Tuqaalee Ijoo
- Kutaaleen biyyaa fi naannoleen naannoo qurxummii bashannanaaf seera adda addaa qabu, kunis toora maarsariitii irratti argamuu kan danda’u yoo ta’u, sirnaawinsaan odeeffatnoo gad buufachuus dandeessu.
- Adabbiin cimaan sirna eeguu dhabuu irratti fudhatamuu kan danda’u yoo ta’u, dambiiwwan nageenyaa kabajuu dhabuunis balaa uumuuf fi lubbuu namaa galaafachuu danda’a.
- Qurxumi qabduu tahuun qaama aadaa Australia ti, haa tahu kanneen akka sirna eeguu fi namoota kaaniifis bakka qooduutu si irraa eegama.
- Qurxummii qabuun Australia keessatti hagam beekamaa dha?
- Naannoo fi kutaa biyyaa hunda keessatti seerri qurxummii qabuu maal?
- Australia keessatti qurxummii qabuuf ehama barbaachisaa?
- Mirgi qurxummii qabuu Saboota Jalqabaa akkamiin beekamti argate?
- Qurxummii qabuun balaa akkam qaba?
- Gaafatamuummaan qurxummii qabuu ilaalchisee jiru maal?
Bashannanaaf jecha qurxummii qabuun Australia keessatti kan bartame dha akkasumas manaa gadh bahuun heddumminaan hirmaachuun waggoota kurnan lama dabran keessa fedhii guddaan muláteera.

Nin gadanaya xadhigga kalluumaysiga Credit: aywan88/Getty Images
Qurxummii qabuun Australia keessatti hagam beekamaa dha?
Qorannoon guddaan bara 2023 Mootummaan Australia maxxanse akka agarsiisutti, waggaatti ga’eessonni gara miliyoona 4.2 ta’an qurxummii qabuuf akka deeman ibseera.
Saayintistiin qurxummii Andy Moore, qorannoo biyyoolessaa National Social and Economic Survey of Recreational Fishers.dhiheenya kana qurxummii bashannanaaf qaban irratti gaggeeffame hooggane.
"Qorannoon gosa akkasii Australia keessatti yeroo lama qofa hojjetameera.
Bara 2001, fi qorannoo dhiheenya kana gaggeeffame gidduutti wanti nama hawwate, dhibbantaan namoota qurxummii qabuuf deeman, kunis gara dhibbantaa 20, namoota shan keessaa tokko."
Obbo Moore akkasumas fuulli jiraattota Australia jijjiiramaa jiraachuu fi , hawaasni aadaa fi afaan adda addaa irraa tahan sportii keessatti hirmaataa jiraachuu ibse. Hawaasni qurxummii qabuu akka bashanannaatti itti hirmaatan aadaa duraan qaban itti fufan jedha.
"Kunis aadaa duudhaa irraa ti, dhalootni isaanii yeroo bashannana kana irraa hirmaatan mul’ata. Kanaaf yeroo gara Australia dhufan, itti fufanii jiru."
" Qoratnoo keenya irraa ifatti kan mul'ate yoo dur ijoollummaa keetti qurxummii qabuu bobbaatee jiraatte, itti fufuun kee waan hin oolle"

Some rock fishing sites alert the public to the dangers and enforce safety measures. Source: Moment RF / Simon McGill/Getty Images
Naannoo fi kutaa biyyaa hunda keessatti seerri qurxummii qabuu maal?
Stan Konstantaras Pirezidaantii Gamtaa Qurxummii Bashannanaa New South Wales yoo ta’u, qaama waldaalee miseensotaa ol’aanaa ta’ee, sportii qurxummii qabuu, qurxummii bishaan qulqulluu keessaa qabu, qurxummii eeboon qabuu fi akkasumas bulchiinsa naannichaa bakka bu’a.
Aangoon murtii kami iyyuu seera mataa isaa akka qabu jechuun ibsa, kanneen dabalee:
- Meeshaa fi guddina qurxummii fudhachuu qabuduu
- Seera qurxummii kununsuu
- Gosoota meeshaa itti fayyadamuu dandeessanii
- Lakkoofsa meeshaa ittiin qurxummii qabdanii
- Meeshaa dhorkaa tahe
Adabbiin yakka qurxummii cimaa, kan akka daangaa meeshaa itti baadhattuu kan hayyama mootummaa ol tahe, kun hundi adabbii cimaa ykn hidhamuu dabalatee nama mudatuu danda'a.
Seerri qurxummii qabuu kutaa biyyaa hundaa iyyuu maarsarii irra jira. Kutaan biyyaa baayyeenis afaan adda addaatti kan hiikame ni qabu.

