Watch FIFA World Cup 2026™ LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Imalaaf utuu mi’a hin naqatin dura itti yaaduu: Seerri eegumsa nageenyaa Australia - Australia uexplained

Woman and suitcase for travel summertime vacation packing clothing. relax and getaway preparation

You should always pack your own bags when preparing to travel. Source: iStockphoto / Natee Meepian/Getty Images

Bakki seensi daangaa biyyaa walumaagalatti namootni jalqaba yeroo Australia seenan keessa dabrani dha. Qondaalotni daangaa biyyaa Australia,(ABF) qophaawanii dandii irra jiru, meeshaalee dhorkamoo tahan biyya keessaa akka hin seensifne taasisuu irrattis xiyyeeffatu. Utuu imalaaf of hin qopheessin dura, waa tokko tokko gochuu dandeessuu fi hin dandeenye beekuu qabdutu jiran, waan daangaa biyyaa yeroo dabartutti beekuu qabdu kan yoo sirna nageenya biyyaa maal na dhibdeen deemtu tahe maaltu nama mudatuu mala kan jedhan qophii kana irraa barattu.


Tuqaalee Ijoo
  • Border control measures exist to protect our unique environment and economy.
  • Tarkaanfiwwan ittisa daangaa kan barbachiisuu kununsaa naannoo fi Dinagdee tiksuuf jecha.
  • Namni hundumtuu kaardii xiyyaara keessa ykn alatti kennamu Icoming Passanger Card jedhu guutuu qabu. Kun galmee seeraa ti.
  • Waan baatan dhoksuun adabaa fi hidhaatti nama geessa.
  • Yoo if sii tahuu baate ibsi ykn galmeessi

Eegumsi nageenya daangaa Australia maaliif cime

Seerotni eegumsa nageenya Australia addunyaa irratti akka cimaatti kan ilaalamuuf sababa gaarii qaba.

Tarreessi maqaa wanneen seeraan dhorkamanii dheeraa waan ta'eef yeroo Australia seenan maaltu akka hayyamamuu fi qabaachuu ibsuun barbaachisaa tahu beekuun rakkisaa dha.

Akka biyya saba biyya cita lafaa irra jirtuutti, Austraaliyaan ilbiisaa fi dhukkuboota hedduu of irra ittisuu dandeesseetti- garuu eegumsi sun of eeggatnoo irratti hundaawa. Sababa ilbiisaa fi dhukkuba adda addaa nuti of irraa fageessuu dandeenye nutti fiduu danda’aniif , nyaataa fi biqiltoota gara garaa Australia seenuu hin dandeenye tarreeffamee jira,"jedhti Vikki Fischer. Ishiin Barreessituu Gargaartuu kan Imaammata Imaltootaa fi Hojiwwan Damee Qonnaa, Qurxummii fi Bosonaa ti.

Qonnaan jiraattota kumaatamaan lakkaayaman waliigalni biyya keessatti qabee kan jiru dha. Seerri eegumsa nagaa daldala addunyaa qabaachuu fi ilbiisaa fi dhukkuba adda addaa irraa bilisa tahuu Australia mirkaneessas.

Australian Border Force Officer_ABF.jpg
Australian Border Force Officers will be one of your first points of contact when entering the country. Credit: ABF

Incoming Passenger Card jechuun maal?

Yeroo gara Australia xayyaaraan ykn bidiruun ce’an , maammiltootni kaardiii(IPC) irratti waan baatan akka glmeessan gaafatamu. Kaardichi kan yeroo xiyyaaraa irra jirru nutti kennamu ykn akkuma dirree xiyyaaraa seenneen nutti kennamu dha.

Gaaffilee kaardicha irra jiran deebisuudhaan, wanneen baatnee jirru tarii asi akka hin seenne dhorkame qabaachuu keenya Humna Aango’ota Daangaa Australia quba qabaachisa- utuma hin beekin illee kan baatnee jirru yoo tahe.

