Spoortii Abbootii Dachee Australia keessatti: Eenyummaa, aadaa fi duudhaa

Lydia Williams catching the ball to prevent a goal in a Matilda’s game - Image Tiffany Williams.jpg

Lydia Williams para il pallone per impedire un gol durante una partita delle Matildas. Credit: Joseph Mayers Photography

Atileetonni Abbootii Dachee Australia yeroo dheeraaf saba kakaasuun hawaasa tokkoomsuu fi eenyummaa keenya karaa qabsiisuu keessatti gahee taphataniiru. Namni olompkikii Kyle Vander -Kuyp fi gooli eegduun garee Matildas Lydia Williams lameenuu namoota ajaa’’iboo eenyummaa biyyaalessaa keenya mulísan. Seenaan isaanii humni spoortii, hammatamummaa, walqixxummaa fi ofiin boonuu dhaloota egeree keessatti akka inni uumu agarsiisa.


Tuqaalee Ijoo
  • Kyle Vander-Kuyp, nama boonaa Worimi fi Yuin boonaa ti, tapha Olompikii Atlaantaa bara 1996 fi Sydney 2000 irratti dorgommee meetira 110 irratti Australia bakka bu’ee hirmaate.
  • Dubartiin boontuu Noongar Lydia Williams bara 2005 hanga 2024tti garee kubbaa miilaa biyyoolessaa dubartoota Australia garaa Matildas jedhamuu keessatti Australia bakka bu’uun taphatteetti.
Waggoota kurnan darban keessatti atileetotni Saboota Jalqabaa hedduun sadarkaa olaanaa ispoortii ogummaa irra ga'aniiru. Namni olompikii duranii beekamaan Kyle Vander-Kuyp,fi ogummaa kubbaa miilaa taphachuu kan qabdu Lydia Williams, akkasumas fiigichatti cimtuu fi beekamtuun Cathy Freeman jarreen kun sadan biyya isaanii bakka bu'uu qofa osoo hin taane aadaa isaanii boonaa waltajjii addunyaatti beeksisan. Imalli isaanii, spoortiin kan dhuunfaa fi akkasumas kan woloo tahuu nu yaadachiisa- bakka itti of ibsan, eenyummaa ofii fi hariiroon waliin ibsatan tahuu nu yaadachiisa.

Athileetiin Abbootii Dachee akkamiin dhaloota egeree gammachiisa?

Namoota isportii Abbootii Dachee irraa tahan kan akka Lydia Wailliams fi kan duraan Olympika irratti hirmaatte Kyle Vander-Kuyp, isaan akkasii ilaaluun hangam isaan dorgommii isportii Idil-addunyaa irratti milkaawoo akka tahan ilaaluun ni danda’ama.

"Ani yeroo hunda isportii nan jaalladha, yeroo hunda kubbaa miilaa nan jaalladha, xabadhees biyya kiyya bakka bu’aan jira. Garuu muuxannoo gaaroo fi bakka bu’iinsaaf fakkii gaarii tahee aadaa fi ummataa kiyya bakka bu’uuf na gargaare, namoota kaanis bakka kam irraa illee haa dhufanii akeeka ofii isaanii bakkaan gahachuuf kun karaa gaarii dha," jedhti Lydia Williams dubartii Noongar godina kibba-dhihaa kan dhiha Australia keessatti dhalatte.

Isheen akka gooli-eegduutti, tapha miilaa dubartoota Australia kan biyyaalessaa garee Matildas keessatti yeroo dheeraa tajaajilte.

Lydia Australia bakka buutee dorgommii Olompikii irratti yeroo lama, Dorgommii Kaapii Addunyaa irratti yeroo shanii fi Qophii kaapii kan Eshiyaa irratti yeroo jaha argamtee – dorgommii kana hunda keessatti tattaaffii guddaa taasistee jirti.

"Gartuun kiyya an waliin jiru, hundi isaanii bakka gara garaa irraa ti. Waan tokko nuti irratti waliif gallu isportii kan gaafa jalqabaa keessatti hirmaanne irra caalee wayyaawee akka argamu taasisnee dabruu dha, " jechuun Lydia ibsite.
Australia v China PR - "Til It's Done Farewell" Series
SYDNEY, AUSTRALIA - JUNE 03: Lydia Williams, goalkeeper of Australia is presented with a gift from Evonne Goolagong Cawley before the international friendly match between Australia Matildas and China PR at Accor Stadium on June 03, 2024 in Sydney, Australia. (Photo by Matt King/Getty Images) Credit: Matt King/Getty Images

Sportii jaallattotn ummatni Abbootii Dachee rakkaa akkam keessa dabran?

