Egeree Ijoollee keessanii Australia keessattiif akkamiin qabaa maallaqaa karoorfattu

Australia Explained: Saving Money for Children

Encouraging your child to allocate portions of their pocket money towards saving goals can help build healthy spending habits. Credit: Justin Ma/Getty Images

Maallaqa irratti karoora baafachuun maatii kamiifuu dhiphisaa tahuu danda'a. Egeree ijoollee keessaniif maallaqa ol kaa'uf, filannoolee jiran beektanii murteeffachuun dansa. Ijoollee keessanis qusii maallaqaa barsiisuun adeemsuma kana keessa waan jiraa ti.


Tuqaalee Ijoo
  • Egeree ijoollee keessaniif qarshii ol kaa'uun liqaa isin irra jiru of irraa hir'isuu irraa eegala.
  • Liqaa ijoollee keessaniif wabii utuu hin tahin dura ogeessota maallaqaa dubbisuun gaarii dha.
  • Qusii maallaqaa barsiisanii ijoollee guddisuun yeoo ga'eessa tahanitti qabaa maallaqaatti dansa isaa tolcha.
Maatii hedduun egeree maallaqaa ijoollee isaanii mirkana taasisuu hawwu.

Aadaa hedduu keessatti ijoolleen akkuma guddachaa deemaniin warra isaanii deeggaruun kan irraa eegamu ta’us, Australia keessattis warri ijoolleen isaanii maallaqaa ol kaayyachuu akka jalqaban gargaaruun waan baramaa dha, fakkeenyaaf konkolaataa jalqabaa, ykn mana bitachuuf akkasumas university ittiin barachuuf.

 Barmoota university ijoolleef qarshii ol kaa'uun akka biyyoota biraatti Australia keessatti beekamaa miti, galatni kan mootummaa Australia haa tahu gargaarsa liqaa government loan schemes, barattootni barmoota ol'aanaa fi kolleejjii baratan isuma irratti hirkatu.

David Sharpe Dura taa’aa Waldaa Gorsa Faayinaansii Australia, qaama gorsitoota faayinaansii ol’aanaa ti. Yeroo ammaa qusiin maallaqaa maatii gara caalu mana bittaaf jedha.

"Waggaa kudhan of booda achii deebinee yoo ilaalle namni cidhaa fi konkolaataaf qusata, amma tana garuu bittaa manaa ti, " jedha.
Australia Explained: Saving Money for Children
Moneysmart is a government website providing independent information to Australians about financial decisions they need to make. Credit: courtneyk/Getty Images
" Karoora yeroo dheeraas tahu, ykn yoo ijoolleen reef darda tahan wagga lameen dhufu keessa mana bituu yaaluufis tahu, kanatu maatii baayyeef yaaddoo tahee jira. "

Sagantaaleen mootummaa fi hawaasaa illee maatiin akka karoora qusii maallaqaatti milkaawaniif akka gargaaru beekuun dansa. Fakkeenyaaf, matched savings initiatives
Kan jedhamu ykn kaffaltiin karaa Centrelink barnootaaf akkasumas jireenyaaf ni deggera. Marsariitii Services Australia irra deemuun odeeffannoo irra caalaa argachuus dandeessu.

Karoora kamuu yoo qabaatte, utuu ijoollee koof kophaatti maallaqa kaa’aa hin yaadin dura, liqaa ofii kee gadi buusuun , yaada dansa.

"Sababni isa yoo liqaa kee of irraa kaffaltee waan si irra jiru gad bu’aa deeme, carraa ijoollee keef horii qusachuu argatta. “ jedha obbo Sharpe.

Daandii gaariin ijoollee keessan mana jalqabaa akka bitatan itti gargaartan kam?

Mana bitachuuf gaafa jedhan maatiin tokko tokko deposit kafaluun gargaaru.

Garuu yoo liqaa manaa irratti wabii tahuun gargaaruu barbaadde tahes baayyee of eeggannoon akka goodhtu si gorsina. jedha barreessaan faayinaansii dhuunfaa kan Moneysmart  Shevaune Marchingo.

:Hagam akka laatteefii fi akkamiin akka sii deebisan, bu'uuraan barreessuu aadeffadhu"

“Kana gochuun yoo daa’ima tokkoo ol qabda tahee lameenuu maallaqaan gargaaruu barbaadda tahe wal qixa gargaaruuf  si fayyada..”
Australia Explained: Saving Money for Children
Check for any tax benefits when committing to long-term investments, like insurance bonds. Source: Moment RF / Traceydee Photography/Getty Images
Utuu liqaa manaaf ijoollee keef wabii hin tahin dura itti yaaduun gaarii dha.

"Ijoolleen kee deebisanii kaffaltii manaa kaffaluu danda'uu irratti amanamummaa qabaachuun barbaachisaa dha ." jeedhti aadde Marchingo.

" Sababa fedheenuu mucaan kee liqaa san kafaluu dadhabnaan iddoo buutee guutummaa isaa kafalta taha. "

Daandiileen adda addaa itti ijoollee keessaniif maallaqa qusattan ni jiran, kan akka herrega qusannaa(saving account) fi kuufama yeroo(tem deposits) akkasumas filannoowwan invastimantii yeroo dheeraa kkf ni jiru.

Utuu murtee maallaqaa hin fudhatin dura ogeessa maallaqaa irraa gorsa fudhu.

Australia keessatti gorsa maallaqaa amanamaa akkamiin argattu?

Utuu tajaajila gorsaa tokko hin fayyadamin dura warreen gorsitoota maallaqaa(financial advisers) warre gara garaa wal bira qabuun ilaalaa.

