti sochii qaamaa gochuu dhiisuu ykn hojii manaa namatti bulluqusu hojjechuu dhiisuu dha jedhti Dr Michelle .

“ yeroo ho’aa bakka bahu dhiisuu dandeessuu? Sababni isaa yeroo aduutti bahani dha namootni rakkoo irra kan bu’an. Yoo baallama mana yaalaa qabaattan illee gara bilbilaatti jijjiirrachuudhaan ho’atti bahu irraa of qusachuun dansa.”

Akkasumas olloota keessan fi jaarolee firoota keessan iyyaafachuu hin dagatinaa, yoo ofiifs tahe namni tokko ho’a Kanaan dhukkubsate gargaaruu, akkaataa itti qabbana argatan irratti yaalii taasisa.

" Bakka jiran sanitti yoo dafee itti hin fooyya’u tahe ykn mallattoon of dadhabuu itti fufe ariitiin ogeessa fayyaa isaanii ykn Health direct bibiluu qabu.  Yoo kan mallattoon isaanii hamaa tahe, fakkeenyaaf namni sun  sammuun burjaajawe(confusion) irratti mul’ate, yoo of wal’aalan ykn qoma keessa dhukkubbiin itti dhagahame, ho’I qaamaa ol ka’e , hatattamaan ambulaansii yaamuu qaban. “

Daa’imaaf, uccuun irraa xiqqeessuu qabdu. Guyyaa ho’aatti naappiin daa’ima illee hedduu guba, kanaaf waan dhugamu akka umurii isaaniitti isaaniif gahaa tahe obaasaa.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a jahaa gadi ta’e irratti, daa’imman bishaan akka hin qabaanneef yeroo baay’ee harma ykn nyaata foormulaa kennuu. Yoo umriin isaanii ji’a jahaa ol ta’e, bishaan bilcheefame qabbanaa’e yeroo hunda kennamuu fi nyaata salphaa bishaan qabbanaawaa ta’e kan akka Watermelon ykn goraai dhiyeessuu ni danda’ama.
Asi irratti waanti barbaachisaan sammuutti qabachuu qabdan, tasuma yeroo gabaabaaf iyyuu tahu daa’ima konkolaataa keessatti hin dhiisinaa. Daa’imman ho’aan dafanii miidhamu. “
Dr Hamrosi
 Yoo ala jiraachuu qabdu tahe gaaddisa jala akka turtan gad jabeessee gorsa prof Jay.

“ Baayyee hubachuu kan barbaachisu lakkoofsi qilleensaa isin dhageessan ykn agartan, dhugumatti gaaddisa jalatti lakkaayame. Kanaaf yoo aduutti gadi baatan kallattiin aduutti ykn ho’a degree 15 haga 17 caalutti saaxilamtan jechuu dha. Haga yaaddanii oli itti saaxilamtaniittu. Kanaaf manaa gadi baanaan gaaddisa barbaaddachuun barbaachisaa dha," jedhe.

Mana akkamitti ijaarametu dhiibbaa labooba ho'aa hir'isuu danda'a?

Manootni akka gara garaatti ijaaraman tarii ho'a kana hir'isuu isin gargaaru taha.

"Mana foddaan isaa furdaa yoo qabaattan ho'a dabarsuu dhiisuu danda'a jedha ,' professor Jay."

"Foddaa irra waan gad uffifamu qabaachuun bu'aa qaba, akkasumas uffisaan sun karaa keessaa tahuu irra karaa alaa yoo tahe gaarii dha. Akkasumas illee karaa mana irra keessaa waan qabbana fiduuf isin gargaaru irra galchuu dandeessu, yoo humna itti qabaattan."
Boys Playing a Wading Pool in the Front Yard
Boys Playing a Wading Pool in the Front Yard Source: iStockphoto / davidf/Getty Images/iStockphoto

Odeeffatnoo labooba ho'aa caalaatti eessaan argadha?

Maarsariitiin World Health Organization (WHO) odeeffatnoo bu'a qabeessa waa'ee labooba ho'aa fi gorsa fayyaa ho'aan walitti hidhate isinii qaba.

Akkasumas kutaalee biyyaa maarsariitii isaanii irra ilaaluu dandeessu- Australia kanneen akka NSW Health’s ‘Beat the heat’ website.

Dr Jay fi gartuun isaa maarsariitii irratti waan namootni ilaalanii ofii isaaniif hagam akka balaa ho’aatti saaxilamuu malan ittin ilaallatan HeatWatch jedhamu uumanii jiru.

“ Maarsariitii irra deemuun HeatWatch kana irratti umrii ofii , gosa dhukkubaa tarii qabaachaa jirtan, qabbaneessituu ho’aa manatti ni fayyadamtuu fi hin fayyadamtanii kkf guuttanii ilaallachuu dandeessu, Naannawa jiraattanis dabalee odeeffatnoo qilleensaa tola isiniif kenna.,' jechuun ibsa Professor Jay.

"Sana hunda ega gulaaleen booda hagam balaa ho’aatti saaxilamuu carraa qabdan isinii hima. Kanaaf, akka dhuunfaatti, guyyaa guutuu keessatti balaa qilleensa ho’aatti saaxilamuu isin mudatuu malu akka hubattan isin gargaara. Akkasuma illee odeeffatnoo haala qilleensaa kan torbanii ni kennina. Odeeffatnoo isin guuttan irratti hundoofnee gorsa dhuunfaa ragaa-irratti hundaaee waan kenninuuf namootn sani irra dhaabbatanii sochii isaanii karoorfachuuf isaan gargaara."
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service