Nama tokko Kabajaa Beekamtii Australia (Order of Australia) akka tahu kaadhimuuf yaaddeettaa?

The Companion of the Order of Australia medal lays upon a velvet cushion before being presented by Governor-General Quentin Bryce, to Aboriginal rights campaigner Faith Bandler at Admrialty House in Sydney, Wedesday, April 29, 2009. Mrs Bandler was awarded the AC in the 2009 Australia Day Honours for distinguished service to the community through the advancement of human rights and social justice. (AAP Image/Paul Miller) NO ARCHIVING

The Companion of the Order of Australia medal. Credit: Paul Miller/AAP IMAGE

Hawaasa kee keessatti namni ati beektu, hojii dansa hawaasaa isaaf hojjete ni beektaa? Nama kamuu iyyuu ykn gosa hojii kami irraa iyyuu tahuu dandaá. Itti baha hojii isaanii kabajuufiif ittis gammaduuf nama sana Kabajaa Beekamtii Australia akka tahuuf kaadhimuu dandeessa. Akkasumas hawaasa keenya keessatti miseensota adda ta’an adda baasuu fi beekamtii haguma kenninu, tarreen kabajaa Australia aada-danummaa dhugaa Australia calaqqisiisa.


Tuqaalee Ijoo
  • Beekamtiin Kabajaa Australia nama hawaasa keessatti gochaa addaa geessise kamiifuu beekamtii kenna.
  • Beekamtii Kabajaa Australia argachuuf nama tokkoon kaadhimamuu qabda.
  • Kaadhimamaan hunduu madaallii gadi fageenyaa fi cimaa keessa darba.
  • Admeesi nama kaahimuu ilaalchisee jiru hunduu iccitiin eegama.
Kabajni Beekamtii Australia (Order of Australia) kun qaama sirna kabaja biyyoolessaa keenyaa ti. Lammiilee Australia kanneen hojii dinqisiisaa adda tahe Hawaasaaf gumaacha kabajuu fi beekmtii kennuufiin waan guddaa dha.

Kaadhimamtootni badhaasichaaf dhiyaatan qaama wallaba Bulchaa Walii galaa kan tahe Gumii naannoo kan Kabajaa Beekamtii Australiyaan ilaalama.

Rob Ayling Dirkteera Waajjira Bulchaa Waliigalaa ti. Kabajaan Beekamtii Australia lammiilee Australia hundaaf waan ta’eef, adeemsi kun dhuguma hawaasa keessaa kaadhimamuun jalqaba jedha.

“Badhaasa fudhattootni tokko tokko baayyee beekamoo dha, garuu harki guddaan gootota waa’een isaanii hin dubbatamne dha – namootuma nuti beeknu kanneen Hawaasa isaaniif of kennanii nuffii fi ofittummaa tokko malee hojjetan, dhuguma jijjiiramas uuman kanneen akkasiitu jiran.  Gariin tola ooltota, gariin damee hawaasaa keessatti kanneen akka oomisha ykn daldala, spoortii fi aartii keessatti gahee guddaa taphatu. "
Dhuguma abalutu beekamtii argachuu qaba kan jedhuun hin daangeffamu, garuu namni beekamtii argate hundi waan waloo tahe tokko qaba- innis namni biran tokko yeroo fudhatee beekamtii kennuufiin isaan kaadhimuu isaa ti.
Rob Ayling, Director at the Governor-General’s Office
Yeroo ati nama tokko beekamtii kenniteef badhaasaaf kaadhimtu, Gumiin Naannoo kan Kabjaa Beekamtii Australia adeemsa sana oofuu irratti aboo qaba: sadarkaa adda addaa qabas, Companion of the Order (AC),inni kun isa ol’aanaa dha, 2ffaan, Officer of the Order (AO), 3ffaan Member of the Order (AM), fi inni Medal of the Order (OAM) jedhama.OAM yeroo baayyee kan kennamu dha.

Nama tokko akka kaadhimtu maaltu si jajjabeessa"?

Namni yeroo isaa fudhatee kaadhimamaa beektu dhiheesse Michael Smith jedhama.

“Namni adda tahe tokko ani badhaasaaf kaadhime, akka ani beektutti, yeroo dheeraadhaaf hawaasaaf tajaajila adda tahe kennaa ture.,” jedhe.