Penalties for severe fishing offences include fines or even imprisonment. Credit: SteveLuker/Getty Images
- Northern Territory
- South Australia
- New South Wales
- Western Australia
- Victoria
- Tasmania
- Australian Capital Territory
- Queensland
Obbo Konstantaras meeshaalee qurxummii kanneen gurguran naannoo keetii gorsa qabatamaa sii kennuuf dandeettii gahaa qabu jedha.
“Afaan inglishi beektees dhiiftes duubbee kami irraa iyyuu yoo taate ati maammila isaanii waan taateef si gargaaru."
Warreen naannoo keessaa meeshaa qurxummii ittiin baasan gurguran kun madda odeeffatnoo gaarii dha, obsa qabu , baayyeen isaaniis warra muuxannoo itti qaban.Stan Konstantaras
Austraia keessatti qurxummii qabuuf ehamaa barbaachisaa?
Kutaa biyyaa tokko tokkotti , kanneen akka Kibba Australia, Queensland fi Northern Territory, tasuma ehama si hin barbaachisu. Iddoo kaanitti, gatii gaariin salphaatti argatta.
Wanti yaadachuu qabdan, marsariitii amanamaa kanneen akka kan mootummaa irraa qofa bitadhaa.Maarsariitiin harki sadaffaan qarshii dachaa sadii isin kafalchiisu jedha, Hojii gaggeessaan olaanaa dhimma qurxummii qabuu Victoria, Travis Dowling,
READ MORE

#50 Let's go fishing! (Med)
"Warshaaleen akkasitti gurguran kun baayyeen isaanii biyyoota biro irra ti, ehama kee ni argatta garuu kan silaa kafaluu qabdu irra harka sadii dachaa kafalta."
"Kaan gowwomsitoota, kanuma sirnaawaa kan mootummaa fakkaatu. Kanaafuu, bibiluma harkaa keessaniin marsariitii mootummaa kan Fisheries Authority jedhu irraa bitadhaa. “
Meeshaan ittiin qurxummii qabdan seera naannoo keessaniin wal fudhachuu isaa qulqulleeffadhaa, meeshaalee beekamoon guutuu biyyaa keessatti seera tokko qabu.
"Fkf. Namootni maarsariitii irratti isa ittiin qurxummii qaban wayii argu, isa argan kana bitu dhugaa dubbachuuf wanta baayyee Victoria keessatti seerawaa hin taane maarsariitii irratti ni bittu jedha," obbo Dowling.
Mirgi ummattoota Saboota Jalqabaa akka addaatti guutummaa biyyaa fi naannoo keessatti beekamtii argate. Kan yoo naannawaa aadaan wal fudhate keessatti qurxummii qabuu bobbatu tahe, kabajaa fi mirga duudhaa aadaa ilaalchisee seera naannoo hubadhu.

Learn how First Nations rights to fish are recognised in your state’s fisheries laws. Credit: Rafael Ben-Ari/Getty Images
Qurxummii qabuun balaa akkam qaba?
Qurxummii qabuun balaa hin dhabu. Australia keessatti dhagaa galaana keessa jiru irra dhaabbatanii qurxummii qabuun 2004 haga 2024 gidduutti namoota 241 tu yeroo dhagaa irraan qurxummii qabuu carraaqan bishaaniin nyaatame- walakkaa ol dhaloota Asia ti.
Waggoota 20 dabran kana , lallistootni qurxummii qabuun akka bashanannaa ti kan jedhan NSW irraa , dhagaa bishaan keessaa irra dhaabbatanii qurxummii qabuun akka hafu duula balaaleffannaa Gaggeessaa turan.
Akka gabaasa Royal Life Saving’s national , irraa baheetti miidhamtootni walakkaa ol (pesentiin 56) dhaloota Asia.
“Namni waa’ee spoortii hin beekne tokko gaduma buée dhagaa bishaan keessaa kana irra dhaabbatii qurxummii qabuu yaaluun balaa guddaa dha.”
Uffatnaa of eeggannoof si mul'isu ( life jacket) ykn (lifesaving,) uffachuun barbaachisaa dha jedha obbo Konstantaras , garuu hamaa sitti fakkaatnaan dhiisii , qurxummii qabuu hin deemin jedha.
Xumura irratti, gorsi waan gaarii gochuu, akka nama haaraa reef qurxummii qabuutti gaafatamummaan maal akka tahe bari jedha obbo Dowling.

My sister holding a little fish in her hands with some other children at the Wharf in port Macquarie Source: Moment RF / Clint Mcmanus/Getty Images
Gaafatamuummaan qurxummii qabuu ilaalchisee jiru maal?
Nama gaafatama qabu jechuun:
- Qurxummii yeroo gad dhiiftan eeggannoo godhaafii( harka jiifadhaa akkasumas bishaanii alaa sa'a dheeraa hin tursinaa).
- Qurxummii xixiqqaa iddoo biraa irraa iddoo biraatti hin geessinaa
- kosii achitti hin gatinaa
- Bakkicha kabajuu namoota gara fuulduraaf dhufaniif iddoo qulqulluu dhiisuu
Travis Dowling gabaabsee yeroo kaa'u akkas jedha.
"Wanti yaaduu qabdan, yeroo kana deebi’ee qurxummii qabaachuu yeroon dhufu bakka qulqulluu bareedaa tahe na eega kan jedhu hubattanii, bakkicha qulqulleessuu kununsuu barbaachisu."
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au