Daandii bakka spoortii kana gahuu rakko malee miti. Dhimmi eenyummaa, bakka bu'ummaa fi wal-qixxummaa kun hundi athileetii Abbootii Dachee ni qare. Lydia, waa'ee wal qixxummaa kaffaltii fi beekamtiin kennamuufii ilaalchisee kubbaa miilaa dubartootaa keessatti falmii gaggeessaa turuu ishee ni yaadatti.

“Hojii kiyya keessatti dhiirotaa qixa akka maallaqi nuuf kaffalamuuf falminee jira. Waltajjii Olompikii irrattis alaabaa Aborijinaa mul’isnee jira. Kanaaf, gartuun kun dhugumaan danqaa ture cabsee namoota waan itti amananitti cichanii akka dhaabbatan dandeessisee jira.”

Kyle Vander-Kuyp Australia bakka bu’uudhaan qophiilee jajjaboo kan Olompikii yeroo lama, Dorgommii kan Commonwealth hedduu fi qophiilee dorgommii addunyaa irraa baay’ee keessatti hirmaatee jira.

Akka ilma guddifannaa tokkootti, deebi'ee gosa isaa Worimi fi Yuin waliin Nes South Wales waliin hariiroo uummachuutti eenyummaa isaa akka argatu isa taasisuu dubbata.

Kyle yeroo ijoollummaa isaatti isoprtii xabachuuf hiree kan argate of ibsuu fi gartuu waliin hariiroo ummachuuf hiree kenneef.

“Dhalatee torban shan keessatti guddifachaaf kan fudhatame, maaliif akka an bifi kiyya isin Haadhaa fi Abbaa kiyya irraa adda tahe jedheen gaafachaa ture. Maaliif gogaan qaamaa kiyyaa isin irraa adda tahe kan jedhuu dha. Sun rakkoo ani yeros qabaachaa turee dha. Guddifachaaf fudhatamuu fi akkasittis guddisamuu Sababa isaa beekuun eenyummaa kiyya irratti na rakkisaa ture," jechuun Kyle ibsa.

Eenyummaa ofii isaa bareechee akak baruuf, jajjabina warraa fi hiriyoota isaa irraa argateen suuta dorgommii keessa keessa seenee – sagantaa ijollee beeksisu adda addaa keessatti hirmaachaa qophiiwwan dorgommii keessatti qooda fudhachaa dhuma irratti jabaatee Australia kan bakka bu’u tahee mul’achuu danda’e.

Rakkoo wal xaxaa isaan mudatu iyyuu athileetotni lameen- akkum warreen isaan duraa kaanii- rakkinicha akka humnaatti fayyadaman, milkaawinsa fi spoortiinis meeshaa humneessaa tahuu agarsiisan.

Kyle Vander-Kuyp with his adoptive mother Patricia Vander-Kuyp and his birth mother Susan Dawson - Image supplied.jpg
Kyle Vander-Kuyp with his adoptive mother Patricia Vander-Kuyp and his birth mother Susan Dawson - Image supplied by Kyle Vander-Kuyp.

spoortiin akkamiin aadaa fi eenyuummaa Abbootii Dachee Australia waliin wali hidhata?

Abbootii Dacheetiif Sportii dorgommii caal waan ibsu qabaaf- aadaa ibsannaa. bakka furtuu isaan uffata keessa kaayyatan irra alaabaa Aboriginal fi Torres Strait Islander, akkasumas Athileetii waa'iee isaanii mul'isutu argama, akkaataa spoortiin miira abbummaa calaqqisiisututu mul'ata.

“ Nan yaadadha yeroo ani mana barmootaa sadarkaa duraa keessa ture namoota kan akka Lionel Rose, Evonne Goolagong, arguu kiyyatti, namoota Aborijina irraa tahanii kubbaa xabatan akkasii mana barmootaa kiyya dhufanii ani isaan arguun, kan akka Maurice Rioli faa mana barmootaa kiyya dhufanii waa’ee seenaa kubbaa miilaa nutti dubbachuun namoota duubbeen dhaloota isaanii hidda Aborijinaa qaban jiraachuun ana gammachiise. Kutaa keessatti harka kiyya ana qabee, Kyle, Aborijina tahuun mudaa hin qabu, bu’aa qaba, ati jabaattee itti barruu danda’uu qabda naan jedhe.”

Haasawini mirkanni kun spoortiin hagam gadi fageenyaan aadaan eenyummaa waan mul'atu tokkoo fi waan ittiin boonamu tahuu calaqqisiise.

Kyle bara 1990 keessa Geemii Coomonwealth Auckland, New Zealand keessatti taasisame Australia bakka bu’uudhaan hirmaatee jira.

