Tuqaalee Ijoo
- Biyyi Australia daandii imalaaf hojjetame, garuu fageenyi bal''aan, bineensi bosonaa, naannawa fagoo tahuun dursanii karoorfachuuf barbaachishaa dha.
- Wantoota barbaachisoo ta’an kan akka kaartaa qaamaan mul’atu, bishaan, nyaata, fi meeshaa gargaarsa jalqabaa fidaa, bineensotaaf, keessumaa kaangaroo irratti dammaqinaan eegaa.
- Manneen daabboo baadiyyaa, magaalota xixiqqoo fi paarkiiwwan biyyoolessaa dhaabadhaa, yeroo fudhadhaatii bareedina uumamaa Awustiraaliyaa fi aadaa adda addaa itti gammadaa.
- Daandiiwwan imala daandii beekamoo ta’an daandii Great Ocean Road, Pacific Coast, Tasmania, fi, warra caalaatti hawwii guddaa qabaniif, Gibb River Road ykn Cape York to Cairns kan dabalatudha.
- Karaa irra deemuu keen dura maal ilaalcha keessa galchuu qabda?
- Yeroo karaa irra deemtu bineensota bosonaa akkamiin ilaallatta?
- Wanneen balaa tahan karaa irraa maalfaa dha?
- Where do road trippers like to stop along the way?
- Biyyichi aada danuu tahuu hubachuun barbaachisaa dha.
Biyyi australia baayyee guddoo dha, karaa gaariin itti hubachuun danda'amu utuu karaa kee hin eegalini.
“Bosonni roobaa, gammoojjii, gandoota qarqara galaanaa, fi bakkee galaanaan marfame dha. Dhuguma dubbachuuf teessuma lafaa adda addaa Australia agarta. Akkasumas namoota naannoo waliin wal baruun biyyattii maal akka fakkaattu illee barta ," jedhti barreessituun dhimma imalaa Lara Picone yeroo ibsitu.
Garuu madaallii sanaan dursanii karoorfachuun barbaachisaa ta’uutu hubatama. Naannoowwan tokko tokko fagoo dha, yeroo dheeraaf qunnamtii bilbila ykn bakka boba’aa konkolaataa guuttatan hin qaban,
Bakka tokko deemuu keen dura, warreen karaa irratti yoo rakkinni si mudate si gargaaran (road side assistance) filachuu fi karaa irra deemtus filachuu mirkaneeffadhu. Naannoowwan tokko tokko fagoo dha, yeroo dheeraaf qunnamtii bilbila ykn bakka boba’aa konkolaataa guuttatan hin qaban,
Gargaarsa duraa, bishaan, nyaata, humna bilbila harkaa kan ittiin guuttattan, map kan waraqaa ykn atlas karaa fudhaa deemaa.
"Namootni baayyeen bilbila harkaa isaanii irratti hirkatu agarsiiftuu daandii kan waraqaa irraa hin qaban, garuu dhugumaan Australia keessatti dirqama Qunnamtii interneeta qabaachuu dhiisuu malata kanaaf kan waraqaa sana qabaachuu itti yaadi," jedha James Williams, itti mataan imaammata RACV.

Kangaroo hopping across an orange coloured dirt road with a 4x4 approaching in the background, The Kimberley, Western Australia, Australia Credit: Abstract Aerial Art/Getty Images
Imala karaa irratti bineensa bosonaa akkamiin of eeggatta?
Yoo kan bineensi bosonaa sochaa jiru agartee, konkolaataa kee qabbaneessi. Keessattuu yoo bineensa agarta of eeggannoo taasisi. Naannoo Kangaaroon karaa irra babahuu jaallatu, yoo dimimmisaa''u oofuu irraa of qusadhu.
Yoo bineensa argite konkolaataa karaa irraa hin daddabsin, ykn hin jajallisin garuu hamma dandeesse jabeessii saffisaan brake qabii, gadi dhiisi, garuu konkolaataa hin jajallisin sababni isaa muka ykn konkolaataa asi sitti dhufaa jiru rukuttee balaa hamaa uumta," jedha obbo Williams.
Yoo bineensa rukutte, suuta haala nageenya qabuun daandii irraa butii konkolaataa dhaabi. Namni hundi nagaa tahuu mirkaneeffadhu, akkasumas bineesi rukutame yoo miidhame ykn madaawe tahe gargaarsaaf dhaabbata Bineensota Bosonaa Kutaa biyyaatti bilbili.
Balaan karaa irraa maalfaa dha?
Qilleensi Australia akka hin eegmnetti saffisaan jijjiirama,
“ Yeroo bonaa rakkoo guddaan ibidda ho’a gar-malee irraa uumamu dha. Ho’I baatrii irratti dhibbaa qaba, keessattuu yoo konkolaataa elektriikaa oofta tahe. Garuu ammo ibiddi bosonaan uumamuun waanuma beekamaa dha. Yeroo hunda iyyuu dhimma qilleesa hamaa ilaalchisee mootummaa naannoo kee fi naanawa keessa jiraattu odeeffannoo argadhu,"jedha obbo Williams.
"Yeroo gannaa, ammo rakkoolee akka qorraa, cabbii gurraachaa fi walumaa gala qilleensi qorraa fi jiidhaan mumul’achuu jalqabu."
Yoo konkolaataan kee karaatti cabe, qunnamtiin dhibee bilbili hin hojjetu yoo tahe konkolaataa kee bira turi , yoo ati badde si irra kokolaataa arguutu salphata jechuun gorsa obbo Williams.
Nama oofaa dhufee si biraan dabru tokko eegdee harka itti raaftee gargaasa gaafachuu dandeessa ykn warra gargaarsa konkolaataa keefis taasisan sii yaamuu dandaúu.James Williams
Seerri daandii, guutummaa biyyaatto tokkuma jechuutu danda’ama, garuu garaagartummaa Kutaa biyyaa gidduu jiru adda baafachuun gaarii dha.