“Kanaaf hojiin kun waan beekamtiin kennamuufii qabu jedheen yaade. Bakka namni kun tola ooltummaan hojjetu argeera, ammo badhaasota duraan tahaa dabran keessatti namni kun beekamtii akka hin argatinis argeera. ”

TNamoota dhuunfaa jijjiirama fiduutti cimanii hojjetan, kanneen ol bahanii hin mumul’annefaa dha jedha Michael Smith.

“Namootni kun namoota ati maxxansa oduu irratti waa’ee isaanii dubbistu miti. Namootuma jargii dha. Olloota kee tahuu malu, namoota ati waliin hojjettu, akkasumas wanti isaan hojjetan waan jijjiirama fiduu fi beekamtii isaanii kennisiisu tahuu danda’u.”
Medal of the Order of Australia
Medal of the Order of Australia. Credit: Tim Thorpe

Adeemsi isaa akkam?

Si’a takka kaadhimtee, achiin booda qorattootni Waajjira Bulchaa-Waliigalaa Odeeffannoo kana dhugoomfatu.

Uunka galfame san irratti , warreen nama kana kaadhiman, kadhimaamaa kana fi tajaajila isaaniif kan beekan maqaa tarreessu warra waaée nama kadhimamee kana ragaa bahan jechuu dha. Warreen qoratan booda irra ragaalee kana qunnamanii yaada isaanii gaafatu.

Obbo Ayling, yeroo ibsu, adeemsi kun cimaa fi yeroo gara ji’a 18 irraa haga waggaa lamaa fudhatu dha jedha.

“Gumiin Naannoo dhuguma madaallii baayyee gadi fageenyaa, qabu tajaajila kaadhimamaasun kenne, maal akka hojjetae, dhiibbaan inni uume maal akka ta’e beekuu irratti hirkata."

Bulchaa Waliigalaadhaaf yaada ni kennu, inni dhumarratti yaada sana irratti mallatteessa waan taheef.

Achiis beeksisni waggaatti si’a lama, ji’a Amajjii fi Waxabjjii keessa ni ba’a.
Tim Thorpe receiving his OAM from former General Governor of Victoria Linda Dessau.
Tim Thorpe receiving his OAM from former General Governor of Victoria Linda Dessau. Credit: Tim Thorpe OAM

Iccitii eeguun ijoo dha.

Jalqaba irraa qabee haga xumuraa adeemsi jiru hundi kan iccitiin qabamu dha, maqaa warreen fudhatanii dabalee.

Tim Thorpe tjaajila raadiyoo hawaasaa kennuuf badhaasa Kabajaa Beekamtii Meedaalii fudhatee ture, akkas jedha.

"Gara Onkoloolessa keessa Emailii tokkotu na gahe, badhaasaaf addaaf kaadhimamuun koo natti himamee yoo ani fudhachuu fi fedhii qabaadhee fi didu tahe akkan deebisu gaafata ture, uunichan guutee deebise. ” waa’ee kanaa iccitiin qabuun qaba. Kun waan namootatti dubbatan miti naan jedhan.

"Achiin booda gara ji’a Muddee keessa, badhaasni ani itti kaadhimame Bulchiinsa-Waliigalaan raggaasifamuutu natti himame, irra deebiin iccitiitti akkan qabus gad-jabinaanin hubachiifame."

Yoo nama kaadhimte, ati illee iccitii akka eegdu gaafatamta,

Yeroo Kabajaa Beekamtii Australiyaaf nama dhiheessitu, nama sani irraa illee iccitiin akka eegdu gaafatamta. Sababni isaa, tarii kaadhimaamaa dhiheessuun yeroo hunda kan milkaa’inaan xumuramu qofa miti, kanaaf kan isaan eegan ala akka hin taaneef of eeggachuuf jecha.  
 
Warrumti kaadhimaniif illee iccitiin eegamuu qaba.

Warri ragaaf qunnamaman illee Odeeffannoo kana dubbachuu irraa of qusachuu fi iccitii eeguun dirqama jedha obbo Ayling yeroo ibsu.

"Bulchiinsii fi Gumiin Kabajaa Beekamtii Australia, dhugumaan iftoomina fi dandeettii ragaaleen dhihatan waaée nama kaadhimamee sana amanamummaan dubbatan irratti hundaaúun murteessu,"jedha obbo Ayling yerooo ibsu.

“kaadhimamee jiru sun, ragaaleen waa’ee nama sanaa maal akka jedhan gonkumaa akka hin beekneef iccitiin daran cimaatti eegama.”

