Tuqaalee Ijoo
- Gargaarsi fuula- fuulatti fi odeeffatnoon mootummaa irraa argamu jijjiirama hojii keessa seenuuf si gargaaru jira.
- Godaantotni dandeettii fi muuxannoo hojii adda addaa gara mana hojii fiduu danda’u, garuu tarii hojii tokko tokko barmoota dabalaa barbaadan ykn muuxannoo biyyichaa barbaadaniif leenjii fudhachuu fedhsisa.
- Gabaa hojii har'aa kana keessatti dandeettii AI qabaachuun guddisee barbaachisa.
- Hojjettootni Aussie hojii jijjiirrachuun hagam beekamaa dha?
- Kan yoon ijoollee tahe ykn muuxannoo hojii hin qabu tahe maaltu taha hojii jijjiirrachuuf?
- Australia keessatti hojii jijjiirrachuuf odeeffatnoo ykn gorsa eechaan argadha?
- Gabaa Australia keessatti haall hojii har'aa fi egeree maal fakkaata?
- Hojii yeroon itti dhiisu akkamiinan beeka?
Hojii haaraa hojjechuuf carraaquun hojii ulfaataa fi dhiphina guddaa qabu taʼuu dandaʼa.
Garuu ammoo carraa hojii dansa sii banuu danda'a jedhu, ogeeyyiin.
Hojjettootni Aussie hojii jijjiirrachuun hagam beekamaa dha?
Hojii jijjiirrachuun Australia keessatti waan hin baratamne miti. Akka ragaan ABS isa haaraatti Fulbaana 2024 hanga Fulbaana 2025tti hojjettoonni miliyoona tokkoo ol hojii jijjiiraniiru.
Jijjiirama hojii irratti odeeffannoon sirrii ta’e jiraachuu baatus, qorannoon bara 2024 gaggeeffame akka agarsiisutti hojjettoota Australia lama keessaa tokko ni jijjiirratu.
''Jijjiiramni hojii guutummaatti waanuma barame ta'aa jira, jedhti leenjistuun hojii Alice Cheng..

Kan yoo ijoollee tahe ykn muuxannoo hojii hin qabu tahe maaltu taha hojii jijjiirrachuuf?
Ogummaa haaraa yaaluun nama umuriin isaa waggaa 20 keessa jiruuf caalaatti kan namatti tolu fakkaachuu danda’a, ammas dandeettii ijaaruu fi addunyaa kana keessatti karaa isaa argachuu danda’a.
Garuu namoonni sadarkaa jireenyaa hunda keessa jiran yoo barbaadan sochii kana gochuuf fedhii qabu jedhti aadde Cheng.
“Umurii 40 keessa, eessa gahuu akka barbaaddu, maaltu akka si humneessu fi si hamlachiisu itti yaaddu fi ofitti amummaa guddaa itti argattu dha.
“Umurii 50 keessa, hojii kee keessatti gara aduun lixuutti yeroo deemtu, yeroon itti waan hojjedhtu hojjechuu itti fufuu barbaadda moo waggoota 10-15 itti aanan haala adda ta’een jiraachuu akka barbaaddu murteessuu dandeessu dha.”
Industirii irratti hundaa’uun godaantonni haaraan Australia keessa jiran muuxannoo naannoo gahee hojii tokko tokko keessatti barbaachisu qabaachuu dhiisuu danda’u.
Garuu daldala haaraa walumaa galatti barachaa jirta yoo ta’e malee, dandeettii fi muuxannoo dabarfamuu danda’u kami iyyuu kan of iif qabdu yaadi, gaafatama kaffaltii qabus ta’e kan hin qabne qabda yoo tahes.
“‘Ciminni koo maali?’, warreen naannoo kootti hojiif iyyatan wal bira qabamee yeroo ilaalamu ani maalan dhaabbata kanaaf fidee dhufe? kan jedhu yaadi. Achiis resume kee irratti ibsi, ofitti amanamummaadhaan aaf gaaffiitti yeroo dhihaattu ofi ibsuun barbaachisaa dha, hin sodaatin jedhti," aadde Cheng.
Akkasumas, kan yoo loqodi koo adda jedhtee yaadde , grosi ishee daandii haaraa kee himachuu irratti xiyyeeffadhuu dha.
Namootni dhibbaatamaan lakkaa’aman ani leenjise kanneen heddumminaan afaan inglishii afaan lammaffaa taheef mirkana, isaanis afaanni dhiibbaa irratti fiduu dubbatu, garuu kun sammuu isaanii keessa kan jiru.Alice Cheng
Har'aan tana namootni Australia hunduu loqoda qabu jedhti.