Kun kan dabalatu:
  • Adeemsa jiru kanneen sitti himaniif karoora kee bakkaan gahuuf kan si gargaaran
  • Qarshii hagam akka kaffaltuu fi atis maal akka irraa argattu kan si gorsan.
  • Akkamiin akka dhimma maallaqaa kee itti qaban kan si gorsan
  • Murtii kennuu irratti kan si mariisisan
“ Akksumas gaafatama hagam fudhachuu akka ati dandeessu si mariisisu, kun dhuguma maallaqa kee irratti murtii kennuuf kan si gargaarani dha, " jedhti aadde Marchingo dabaltee.

Yoo kan gorsa maallaqaa dhuunfaa humna keessan ol tahe, gorsi maallaqaa tolaa isin gargaaran ni jiru, karaa maarsariitii National Debt Helpline ykn 1800 007 007 bilbiluun gaafachuu dandeessu.
Australia Explained: Saving Money for Children
A simple exercise if you're at the shops with your child is to get them compare the cost of two items and help you make a choice together. Credit: rudi_suardi/Getty Images

Ijoollee waa'ee maallaqaa barsiisuun maaliif barbaachise?

Tilmaama Moneysmart, irraa akka hubatamutti lammiilee Australia harka sadii keessaa tokko qabaan maallaqaa isaan dhiphisa.

Tokko tokkoof ammo, waanuma maallaqaa haasa’uunuu itti hin tolu.

Caroline Stewart hoji-gaggeessituu dhaabbata Ecstra(Ex-tra) kan sagantaa barmoota maallaqaa mana barmootaa Australia gaggeessuu ti.

Maatiin haasawa maallaqaa dafanii jalqabuun barbaachisaa ta’uu dubbatti.

“Sadarkaa mana barmootaa gadiitti illee waa’ee maallaqaa dubbachuu xiqqoo ariitii fakkaachuu danda’a, garuu ijoolleen xixiqqaan kun barbaachisummaa maallaqaa fi waan bitachuu barbaadan illee daa’imummaa isaaniitti ni beekan”

Jireenya guyyuu keessatti kanneen akka supermarket yeroo deemtan carraa argattan hundatti jireenya dhugaa dhimma maallaqaa ijoollee keessan barsiisuun gaarii dha.

" Qalbii ijoollee keessanii keessa kaa'uun gaarii dha, wa'ee maallaqaa waliin dubbachuunis fafa miti, kanaaf waliin dubbatnaan kun jireenya isaanii fi qabaa maallaqaa egeree isaaniif ofitt-amanamummaa kennaaf jedhti adde Stewart ammas.

Ijoollee keessaniifis torbanitti qarshii xiqqoo laattanii sani irraa haga tokko waan bitachuu barbaadaniif akka isaan ol kaayyatan jajjabeessuu dandeessu. Kun gatii maallaqni qabu . filatnoo qaban akkasumas gammachuu inni qabu akka hubatan isaan taaisa.
Australia Explained: Saving Money for Children
Using appropriate language and examples for your child’s age, like saving for an excursion or a birthday party, you can introduce financial planning learnings early on, Dr Zeka says. Credit: Maskot/Getty Images/Maskot

Umurii hagamitti ijoolleen waa'ee qusii maallaqaa fi karoora barsiifamuu qabu?

Dr Bomikazi Zeka university Canberra keessatti profeesera gargaaraa maallaqaa fi karooraa akkasumas ogummaa barmoota qabaa maallaqaa kan qabdu dha.

"Guyyaa rakkoof maallaqa ol kaayyachuun yoom iyyuu taanaan waan gaarii dha, garuu ijoollee ilaalchisee kun maal jechuu dha?."

"Maatiin yeroo hunda iyyuu waan mana keessaa karoora qusii maallaqaa dabalatee dhugaa jiru akka hubatan ijoollee waliin haasa’uu jalqabuu qabu, yeroo kana ijoolleen maallaqa abbaa fi haatii bankii keessaa qaban waan baraan jiraatu akka hin taane hubatu, karoora qusii maallaqaa keessatti ijoollee hirmaachisuun milkaa’ina isaaf illee wabi dha. “

Dhumarratti, daa’ima keessan karoora maallaqaa maatii keessanii keessatti hirmaachisuun ga’eessota ofitti amanamummaa fi dandeettii qaban akka ta’an gargaara

Akkasumas ga'eessa taha yeroo deeman irra caalaatti qabaa maallaqaatti gahoo tahu jedhti Dr Zeka.

"Yeroo ijoollee dhimma maallaqaa keessatti xiqqummaa irraa hirmaachisan, yeroo guddatan dhimma maallaqaa irratti ofitt-amanamummaa qabaatu, akkasumas murtii sirrii fudhatu, liqaa kaffaluu fi fafaa fi bu'aa iliqaa deebisuun wal qabates qoratanii hubachuu danda'u. "

Duubbeen keessanis tahe galiin keessan kamuu haa tahu, waa’ee qabaa fi qusii maallaqaa maatii keessatti marihachuun kan yeroon isaa sichiis ykn irraa dabres miti ammuma jalqabuu dandeessu.


Disclaimer: This information is general in nature. Seek professional advice before making a financial decision. If you are in financial stress, call the National Debt Helpline on 1800 007 007.

Only deal with a licensed financial adviser. You can find one through Moneysmart’s Financial Advisers Register.

Find money tips in other languages here. For a free online budget planner, visit the Simple Money Manager
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service