“Kaardiin bifa keelloo, ykn IPC ykn jecha guutuun Incoming Passenger Card”jedhamu galmee seerawaa dha jechuun akeekkanchist Vikki Fischer. "Galmee seerawaa irratti dhugaa bahaa jirta. Fakkeenyaaf m’oota kanneen akka nyaataa baattee jiraachuu fi dhiishuu kee [… ] omisha biqiltuwwanii , oomisha gogaa horii irraa hojjetamu akkasumas kophee dhoqqee qabu kaawwattee jirta yoo tahe. "

Nyaata hundai, omishai biqiltuwwanii waan akka callaa, waan gogaa horii irraa hojjetame tarii hamaa miti jedhtanii yaaddan illee galmeessuu qabdu.
Vikki Fischer

Waan isin harka jiru galmeessuu jechuun yeroo seentan Aanga’oota nageenyaa waliin wal agartanii  wanti fiddattanii dhuftan sun balaa qaba moo hin qabu ilaalamee sii dabarsuu fi dhiisuu murteessama.

Kanaafuu, kanneen akka choolate, karmeellaa warshaan hojjetame kun kun balaa fidan hin qaban, garuu yoo kamtu sirrii dhaa siif hin hubatamin galmeessi. “

Waan fiddee dhufte sana gabaasuun kee kallattiin fudhatama ykn gatama jechuu miti. Yeroo baayyee ilaalanii kan dabru yoo tahe ni dabarsu

Mi’a naqatte maal akka tahe beekuu qabda, jechuun akeekkachisti kan yero yerootti imaltu jechuun akeekkachiisti Eleni Moutselou

Australia Explained—Border Control
It’s vital that you know exactly what’s packed in your own luggage. Source: Moment RF / d3sign/Getty Images

Yeroon Kellaa dabru , Aangaóonni ABF balaa fiduu kan malu kanneen akka foon fi waan beellada irraa argamu(haannan irraa hojjetamu) boorsaa koo keessatti argan.

“Jarri baayyee aaran, ani nan dhiphadhe. Garuu wanti tahe, yeroo dhuma ka’uuf jedhnu haati koo shaanxaa koo keessa hubatnoo koon malee waan kana keesse, sana hundan itti hime. Booda qodicha akka jirutti gatanii akeekkachiisa na kennanii akka ani deemu na taasisan. “Akka adabamuu dandeessu ykn mana hidhaa deemuu dandeessu beektaa,?” naan jedhan.

Kaardicha guutuuf gargaarsa yoon barbaade hoo?

Yoo kankaardicha hubachuuf isin rakkisuu , itti gaafatamaan yeroo Obbo Neil Singh Aangoonni nageenya biyya haala mijiisaniiru jedha,

“Kaardiin maammiltoota idil-addunyaa afaanota 48 gara garaan jira kanaaf namoota biyyoota gara garaa irraa Australia seenaniif afaan dubbatniin dhiheessuufii dandeenya.
Neil Singh
ABF badge_Credit ABF.jpg
Australian Border Control Officers are available to help you complete you Incoming Passenger Card. Credit: ABF

Wanti dhorkaa tahan kan biroon maalfaa dha?

Wanneen akka meeshaa lolaa, qorsa seeraan dhorkaman fi wanneen dhibee fiduu danda’a (hazardous materials) fi meeshaaleen qara qabn seerrii akkaan to’ata. Hundi isaanii dursanii ibsamuu qaban. Dhoksuun adaba guddaa qaba jedha obbo Singh yeroo akeekkachiisu.

" Akkuma beekamuttuu, yoo ati tahe jedhtee itti yaaddee hin godhne tahe mi’i sun si harkaa fuudhama. Garuu itti yaaddee nu irraa dhoksite yoo tahe mi’i si irraa fuudhamee, seera cabsuu akeekkachisaa hanga hidhaadhaan adabamuu si argachuu mala."

Bird Flu Quarantine Prevention Measures
Quarantine detection dog Willa inspects passenger's baggage at Sydney International Airport. Australia currently has one of the strictest quarantine policies in the world. (Photo by Ian Waldie/Getty Images) Credit: Ian Waldie/Getty Images

Waan dhorkamaa baadheen jira tahee yoon himuu baadhe maaltu taha?

Tarreessi maqaa wanneen seeraan dhorkamanii dheeraa waan ta'eef yeroo Australia seenan maaltu akka hayyamamuu fi qabaachuu ibsuun barbaachisaa tahu beekuun rakkisaa dha. yoo hin beekne gaafadhu, waan dhorkame fiduun adaba guddaa qabaa.