Old hotels form a historic streetscape in the Victorian town of Rutherglen Source: iStockphoto / Bruce Wilson Photography/Getty Images/iStockphoto
Imaltootni eessa dhaabbachuu barbaadu xumura irratti?
Filannoota miidhagaa fi bashannansiisatu jiran.
Magaalaa xiqqoon gammachuu guutuu fi seenaa qabdi, waan baayee fi "waan guddaa"
Yoo beelofte, mana daabboo bira ,kanneen akka vanilla cake, dhugaatii, mana nyaataa chinaa ykn bakka qonnaa waa gurguranfaa argatta.
Manni hobbaas bakka buufataa ykn qarqara karaa jira. Namoota bulaa deemuu fedhaniifis bakki bultii hoteelaa fi moteela dabalee hedduu dha.
Garuu,namoota baayyee wanti gammachiisu uumama lafaa, sochiilee manaa alaa kanneen akka daakaa, qurxummii qabuu, bosona keessa deemuu, cabbii irra deemuufaa dha.
" Gibb River Road irra boolla bishaanii baayyeetu jiru; Bell gorge bakka ati daakaa fagoo irratti argamu kana keessatti daakuu dandeessu, achi keessa naachi hin jiru garuu sana ykn kam iyyuu gara Australia akkas fagoo kana of eeggannoo gochuu qabda," jedhti aadde Picone.
Melissa Carbonell Fullerton jalqaba yeroo Colombia irraa as godaante, karaa irratti waítti bu'uun hagam salphaa akka tahe ishee raaje.
Eessa iyyuu dhaabuun nageenya qaba; Bakka qubanne irraa haga gara karaatti.Melissa Carbonell
Qilleenasa irratti hundeeftee kan imaltu, isheen dhaabbataatti maatii ishee waliin deemti. ïmali biyyaa fi ummata waliin wal agarsiisas ," jedhti Melissaan.

Weekend market on Coochiemudlo Island is a popular travel scenic destination in Moreton Bay near Brisbane Queensland, Australia Credit: chameleonseye/Getty Images
Aada danummaa biyyaa beeduu
Imalli Australia baruuf filannoo dansa.
“‘’Darwin yoo jiraatte, fakkeenyaaf, dhuguma aada-danuu dha magaalaan, akkasumas Ashiyaanota hedduutu jiran, magaalaa Ashiaas jechuun ni danda’ama. Gara galgalaa gabaa qarqara galaanaa Mindil yoo buute ammo aduu lixxu ilaalta, akkasumas nyaata hedduu agarta,'' jedhti aadde Picone.
“Gaduma buutee gara boodaatti achi fagaattee deemtee ammo Australiyaanota agarta. Manneen dhugaatii fi nyaataa babbareedootu jiru. Dhuguma, karaa itti aadaa adda addaa biyyattii keessa jiran itti ifa baasamu dha. ‘’
Qunnamtii gadi fagoo Biyyaa fi Aadaa waliin qabaachuuf Tuurizimii Saboota Jalqabaa daawwadhu.
READ MORE

The impacts of First Nations tourism

Driving on a road trip in Australia. Source: iStockphoto / Handemandaci/Getty Images/iStockphoto
Garamfaa imalta?
‘’Daandii Great Ocean gara Victoria keessa qarqara galaanaa bareedaa imalaaf ta’e ni jira. Akkasumas gara galaana Paasifik kan Brisbane irraa gara Sydney deemu jira, dabrees karaa qarqara galaanaa hedduu dha. Taaziin baayyee guddaa waan hin taaneef imala daandii irratti iddoo gaarii dha, akka biyya Awurooppaa ti. Teessuma lafaa adda addaa ilaaluuf si’a tokkotti sa’a lama qofaaf konkolaataa oofuu qabda.
Yoo caalaatti bahaaruu barbaaddanis Cairns irra haga Cape York ykn Kimberley Dhiha Australia kan jiru , hedduu miidhagaa, nama dha, achi deemuuf konkolaataa four-wheel drive qabaachuu qabdan, akkasumas achi deemtanii maal akka gochuu qabdan beekuu dha. Kanneen biros jiru dhugaa dubbachuuf. Akkasumas qarqara laga Mrray, bakka dhaabbattee kayaki xiqqoo hojjechuu dandeessu sun illee akkaan bareedaa dha. Baayyeetu jiru.
For more ideas, visit Tourism Australia or your state or territory’s official tourism site; many have detailed road trip guides and planning tools.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au