SKIP TO MAIN CONTENT

Australia keessatti suuraa kaafachuuf seera akkamtu jira? - Australia Explained

Woman taking photograph.jpg
For many people, photography is a favourite pastime. Credit: Pia Jessen

Suuraa kaasuuf haaraa yoo taate, qabiyyee miidiyaa hawaasaa uumuu ykn ogeessa suuraa kaasu yoo taate, bakka suuraa kaasuu dandeessu fi hin dandeenye beekuun barbaachisaa dha. Suuraa mudaa hin qabne sana kaasuun dura waan ilaaluu qabdan kuno ti, seeraan.


Published

By Phil Tucak

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Skip to podcast episode content

Suuraa kaasuuf haaraa yoo taate, qabiyyee miidiyaa hawaasaa uumuu ykn ogeessa suuraa kaasu yoo taate, bakka suuraa kaasuu dandeessu fi hin dandeenye beekuun barbaachisaa dha. Suuraa mudaa hin qabne sana kaasuun dura waan ilaaluu qabdan kuno ti, seeraan.


Tuqaalee Ijoo

  • Bakka namoonni baay'een argamanitti suuraa namootaa kaasuun ni danda'ama, garuu hayyama isaanii malee suuraawwan sana daldalaaf itti fayyadamuu hin dandeessan.
  • Qabeenya dhuunfaa suuraa kaasuuf hayyama argachuu qabda, kunis cancaltuu qonnaa dabalatee
  • Kaampii waraanaa suuraa kaasuun dhorkaa dha.
  • Suuraa naannoo Abbootii Dachee ykn naannawa yaadannoo ummataa ilaalchisee mallattoo ykn gorsa naannoo kami yyuu hordofuun gaarii dha.

Nama tokko bakka ummataatti suuraa kaasuu nin danda'aa?

Daandii irratti, oolmaa ummataa(park) keessatti ykn qarqara galaanaatti suuraa ka’asta yoo ta’e, Pia Jessen, Dureen Waldaa Suuraa Australia nama tokko bakka namoonni baay’inaan argamanitti suuraa kaasuun yoom akka gaarii ta’e hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsiteetti.

"Walumaagalatti, suuraa fi viidiyoon hayyama nama sanaa malee Australia keessatti bakka uummanni itti baay'atutti kaasuun ni danda'ama. Kanaafuu bu'uuraanummanni suuraan akka hin kaafamne diduu mirga hin qabu."

Australia keessatti yeroo baayyee namoota ummata biratti suuraa kaasuun ni hayyamama. Haa taʼu malee, fakkiiwwan sana daldalaaf fayyadamuun yeroo baayʼee hayyama kan barbaadu siʼa taʼu, namoota bakka dhuunfaatti ykn karaa rakkina taʼeen suuraa kaasuun seeraan ala taʼuu dandaʼa.

People on Melbourne street.jpg
You can take photos of people in public spaces, but you can't use the images for commercial purposes without their consent. Credit: Pia Jessen

Dhimmoonni seeraa biroo illee ni jiran, kanneen haalaan-ala nama miidhan, ykn akkaan-ala ta’an ni jiran, akka ogeessi seeraa dhimma daldalaa fi uumtuun aartii adde Sharon Givoni ibsitutti.

"Yoo nama tokko karaa nama sana hadheessuun ykn miiduun yoo suuraa kaafte, namni sun seeratti si dhiheeffachuu mala, " jedhti.

"Tarkaanfii tokko fudhannuun balbala mana keenyaa yeroo gadi baanu seerota hedduutu jiru. Kanaaf fakkeenyaaf, bakki sochii cimina qaamaa itti goodhtu (gym) seera ofii qabaachuu malu, bakki daakaa akkasuma. Kanaafuu gorsi cimaan anai qabu, yeroo hunda iyyuu gaafadhaa hubadhaa,"

Bakka qonnaa namaa suuraa fudhachuuf seenuu nin danda'aa?

waltajjiin saba himaalee suuraa hedduun uffifamanii jiru, suuraalee akka ummama dachee, oomisha qonnaa kanneen akka canola fi midhaan biroo dabalatee.

Miidiyaa hawaasaa bufa gara garaa miidhagee jiru kanaan, tarii oomisha warqee tahee mul'ata..... lafa qonnaa sana agarree waa yaaduu dandee" wow" kana midiyaa hawaasaa koo irran kaayyadha jechuu malla. Garuu sun bakka hojii nama biraa it, ykn kun galii waggaa qote bulaa tahuu mala.
Sharon Givoni

Kanaafuu, miidiyaaleen hawaasaa suuraa mudaa hin qabne agarsiisuu danda'a, garuu aarsaa garmaleen miti. Hayyama malee qabeenya dhuunfaa seenuun seeran ala seenuu ta’uu kan danda’u yoo ta’u, midhaan miidhuun abbootii qabeenyaa lafaaf kasaaraa maallaqaa itti fiduu danda’a.

A canola field.jpg
Always seek permission before entering a paddock or field. Credit: Agustin Gunawan / Unsplash

Jastiin Hoobsan naannoo Victoria naannoo Ballarat naannoo miidhagaa ta'etti qonna qaba.

"Bakka jirrutti, duubbee gaarii qabna. Garuu namoonni baay'een, yeroo kanoolaan ba'u, seenanii suuraa ka'uu jaallatu - balaa nageenya umamaa fida," jedha.

Gaaga’amni nageenyaa naannoo kan mudatu, haala akkuma tasaatti, biyyoo, ija ykn sanyii mukaa ykn ilbiisa meeshaa waliin dhufu hordofee, kan dhufu dha, kun ammoo tamsa’ina dhibee tasaa ykn aramaa fida.

