Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Torres Strait Islander: Alaabaa, Dachee, Glaanaa fi Ummata - Australia Explained

Australia Explained – Torres Strait flag
The visibility of the flag can be powerful for Torres Strait Islander people. Credit: Kelly Defina/AFL Photos/via Getty Images

Australia keessatti tarii alaabaa gosa sadii waliin balali'an agartan taha.? Alaabaa Biyyaalessaa Australia, Alaabaa Aboriginal fi Alaabaa Torres Strait islander. ummattootni Aboriginal fi Torres Strait Islander ummattoota adda addaa Abbootii Dachee Australia ti, Lachanuu seenaa, aadaa, afaanii fi alaabaa ofii qabu. Ummattoota Torres Strait Islander hedduuf , alaabichi mallattoo humna qabeessa, eenyummaa fi of-tahummaa ti, yoodhuma illee cita lafaa, biyya guddaa ykn biyya biroo jiraatanis.


Published

By Nikyah Hutchings

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS




Share this with family and friends


Australia keessatti tarii alaabaa gosa sadii waliin balali'an agartan taha.? Alaabaa Biyyaalessaa Australia, Alaabaa Aboriginal fi Alaabaa Torres Strait islander. ummattootni Aboriginal fi Torres Strait Islander ummattoota adda addaa Abbootii Dachee Australia ti, Lachanuu seenaa, aadaa, afaanii fi alaabaa ofii qabu. Ummattoota Torres Strait Islander hedduuf , alaabichi mallattoo humna qabeessa, eenyummaa fi of-tahummaa ti, yoodhuma illee cita lafaa, biyya guddaa ykn biyya biroo jiraatanis.


Tuqaalee Ijoo

  • Alaabaan Torres Strair islander dachee, galaanaa fi ummata bakka bu'a.
  • Alaabichi bara 1992 artistii Torres Strait Islander Uncle Bernard Namok Snr nama jedhamuun bochame, har'a Alaabaa biyyaalessaa Australia sadii keessaa tokko dha.
  • Bifi magariisi, samii, gurraachii fi adiin (uffata mataa) dari jedhamu of keessaa qaba, akkasumas urjiin roggee shanan Gartuu Island shanan bakka bu'a.
  • Baayyeedhaaf alaabichi mallattoo eenyummaa, sabboonummaa fi dandamannaa ti, amma addunyaa guutuutti mul'ata.

Alaabaan Torres Strait Islander eessaa dhufe?

Odolawwan Toorees Istiraayit garee odolawwan fiixee Keep Yoorki Kuwiinslaandii fi Paapuwa Niwu Giinii gidduu jiranidha. Odolawwan kunniin:

  • Northern Division (Boigu, Dauan, Saibbai)
  • Eastern Islands (Erub, Mer, Ugar)
  • Western Division (St Pauls, Kubin, Badu, Mabuiag)
  • Central Division (Masig, Poruma, Warraber, Iama)
  • Southern Division (Thursday, Horn, Prince of Wales and Hammond Islands, NPA and Mainland Australia.

Bara 1992tti, Manni Maree Qindeessaa Odoola dorgommii namoota Torres Strait Islander alaabaa hawaasaa dizaayinii gochuuf geggeesse. Galmeen mo'ataa kan ta'e Adeera Bernard Namok kan Thursday Island irraa ture.

Uncle Bernard, Bernard Namok Jnr, abbaan isaa minjaala kushiinaa isaanii Thursday Island irratti alaabaa irratti hojjechuun halkan dizaayinoota dorgommii kanaaf bocu ilaaluu isaa ni yaadata.

Adeerri Bernard dizaayiniin isaa mallattoo saba isaa ta’uu arguuf hin jiraanne, dorgommiin kun erga xumuramee yeroo muraasa booda du’aan boqote. Walitti dhufeenyi Bernard Jnr abbaa isaa waliin qabu alaabaadhaan jiraachisa, halkan abbaan isaa fakkii kaasu ilaaluu sana yaadata.

Australia Explained - Torres Strait flag
The Australian, Indigenous and Torres Strait Islands flags fly together in front of the High Court of Australia in Canberra. Credit: AAP Image/Lukas Coch

Alaabaan Torres Strait Islander hiikaan isaa maal?

Mallattoo fi bifni tokkoon tokkoon isaanii hiikaa ofii qaban:

  • Magariisni dachee
  • Bifi samiin bishaan Torres Strait
  • Gurraachi ummata Torres Strait Islander
  • Adii dari (a traditional headdress) eenyummaa aadaa Torres Strait Islander bakka bu'a
  • Urgiin roggee shanan gartuu gurguddoo Island Torres Strait keessa jiran bakka bu'a.

Barataan seeraa Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander Tyrell Viti kan dhalatee guddate Thursday Island yoo ta'u, amma Townsville, Queensland jiraata.

“Ofii isaatiin qaama eenyummaa aadaa keenyaa ta’ee natti dhaga’ama,” jedha. “Kutaa seenaa keenyaa guddaadha. Miira bakka bu’ummaa sanas qabaachuun dhuguma gaarii dha. Keessattuu hawaasa xiqqaa keessa ta’uudhaan alaabaa kana argita, seenaa eenyu akka taane, eessa akka deemnu, akkasumas akkamitti akka gara fuulduraatti tarkaanfachaa jirru, jal’ina erga koloneeffannaa booda raawwatame hunda darbee hima.

