Akka biyyoota biroo, lammiileen Australia qabeenya dhaalmaan argatani irratti gibira hin kaffalan. Haa tahuu, seerri dhaalmaa cimaan haa jiraatu iyyuu , lammiileen Australia dhibbantaatti harka 50 ol utuu qabeenya isaanii utuu hin dhaalchisin waan du’aniif, yeroo baayyee maneen murtiitu gidduu seenu. Dhaalli salphaa kan tahu namni tokko erga du’ee booda qabeenyi isaa akkamitti akka raabsamu akka hawwu dhaalmaaf (will) yoo dursee of qopheesse dha.
hubannoo
- Awustraliyaanotni gibira dhaalmaa hin kafalan.
- Raawwachiisaan dhaalmaa sana akka hogganu muudama.
- Dhaamsi dhaalmaa yoo jiraate dhaalli salphaatti xumurama.
Share