Australia keessatti hojii jijjiirrachuuf odeeffatnoo ykn gorsa eechaan argadha?
Ofii kee dandeettii fi ogummaa kee guddifachuuf odeeffatnoo yoo barbaadde, barmoota ogummaa fi hojii industry adda addaa naannoo kee jiran baruuf, maarsariitii mootummaa kanumaaf qophaawe kutaa biyyaa fi naannoo keetii ilaali. Kanneen armaa gadii tuquun ilaaluu dandeessa:
Akkasumas maarsariitii workforceaustralia.gov.au jedhu ilaaluun bakka kanaa waa'ee dhimma hojii jijjiirrachuu ilaaluuf asi ilaali Job Switch tool to helpkun hundi dandeettii kee fi ga'umsa kee irratti hundooftee hojii siif tahu argachuuf si gargaara.
Yoo umriin kee waggaa 45 ykn sanii ol tahe, bakka Career Transition Assistance program tuqii ilaali.
Naannoleen murtii tokko tokko, kan akka Victoria fi Dhiha Australia, wiirtuuwwan bakka tokkotti argaman kan gargaarsa hojii, leenjii fi hojii bilisaa qabu.
Craig Robertson Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ogummaa Victoria ti.
Dhaabichi wiirtuuwwan Ogummaa fi Hojii hedduu mooraa TAFE guutuu bulchiinsaatti ni geggeessa.
"Ummata hundaaf banaa dha, jechuun dubbata Mr Robertson.
“Akkasumas hawaasa keessatti waan hojjetaniif, hojii naannoo addaa sanaa irratti hubannoo gaarii qabu... fi gorsitoota ogummaa gorsa hojii of danda’e kennuu danda’an.”
Yoo gabaa hojii Australia irratti hubannoo barbaaddan, Mr Robertson toora interneetaan odeeffatnoo yourcareer.gov.au.irratti argaman fayyadamuu gorsa.
"Innis karaa itti gaaffilee kanneen akka bakka hojii barbaadduu itti bareessitee gaafattuu ti.
Odeeffannoowwan kanneen armaa gadii siif kenna:
- Abdii hojii akkamii qaba?
- Mindaa akkam qaba?
- Hojii tokko tokkoof leenjii akkamii yoo fudhatte itti si qopheessa?

Gabaa hojii Australia keessatti haalli hojiin ha'aa fi egeree maal fakkaata?
Ogummaa guddisuudhaan gabaa hojii Australia keessatti dorgomaa ta’uuf, sammuu namtolchee ykn AI irratti leenji’uu yaadaa.
“Keessattuu indaastiriiwwan namoota dandeettii AI qaban barbaadu,” jedhti University Queensland Mana Barumsaa Daldalaa keessatti barsiistuu ol'aantuu kan turte Dr Caoline Kinght.
Hojiin walmakaa (hybrid work) illee kan turuuf jiru jedhti, Dr Knight.
Tekinoolojiwwanii fi nageenyi fooyya'uu irraa wantooti jijjiiramanii, amma namni manaa hojjechuun caalaatti salphateera.Dr Caroline Knight
Warreen kallattiin hojii irratti argamuu qaban kan isaanii beekamaa dha.
"Garuu bakkoota hojii hedduutti, amma iyyuu namootni manaa hojjechaa jira, " jedhti Dr Kinght.

Hojii yeroon itti dhiisu akkamiinan beeka?
Maqaa hundi badhaasa argachuuf ykn rakkinaan of qor hojii hin jijjiiraratu.
Tokko tokko haala badaa, hojii summeessaa ykn sababa gubannaa jalaa miliquuf kana godhu dha.
Yeroon itti fufuuf sirrii ta’uu isaa madaaluu kan dandeettii si qofa jedhti Dr Kinght.
Yeroo tokko, jalqaba jalqabaa kee wajjin haasaʼuu fi si mudatan kami iyyuu irratti mariʼachuun taʼuu dandaʼa.
“Hojii silaa jaallattu dhiisuu sabatee yoo deemte nama gaddisiisa, sunis boota naannawaan hojii sitti hin tollee fi nuffisiisaa taheef.
“Garuu hojii saniin akka wal hin sine qofti sitti sitti dhagahama yoo tahe gad dhagan kee yaadaa dha.”
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au