Beekamtii Kabajaa Australia argachuutti maaltu sitti dhagahama?

Tim Thorpe badhaasaaf kaadhimamuun isaa qofti isa hin ajaaíbne, garuu hagam hiriyootni hojii isaa gaarummaan beekamtiif isa kaadhiman dinqisiifate.
Wanti beekamaan tokko namni badhaasa kanneen argatan hunduu kan isaan yaadan, dhuguma kun naaf ni malaa? Jedhu. Garuu dhugaa dubbachuuf abbaa utuu hin taane namni biraa hojii namaa ilaalu sun murteessuutu dansa. Beekamtii naaf kennan san jejachuun qaba, naaf malaaf na kaadhiman waan taheef.
Tim Thorpe, OAM recipient
” Garuu, want beekamu jireenya namoota tokko tokko jijjiiruu keessatti gahe qabda turte, kana beekuun fi beekamtii siif kennamuun waan gaarii tokko. Kun yeroo yerootti waan hundi keenya barbaadnu dha. Jajjabina akkasii ni barbaadna. Waanti hojjetaa jirru gaarummaa fi tahuu akkasumas bu’a qabeessa tahuu baruun keenya barbaachisaa dha.”

Nmootni badhaasa fudhatan Meedaalii halluu warqee qabu fudahtu. Akkasumas sirna idilee Mana Mootummaa magaalaa guddoo kutaa isaanii keessatti gaggeeffamuuf affeeramu.

Guyyaan kanneen akkasii kabajan kun baayyeedhuma bareedaa dha, yeroo gammachiisaa kan badhaasa fudhattootni maatii fi hiriyaan marfaman, akkasumas kanneen badhaafaman waliin gammachuu qooddatan, dhuguma yeroo dinqisiifannaa, beekamtii walii kennan.  Dhugmatti yeroo, namootni dhalootumaan garummaa fi garraamummaa qaban itti dinqisiifataman, hojiin isaanii jejamu, tajaajiltoota dinqisiifamoo Australia tahuun itti kabajamu dha," obbo Ayling.
hilkat_ozgun.jpg
Hilkat Ozgun OAM

Beekamtiin Kabajaa Australia kun jireenya kee ni jijjiiraa?

Kabaja Beekamtii Australia fudhachuun hawaasa isaanii keessatti daran akka hojjetan taasisuu irra dabree – warreen badhaafaman kun namoota akka isaanii kanneen biro akka kabaja kanaaf dhiheessan isaan kakaasa, jedhti aadde Ozgun kan ofii isheef hawaasa ishee hawaasa Turkii keessatti gummacha taasifteen badhaafamte.

“Hawaasa Turkii keessaa nama baayyeen kaadhime, akkasumas Hawaasa biro Australia keessa jiran badhaasa adda addaaf kaadhimeera," jedhti aadde Ozgun.

Ragaa hojii isaanii tahuufiidhaan miseensota hawaasaa jajjaboo tahaniif beekamtii kennuu fi jejachuu itti fuftee jirti.

Nama kaadhimuu barbaaddaa?

Maarsariitii irraa odeeffatnoo argattu asi Governor General's tuqii dubbisi.

Nama hawaasa keef hojjete kaadhimuuf shakkii tokko hin qabaatin uunkaa guutuun dhiheessi. Wajjirris si gargaaruu danda'u ," jedha obbo Ayling.

“Maal naan jedhuu sodaattee nama hojii gaarii hojjette tokko Kabaja Beekamtii Australia argachiisuu of hin qusatin. Kabaajaan Beekamtii Australia dhugumaan aada-danummaa Australia kan calaqqisiisu tahe argamuu kan Biyya keenya cimsu akka tahus barbaadna. Kun kun kan tahus hunda keenyaan hunda keenyaafi, Lammiileen Australia hundi kana keessatti qooda fudhachuu qabu.  Hojii kam iyyuu haa hojjetan, duubbee kamuu haa qabaatan garuu hojii dansa hojjetaniif Kabajaa Beekamtii Australia argachuu akka danda’aniif Hawaasa keessan keessa ilaalaa nama kamtu Hawaasa ijaaruu, jabeessuu waan gaarii hawaasaaf dalaguu yaalee hubadhaatii kaadhimaa. Aada-danummaan Australia miidhagina Australia ti, Kabajaa Beekamtii Australia irraa qooda fudhaa”

Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 


Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service