Gartuu sana keessa Cathy Freeman waliin jiraachuun kiyya anaaf carraa ture, Cathy waggaa 16 an ammoo 18 ture. Yeroo jalqabaatiif eenyummaan  kiyya natti dhagahamu, ani Australia tahuu fi magariisaa fi bif-warqee uffadhee dorgomuufii danda’uutti dabalee, bari, dhugumatti Abbootii Dachee Australia irraa tahuun na gammachiise, uffata ittiin dorgomu magarsiisaa fi bif-warqee uffachuuf hiree argadhu.”

Athileetotni Abbootii Dachee duudhaa akkam spoortt Australia irratti mul'isan?

Lydia Williams f deemsi jireenya isportii ishee keessatti Biyyaa fi aadaa ishee bakka bu’uun ishee tumsa gartuun ishee taasisaniifiin. Baay’ee ishee tumsu, jajjabeessu, dubartii Saboota Jalqabaa irraa tahuu isheetiif jaalalaa qabaataniif, ishees jajajbeessanii akka isheen jijjiirama akkasii fuddu taasisan.

Kyle- maatii fi hawaasni akka beekamtii isaa kennan isa taasise- namoota kaaniif fakkeenya taate jedhamuu yeroo dhagahu- spoortiin humneessaa tahuu irra deebiin gad jabeesse.

"Gara jireenya dhuunfaa keetti deebitee dorgommii malee guyyuu jireenya kee ooffachuu dandeessa, garuu gara baadiyaa deemtee Hawaasa kee lafa fageenya irra jiraatan dubbisuu yeroo deemtu namoota kan akka – adaadaa, akkoo, jaaroleen, ijoolleen, TV irratti si argine, nu gammachiifte jedhanii yeroo sitti dubbattan dhugumaan isportiin humna guddaa tahuu hubatta.”
Kyle Vander-Kuyp near Uluru – Image supplied.png
Kyle Vander-Kuyp near Uluru – Image supplied by Kyle Vander-Kuyp.

Spoortiin Abbootii Dachee maaliif eenyummaa biyyoolessaaf barbaachisaa tahe?

Athileetoni Abbootii Dachee Australia milkaa'insa dhuunfaa kan taru bakka bu'u. Wal danda'uu, hirmaatna, aadaan boonu kana hunda. Waltajjii addunyaa irratti mul'achuun isaanii Australia qofaafuu ilaalcha gaarii uume- Akka sabaatti ummata isaa Saboota Jalqabaa fi milkaa'ina isaaniitiin jabinni mul'ate.

Atileetiksii bu’uuraa irraa kaasee hanga dorgommii addunyaatti, atileetotni Abbootii Dachee aadaa ispoortii bocuu itti fufaniiru, kunis ispoortiin tokkummaa, eenyummaa fi kaka’umsaaf konkolaataa humna guddaa qabu keessaa tokko ta’ee akka hafu mirkaneessa.

Lydia Williams f deemsi jireenya isportii ishee keessatti Biyyaa fi aadaa ishee bakka bu’uun ishee tumsa gartuun ishee taasisaniifiin. Baay’ee ishee tumsu, jajjabeessu, dubartii Saboota Jalqabaa irraa tahuu isheetiif jaalalaa qabaataniif, ishees jajajbeessanii akka isheen jijjiirama akkasii fiddu taasisan.

“Anaaf, Biyyaa fi aadaa kiyya bakka bu’uun kiyya anaaf barbaachisaa dha. Akka ani yaadutti dhuma irratti yeroo badhaasa uffannu, Alaabaa fi asxaa Australia of irraa qaba, garuu caalaatti barbaachisaan, kan sadarakaa kana irra geessisuu danda’e gartuu waan kana dandeessisee dha. Kutaa uffata keessatti jijjiirrannu keessa alaabaa Aborijinaa fi Torres Strait Islander qabna. Kanaaf, gartuu wal fudhatee fi waliin boonu qabna. Kanaaf, lamaanuu bakka bu’uun dhugumaan nama gammachiisa," jedhti Lydia.

Urjii kubbaa miilaa idil-addunyaa irraa kaasee hanga jijjiirama fiddutti, Lydia Williams barachuu itti fufuuf, fi jijjiirama gara gaariitti uumuuf hawwiti.

“Amma kubbaa miilaa keessatti dubartoonni Saboota Jalqabaa baay’inaan jiraachuun isaanii, ijoolleen xixiqqoo walitti dhufeenya qabaachuu fi argachuu danda’an, fakkeenya isaanii ta’uun isaanii hedduu nama gammachiisa jedheen yaada," jedhti Lydia.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service