" Namni tokko biqiltuu kee keessa seenee, utuu suuraa kaasuu, yoo miidhame eenyutu itti gaafatama? Furtuun ittiin balbala cancalalan eekkara 500 tahuu danda. Kan ollaa hunduu wal fakkaata, namni akkasumas ooruu wal fakkaataa qabu, kan kaanii keessatti of arguu mala, sun ammo dhugumatti qonnaa nama biraa seermaleen seenuu dha.”

Booda irra,ani mooraa kee keessa deemee ooyiruu kee yeroon ilaalu, ati 'maal hojjetta?' jechuu hin ooltu. Bal’inaan bakki hundi wal fakkaata jechuun ni danda’ama – qonna nama tokkoo seentee jirta.
Justin Hobson

Kanaafuu gorsi hunda irra gaariin kellaa qonnaa ala irraa suuraa kaasuu fi osoo cancala bantanii hin seenin dura hayyama barbaaduu dha. Abbootiin qabeenyaa lafaa harki caalaan isaanii daawwattoota kabaja qaban keessummeessuutti gammadu.

Iddoo itti suuraa kaasuun dhorkaa tahe ni jiraa?

Bakkeewwan tokko tokko sababa aadaatiin suuraa kaasuun hin hayyamamu ta’uu danda’a, kanneen akka iddoowwan qulqulluu Abbootii Dachee fi iddoowwan eegumsa qaban jiru.

"Kun naannoowwan Abbootii Qabeenyaa Aadaatiin bulfaman yoo ta'u, dirqama ummataaf bilisaan tahuu hin qaban, suuraa kaasuun siif hayyamamuu fi dhiisuun isaas naannoo murtaa'e irratti hundaa'a," jedhti Sharon.

“Garii hayyama kan barbaadan yoo ta’u gariin ammoo guutummaatti kan daangeffaman qofa, sababni kanaas iddoowwan tokko tokko hiika aadaa ykn afuuraa qabaachuu danda’u, dhugumatti kan seerri ilaallatu jira, gorsi hunda irra gaariin dursa eenyu akka lafa bulchu beekuu fi ulaagaalee hayyamaa barbaaduu dha. akkasumas beekamaa dha, yoo shakkii qabaattan yeroo hunda gaafachuu qabdan.”

Bakkeewwan amantii fi yaadannoowwanis daangeffama suuraa kaasuu qabaachuu dandaʼu. Dhaabbilee albuudaa dhuunfaa ykn dhaabbilee ittisa mootummaa, kanneen ilaalcha nageenyaa fi nageenyaa qaban suuraa kaasuufis hayyamni barbaachisaadha.Bakkewwan akka bakka daldalaa fi bakki biqiltuwwanii ummataaf banaa yoo tahan iyyuu, ogeessa suuraa yoo taate ehama si barbaada.

Drone bashannanaa suuraa kaasuuf fayyadamuu nin danda'aa?

Drone illee meeshaa suuraa kaasutti itti fayyadamuun baramaa dhufeera. Daldalaaf jecha kan drone fayyadamte suuraa fudhachuu barbaaddu yoo tahe, galmeessuu fi ehama Civil Aviation Safety Authority irraa argachuu qabda.

 Drone kan bashannanaaf fayyadaman ehama hin barbaadu, garuu seerota dhimma kana ilaallatan hordofuun barbaachisaa dha.

"Wanti gaarii fi irra barbaachisaan, deemanii ilaaluu, akkasumas bakkichatti fayyadamuuf maaltu akka barbaachisu akka gaariitti hubachuu dha. Yeroo drone fayyadamtanii suuraa kaasuu fedhtan, ummataa fi bineensotaaf eeggaannoo taasisuu keessan mirkaneeffadhaa, “ jedhti aadde Pia.

Fakkeenyi tokko tokko, drone ilaalchisee seerotni jiran, lafa irraa Ol fageenya metira 120 ol balaliisuun kan hin danda’amne tahuu dabalatee, seerronni drone fayyadamuu tokko tokko, namoota kaan irraa meetira 30 fagaachuu, akkasumas drone kun nama irratti, qbeenyaa fi xayyaara irratti balaa karaa fiduu maluun tasuma akka hin fayyadamne.

Naannoo ibbidda bosonaatti illee, drone akka hin fayyadamne daangeffamaa dha, keessattuu bineensota daggalaa fi naannwaa qurxummii galaanaa droonii fayyadamuun dhorkaa dha.

Photographer in field.jpg
Keep in mind respect for people and nature when taking photos. Credit: Maureen Gilbert

Naamusi gaarii suuraa kaasuu ilaalchisee maal?

Waan suuraa kaasuuf barbaadde irratti hundaa’uun, Aadde Pia dambiiwwan naannoo kami yyuu hordofuun barbaachisaa ta’uu dubbatti.

"Mallattoon yoo jiraate hordofuu qabdan. Yoo hin taane ammoo kabaja namootaa fi uumamaaf qabdan qofa yaada keessa galchaa."

Akkasumas bakka deemtan nageenya ofii keessaniif of eeggannoo gochuun, naannoo miidhuu irraa of qusachuu fi qabeenya namoota biroo kabajaan ilaaluun barbaachisaa dha.

Kanaafuu, bakki tokko waan mul'ateef ykn dhaqqabamaa waan ta'eef qofa achitti argamuuf hayyama qabda ykn nageenya qaba jechuu miti jedhti Aadde Sharon.

“Seerri jalqabaa warqeen dhugumatti dursa gaafachuu, achiis lammaffaan suuraa kaasuu dha.”

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now