“Ummanni keenya akka biqiltootaa fi bineensotaatti ilaalama ture malee akka namaatti miti. Kanaafuu anaaf alaabaa kun ofumaa dubbata. Akka namatti akkan ilaalamu waan natti dhaga’amuudha, sababni isaas saba koo bakka bu’aa waan ta’eef.”

Australia Explained - Torres Strait flag
Seeing the flag in public arenas creates a sense of recognition and inclusion. Credit: AAP Image/Lukas Coch

Alaabicha waliin guddachuun miira akkamii qaba?

Bernard Jnr fi Tyrell lamaan isaanii iyyuu Thursday Island irratti kan guddatan yoo ta'u, hawaasa xiqqaa garuu hojiin itti baay'atu maatii fi aadaan guutame ta'uu ibsaniiru.

Tyrell'f alaabaa qaama jireenya guyyaa guyyaa ti:

"Iddoowwan akka mana murtii fi iddoowwan guyyaa guyyaa qofa ol biyya guddittii keessatti argamanitti alaabaa arguun, akkasitti akkan mul'atu natti dhaga'ama, bakka ani odola xiqqoo lafa guddittii irraa fagaattee dhufuu danda'u. Garuu biyya guddittii seenuun, alaabaa koo mana murtii keessatti arguun, alaabaa koo waajjira poostaa naannoo keessanii keessatti arguun, namoonni tokko tokko uffata isaanii irratti uffatan arguun-akka namoonni as ol biyya guddittii keessa jiran jaalalaa fi kabaja guddaa achi ol nuuf qaban natti dhaga'ama.

"Hundi keenya qaama Australia ta’uu keenya qofa nutti dhaga’ama, akkasumas akkamitti akka walitti hidhamnee fi akka tokkootti fuulduratti tarkaanfachuuf yaalnu.”

Bernard Jnr jireenya alaabaa bakka hundatti osoo hin jiraatin ni yaadata. Dorgommii bara 1990moota keessa gaggeeffameen booda suuta suutaan odola kana keessatti akka babal'atu ilaaleera, amma bakka inni gonkumaa hin eegnetti arga.

Alaabicha eessafaatti agarra?

Har'a alaabaa Torres Strait Islander guutuu Awustiraaliyaa keessatti balali'a. Manneen barnootaa, yunivarsiitii, paarlaamaa, mana maree naannoo fi manneen murtii ala, yeroo baayyee alaabaa Aboorijiinaal fi Awustiraaliyaa cinatti arguu dandeessu.

Tyrell'f kun humna guddaa qaba. Alaabaa mana murtii, waajjira poostaa fi uffata namootaa irratti arguun isaa akka beekamtii fi hammatame itti dhaga’ama.

Australia Explained – Torres Strait flag
The flag is a powerful symbol of identity and belonging on the islands, the mainland and overseas. Credit: Danny Lawson/PA/Alamy/AAP Image

Bernard Jnr alaabaa Torres Strait Islander mana isaa irraa fagaatee balali'uus argeera. Dokumantarii isaa Carrying The Flag jedhamu waliin ayyaana biyya alaa irratti kan imale yoo ta'u, alaabaa kanas Imbaasii Awustiraaliyaa Landan, Paaris fi Niiw Yoorkitti argamutti argee jira.

Yeroo hunda Bernard Jnr daaímumaa isaa gara Thursday Island akka yaadaan isa deebisu dubbata.

“Eessa iyyuu yoon jiraadhu, yeroon alaabaa argu, ijoollummaa koo bakka cita lafaa sana irratti guddadhee abbaa koo jala deemee waan inni hojjetu ilaalaa turefan arga. ”

Alaabichi dhaloota dhufutti maal agarsiisa?

Bernard Jnr ijoolleen seenaa alaabaa Torres Strait Islander duuba jiru beekanii akka guddatan barbaada. Kitaaba daa’immanii Alaabaa Keenya, Seenaa Keenya jedhu Toomaas Maayo waliin kan barreesse yoo ta’u, fakkii Tori-Jay Mordey’n hojjetame.

Bernard Jnr barbaachisummaa Alaabaa Keenya, Seenaa Keenya ilaalchisee dubbata: "Manneen barnootaa keessatti dubbisa baay'ee qabadheera, keessumaa naannoo Torban Araaraa fi NAIDOC. Yaadni barsiisotaa fi hojjettoota deeggarsa mana barumsaa irraa qabu hundi, ijoolleen kitaabicha dubbisuun baay'ee gammadu turan."

Tyrell Viti graduation.JPG
"It's good that we have a flag dedicated and designed by us, for us," Tyrell Viti says. Source: Supplied / Tyrell Viti

“Alaabaa nuti, nuuf, imala keenya itti fufnee gara fuulduraatti akka tarkaanfannu nu kakaasu qabaachuun keenya gaariidha, kanaaf eenyummaa aadaa keenyaaf beekamtii kennuudhaan akka boonnu,” jedha Tyrell.

Alaabaa Torres Strait Islander yeroo argitan, mallattoo lubbuu qabu kan lafa, galaanaa fi namootaa, fi aadaa har’as itti fufee jiru Torres Strait Islands, guutuu Australia fi addunyaa guutuu ilaalaa jirta.

    Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

    Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


    Latest podcast episodes

    Follow SBS Oromo

    Download our apps

    Listen to our podcasts

    Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

    Watch on SBS

    SBS World News

    Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

    Stream now