Waan shakkitu ibsi, kun akka warri Aanga'oonni waan sun balaa qabaachuu ilaalanii balicha ittisuu danda'an gargaara.

Aadde Vikki yeroo akeekkachiistu kufaatiin kee yeroo ati dhugumaan waan qabattee deemaa jirtu Kaardii Kara Deemaa Mi’a qabatee deemuu (Incoming Passenger Card) irratti dhugaa isaa guutuu diddu adaba si argatuu dha.

“Garuu kaatee yoo ”nyaatni tokko iyyuu qodaa koo keessa hin jiru jedhtee”garuu Aanga’oonnti Eegumsa Nageenyaa , “dhugaa dhaa” jedhanii si gaafatan atis eeyyee nyaatas, oomisha biqiltuwwaniis, waan gogaa horii irraa hojjetames hin qabu jedhte, kan yoo qodaan kee taabaramee ykn screena jalatti qabamee ykn sareen qodaa suufte akka ati waa qodaa kee keessaa qabnu barra jechuu dha. Yeroo san kan namootni baayyeen adabaman. Utuu hin galmeessine gaafa hafan adabni isaan mudata.”

ABF signage_Credit ABF.JPG
Airport customs is your chance to declare any goods that you're unsure about. Credit: ABF

Wanti beekamaan ibsuu ykn galmeessuu qabdu maalfaa dha?

Qorsa

Qorsi beekamaan kan akka Asprinii fi paracetamolii eehamamaa dha garuu qorsaaleen irra hedduun galmeeffamuu qabu – yoo dhuma illee kallattiin faarmasii irraa bitame tahe.

“Ani yeroo hunda iyyuu qoricha kiyya hunda durseen ibsa/galmeessa." jedhti aadde Moutselou.  Qorichi maaliif akka ana barbaachisu GP kiyya xalayaa naaf barreessa, kanaaf yoo isaan barbaada  ittin kenna, garuu erga ani qorichicha hunda itti kenneen booda isaanis na hubatu.”

Yoo waraqaa ragaa doktora fayyaa qabaatte gaarii dha, garuu qabaachuun dirqama miti,

“Yeroo gara Australia deebitan qorsa keessan qodaa jalqaba keessa ture waliin fudhattanii yoo dhuftan rakkinni tokko hin jiru. Haga jirá sadiis of harkaa qabaachuu dandeessu," jedha obbo Singh itti dabalee.

Ji'a sadiifis of harkaa qabaachuu dandeessa.

Qarshii

Waan murtaawaan hin jiru, haa tahu malee maallaqa $10,000 ol yoo tahe ibsamuu qaba. Tartiiba ittiin galmeessitu saphlaa tahes ni jira.

Alcohol fi Tamboo

Individuals are permitted 2.25 litres of alcohol and 25 cigarettes, or 25 grams of tobacco. This includes any duty-free that you purchase on the way in.

Mataa nama tokkootti alchol fi tamboo mili litirii 2.25 ol tahe fi tamboo marame (cigarettes) grama 25 ol tahe tahe dhorkaa dha. Kunis dirree xayyaaraa keessaa bakka bitamu (duty-free) dabalee ti.

Kennaa

Kennaa (gifts) ati gara Australia qabattee dhuftus gatii isaa irratti seerri waan murteesse qaba.

“Kennaa fi yaadannoo fiduu dandeessa. Sana akka of irraa dhiiftan hin barbaadnu. Yeroo daawwattanitti maatii fi hiryaaf akka kennaa fiddan ni fedhna," jedha obbo Singh. Sana keessa haga $900 daangessamaa dha. Kana

" Waan namni yaadachuu qabu mi'a dhuunfaa kannee ofii keessaniif uffata, kophee fi kkf fidattan $900 kana keessatti hin ilaalamu.Yoo kan kennaan keessan $900 caalu tahe qaraxa itti kafaluuf dirqamtu."

Tarreessiin meehsaalee dhorkamanii bal'inaan toora interneetaa irratti argama: Australian Border Force

Yoo shakkite dursii ibsi. Daqiiqaa xiqqoof kan ati buufata xayyaaraa keessa turtu, adaba si irraa ittisa, umama naannoo, dinagdee fi akkaataa jireenya Australia tiksa.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now